Beeljiyeem dubartoota daldala saal-qunnamtiin jiraataniif hayyama da’umsaafi soorama hayyamte

Akeekkachiisa: Barreeffamni kun seenaa qabiyyee saal-qunnamtii qaban of keessatti qabateera.

Soofiin Beeljiyeem keessatti daldala saal-qunnamtiin jiraatti.

“Ulfa ji’a sagalii ta’een hojjechaa ture. Da’uudhaaf torban tokko yeroo na hafu maamiltoota kiyya waliin saal-qunnamtii raawwachaan ture,” jetti.

Haadha ijoollee shanii ta’anii kana hojjechuun “baayyisee ulfaataadha” jechuun ibsiti.

Daa’imashee shanaffaa ammoo wallaansa baqaqsanii yaaluutiin deesse. Torban ja’aaf akka boqonnaa fudhattuuf hakiimni isheetti hime.

Boqonnaa fudhachuu waan hin dandeenyeef garuu gara hojiitti deebite.

“Maallaqni waan na barbaachisuuf hojicha addaan kutuu hin dandeenye,” jetti.

Osoo hayyamni da’umsaa kennameefiif warra qacaranii ishee hojjechiisanirraa kaffaltaa argattee silaa jireenya salphaa taasisaaf ture.

Seera Beeljiyeem dhiyeenya kana baafte addunyaarratti isa jalqabaati.

Seerri kun, namoonni daldala saal-qunnamtiirratti bobba'an waliigaltee ifa ta'eakka mallatteessan, inshuraansii fayyaa akka qabaatan, soorama akka argatan, hayyamni da'umsaa akka kennamuuf, akkasuams yeroo dhukkubsatanillee boqonnaa ba'uu akka danda'an hayyama.

Akka seera kanaatti, namoonni daldala saal-qunnamtiitti bobba'an faayidaawwan namoonni ogummaa biroo keessa jiran argatan ni argatu.

"Akka namaatti akka jiraannuuf carraa kan banudha," jechuun seera kana dinqisiifatti Soofiyaan.

Guutummaa addunyaarratti namoonni miliyoona 52tti siqan daldala saal-qunnamtiirratti bobba'anii akka jiran waldaan idil-addunyaa namoota daldala saal-qunnamtiitti bobba'anii ni ibsa.

Beeljiyeem bara 2022 hojiin daldala saal-qunnamtii seeraan ala jettee dhorkaa keessaa kan turte kaasteetti.

Turkiifi Peeruu dabalatee biyyoota biroo keessatti daldalii saal-qunnamtii seera qabeessadha.

Mirgi hojjetootaa namoota Beeljiyeem keessatti daldalasaal-qunnamtiitti bobba'aniif kenname kun addunyaarratti isa jalqabaati.

Huumaan Raayitis Waach keessatti qorattuu kan taate Eriin Kiliibireed, "hanga ammaatti kutaa addunyaa kam keessatti kan argine keessaa isa fooyya'aadha," jetti.

Biyyoonni hundi daandii wal fakkaatu akka hordofanis ni gorsiti.

Daldalli saal-qunnamtii namoota seeraan ala daddabarsuufi saamicha humfaafi dafqa namaa hordofsiisa jedhanii kan qeeqan jiru.

Dhaabbata miti-mootummaa namoota daldala saal-qunnamtiitti bobba'an deeggaru Isilaa jedhamu keessatti hojii tola-ooltummaa kan hojjettu Juuliyaa Kiruumeerii, "seerri kun duraanii saamichi kan keessatti baayyatu bifa seera-qabeessummaa akka qabaatu godha," jetti.

Namoonni daldala saal-qunnamtiitti bobba'an harki caalan seerichi barbaachisaa akka ta'e amanu.

Daldala saal-qunnamtiitiin kan jiraattu Meel, karaa ittiin dhukkuboota wal hormaataatiif ishee saaxilu maamiltootashee tokko tokko waliin osoo kondomii hin fayyadamiin saal-qunnamtii afaanii akka gootuuf dirqisiifamuun akka ishee rifaasisu ibsiti.

Filannoo waan hin qabneef waan ajajamte ni raawwatteetti.

"Filannoon koo maallaqa sana dhabuu ykn dhukkuba sana daddabarsuu ture," jetti.

Maallaqni waan ishee barbaachisuuf yeroo umuriin ishee waggaa 23 turedha gara hojii kanaatti kan galte. Galii gaarii argachuun ishee abdii isheef ta'ulleen dhukkuba saal-qunnamtiin daddarbaniif saaxilamuun ishee ammoo ishee yaaddessa.

Amma garuu waan isheetti hin tolle akka gootuuf maamiltoonnishee yoo gaafatan hin fudhattu.

"Yeroo sanayyu taanaan hojjesiisaan koo seera cabsaa akka jiru itti himuun narra ture. Karaa akkamiin hojjechuun akka narra jiru yeroon ibsu seera eeruunan dubbadha ture," jetti.

Beeljiyeem seera kana kan raggaasifte bara 2022 keessa hiriirri mormii ji'ootaaf erga gaggeeffameen boodadha.

Mormiin kan ka'es yeroo weerara Koovid namoota daldalasaal-qunnamtiitti bobba'aniif eegumsi waan hin taasifamneef ture.

Hoggantuun waldaa namoota daldala saal-qunnamtiitti bobba'aniif falmuu Viktooriyaan hojii saal-qunnamtii kana keessa waggoota 12 turteetti.

Hojiin isaa saal-qunnamtii raawwachuutiin ol akka ta'e dubbatti.

"Namootaaf qalbiin xiyyeeffannaa kennuu, seenaa isaanii yeroo dubbatan dhaggeeffachuufi hojii isaan waliin yeroo dabarsuudha. Sababiin isaas gara keenya kan dhufaniif qofummaan waan itti dhagaamuufidha," jetti.

Hanga bara 2022tti ogummaan ishee [hojiin daldala saal-qunnamtii] seeraan alawaan ta'eef ishee qora ture. Osoo nageenyi ishee hin eegamiin hojjechuuf driqamteetti.

Warri qacaranii ishee hojjechiisan ammoo maallaqa guddaa jalaa fudhatu ture.

Maamiltootashee keessaa tokko akka ishee gudeedee ture dubbatti Viktooriyaan. Buufata poolisii deemtee poolisiin dubartii isheen dubbiste, "dubartoonni daldala saal-qunnamtiitti bobba'an hin gudeedaman," akka ittiin jette ni yaadatti.

"Hojii kana hojjechuukootiin akkan itti qaana'u na gochuuf yaalte," jechuun waan ishee mudate yaadattee kaaste.

Dubartoonni daldala saal-qunnamtiitti bobba'an BBCn dubbise akka jedhanitti gocha hin barbaadne akka raawwatan yeroon itti dirqisiifaman jira.

Kanaaf, seerri haaraa kun eegumsa isaaniif ta'a jettee amanti Viktooriyaan.

"Seerri yoo hin jiraanneefi hojiin isaa seeraan ala yoo ta'e nuuf qajeeltoon ittiin eegumsi nuuf taasifamu hin jiru jechuudha. Seerri kun nageenyi keenya eegamee hojii keenya akka hojjennu taasisa," jetti.

Seerri haaraa kun daldala saal-qunnamtii keessatti namoota hojii kanatti bobba'an bulchaniifis beekamtii ni kenna. Danbiin ittiin budan seericha keessatti hammatameera.

Namni yakkaan himatame namoota daldalasaal-qunnamtiitti bobba'an qacaruu hin danda'u.

Kiriis Kireemaas fi haati warraa isaa Aleksaandiraa magaalaa Koovert keessatti mana maasaajii [mana dhiddhiibbaa/sukkoomaa] qabu.

"Namoonni qacaran baayyeen yakkaan kan himataman waan ta'eef, biizinasiin kiyya cufamuun isaa hin oolu,"jedha Kiriis.

Manni maasaajichaa gaandaa bishaan keessa daakan dabalatee kutaawwan tajaajilwwwan biroo kennanis ni qaba.

Abbaan waraafi haati warraa kun namoota daldalasaal-qunnamtiitti bobba'an 15 qacaranii hojjechiisu.

Hojjettootasaanii akka kunuunsaniifi kaffaltaa garii akka kaffalaniifillee dubbatu.

"Namoonni hamoo ta'an maqfamanii namoonni hojicha amanamummaatiin raawwatan hojii fooyyee qabu ni hojjetu jedheen amana," jedha Kiriis waa'ee seera haaraa kana yeroo ibsu.

Qorattuu Huumaan Raayitis Waach kan taate Eriin Kiilbireedis yaada kanaan waliigalti.

Namoonni qacaranii hojjechiisan humna hin madaalle qabna jedhan akka hir'isu dubbatti.

Dhaabbata miti-mootummaa namoota daldala saal-qunnamtiitti bobba'an gargaaru Iisilaa jedhamu keessa tola-ooltummaan kan hojjettu JuuliyaaKiruumiireen garuu yaada adda ta'e qabdi.

"Dubartoonni nuti gargaarru harki caalan hojii kana keessaa bahanii hojii idlilee qabaachuu barbaadu. Abjuun isaanii qorra keessa dhaabatanii nama hin beekne waliin kaffaltaan saal-qunnamtii raawwachuuf eeggachuu miti," jechuun ibsiti.

Akka seera haaraa Beeljiyeem kanaatti, kutaaleen saal-qunnamtiin keessatti raawwataman bilbila yeroo balaan uumamu dhageessisan dabalatee meeshaaleen of eeggannoo biroo ni qabaatu.

Bibilawwan yeroo balaa/rakkoonmudatu gargaaran namoonni daldalasaal-qunnamtiitti bobba'an rakkoon yeroo isaan mudatutti namoota akka qaqqabaniif barbaadan waliin wal isaan qunnamsiisa.

Juuliyaan garuu daldala saal-qunnamtii karaan ittiin ogummaa [hojii] nageenyi isaa eegame gochuun danda'amu akka hin jirre amanti.

"Hojiin biraa bilbila yeroo balaan/rakkoon mudatuuf barbaachisu jiraa? Daldalli saal-qunnamtii addunyaarratti hojii umurii dheeraa lakkoofsise osoo hin taane, saamicha addunyaarratti umurii dheeraa lakkoofsisedha," jettiJuuliyaan.

Daldalasaal-qunnamtii akkamiin sirreessuun danda'ama? dhimmi jedhu yaadonni gara garaa kan irratti kennamudha.

Daldalasaal-qunnamtiitti kan bobbaate Meeliif garuu, ogeessota bakka dhokatanii akka bahan karaa banuun jalqabbii gaariidha.

"Beeljiyeem hunda dursitee seera kana baasuu isheetiif ittin boona. Gara guula duraatti jireenya kanarra fooyyaa'aa nan qabaadha jechuudha,"jetti.