'Hunduu garaa natti jabaate' - Guyyoota sagal Tsaggaan butii jala dabarsite

Barri 2015 A.L.I yeroo butamuun Tsaggaa Balaachoo namoota baayyee dheekkamsiisee ture. Yakka ijoo dubbii tahetu irratti raawwate. Waggaa tokkoof walakkaa dura butamtee waan keessa dabarsite yeroo jalqabaaf BBCtti himteetti. Guyyoota gidiraa keessa dabarsite kaastee gaafa haasoftu fuulasheerra kan mul'atu jabinasheeti.

Turtii BBC waliin taasifteeen haala itti butamteefi guyyoota sagal dabarsite ifatti dubbatteetti. Akkaataan itti gadhiifamtes haala mootummaan naannichaa ibseerraa adda akka tahe yeroo jalqabaaf dubbateetti. Maaliif akka Itoophiyaarraa baqatteefi waa'ee karoorashee itti aanus dubbateetti.

Hubachiisa - Seenaan kuni dhimmoota dubbistoota jeeqan qabaachuu mala.

---------------------------------------------------------

Of bilisoomsuuf jecha karaa fooddaa nan hulluuqa jedhe takkaa yaadee hin beeku.

Kutaa butamee keessa taa'e keessa anaafi bilisummaa koo gidduu qaawwi baqannaa fooddaa xiqqoo tokko qofa dha.

Akka na gadhiisaniif jedhee kadhaafi booyichi ani dhageessisaa ture gurra hin arganne ture. Dubartoonni nyaata naa dhiyeessuuf gara kutichaa dhufanillee naa hin naane ture.

Halkan namni na buuteefi hiriyyoonisaa yeroo kutaa sanaa bahan kara foddaa waan jiru mil'achuun yaale. Dubartiin tokko alarra taa'u. Sodaafi of bilisa baasuun otoo qaamni koo roomma'u hamma dubartiin kuni natti garagalanittin isaan eege.

Dubartiin kuni gara godoo isaanii gaafa galan akkuma tahetti taheen kara foddaa miliqee bahe. Duraan kotteen koo akka hin dhagahamneef suuta jedheen tarkaanfachaa ture. Achii garuu sodaan keessa koo guuteef lubbuu koo baasuuf fiigachan jalqabe.

Dubartiin godoo keessa turan sagalee koo dhagahanii iyyan. Saffisa dabaleen fiiguu koo itti fufe achii dhiiroti manichaa bahan na hordofuu jalqaban, namni duraan na bute keessa hin jiru ture.

Dallaa sana keessaa baheen daandii gubbaa gahe. Namoonni iyya birmannaa koo dhagahan walitti qabaman. Ofirraa yeroon garagalu doqdoqqee darbu arge. Irra yaabbadhee yeroon deemuuf jedhu dhiirota na hordofaa turan keessaa tokko qaqqabee doqdoqqee dhaabsise. Achii ani nan kufe.

Abdii otoo hin kunne. Namoota iyya koo dhagahanii walitti qabaman miilasaanii qabadhee kadhachuuttin fufe. Waraqaa eenyummaa koo baasee itti agarsiisaa, ''namoota ani hin beeknetu na buuteera, maaloo na gargaaraa,'' jechaan kadhadhe.

''Eenyuyyuu sin tuqu, nuyi sii qaqqabneerra, '' jechuun waadaa seenan. Nama gidduudhaa baasanii nan deebisan jedheen yaade.

Namni bute sun dhufee namoota na gargaaruuf achi dhaabbatan hunda adda fuudhee waraqaa poolisii itti agarsiisaa dubbisuu jalqabe.

Kanaan booda namoonni na gargaaruuf waadaa seenan hundi yaada geeddaran. ''Hiriyyaasaa miti? Maaliif rakkista?'' naan jedhan. Namoonni kunneen isa gargaaranii na baatanii mana irraa miliqetti na deebisan

Namni baayyeen jira ture. Haala keessan tureefi kadhaa 'na baraaraa' ani dhageessisaa ture namni dhagahe tokkoyyuu hin turre.

Yeroo butanii na fuudhanii deemanis waan tahe waanuma akkasiiti. Buutani kan na fudhatan gara galgalaa ture.

Gaafa Caamsaa 15/2015 magaalaa Hawaasaa lafan hojjedhurraa aduu dhiisifadheen ture kanin bahe. Mana kireeffadhee jiraadhu deemuuf gara dhaaba taaksii deemeen konkolaataa tokko keessan seene.

Taaksiin ani yaabbadhe namoota gidiraa naa tolchaniin akka guutame hin barren ture. Keessa galee akkuman taa'een namni tokko fiigaa galee hiixateedhuma na bira taa'e.

Taaksi keessa dhiirota qaama gurguddaa qabaniin akka guutame kanin bare nama natti hiixatee taa'eef iddoon duubaa akka jiru agarsiisuuf yeroo ilaalu dha.

''Weraaj alle'' jedhee yeroon dubbadhu. Namoonni bitaafi mirgaan jiran harkaafi morma koo qabanii akka hin sochoone natti himan. Sa'atii sanatti kanan yaadaa ture saamicha akka tahe tureef boorsaa koo fudhatanii akka na gadhiisan gaafadheeni.

Konkolaataan xiqqoo akkuma deemeen isaan keessaa tokko, ''hiriyyaa keenya maaliif hin dubbisu jette? '' naan jedhe.

''Hiriyyaan keessan eenyu?'' jedheen gaafadhe.

''Yehuwaalaamebiraatiin sin dubbisu jetteettaanii''

Yehuwaalaamebiraat Waldamaariyam poolisii saajina olaanaa kan ture yoo tahu eegduu kantiibaa magaalaa Hawaasaa ture. Baankii Daashan damee ani hojjedhu keessa maamila waan taheef ni deddeebi'a ture. ''Sin dubbisa, wal haa arginu,'' jechuun na rakkisa ture. Yeroon bahuufi galu na eega ture. Bilbilas geggeeddaraa irra deddeebiin natti bilbila ture.

Waayila koo irraa ergaan doorsisaa na qaqqaba ture garuu akkanatti ukkaamsee na fudhata jedhee hin yaadne ture.

Konkolaataan yaabbadhe magaalaa Hawaasaa dhiisee gara baadiyyaa yeroo adeemuu jalqabu sodaan koo dabalaa dhufe. Eessa akkaan deemu, maal na gochuuf akka jedhan homaa hin beekun ture. Harka namoota hin beekne keessa tahee waan hundi natti dukkanaa'e.

Konkolaataan yeroo bosona keessa gahu duuba dhokatee kan ture Yehuwaalaamebiraat dhufe na bira taa'e. Duraan sagalee kadhannaa koo qofatu dhagahama ture, amma sirba cidhaa bananii sirbuu jalqaban.

''Butiidha laata?'' jedheen yaade. Booda akkaan hubadhetti dhimmichi kana ture.

Karaa dheeraa erga imallee booda mana baadiyyaa tokko bira yeroo geenyu isaaf gaabii kennanii ana immoo fuula koo naxalaa na haguugan. Konkolaataarraa buunee yeroo mana gallu namoonni balbalarra dhaabbatan ililleedhaan nu simatan.

Yehuwaalaamebiraat shugguxii baasee gara samiitti dhukaasuu jalqabe. Cidhuma fakkaata ture.

Namni hundi ni nyaata, ni dhuga, ni sirba ture. Miira injifannoorra turan. Ani nan boo'a, nan kadhadha. Haalli ture akka goota boojuu sassaabee deebi'eeti.

Kutaa dukkaanaaa kurraaziin qofti keessatti ifu keessa na galchan. Siree cabuu gahetu keessa jira. Amma gaafan yaadu kutaan sun awwaalcha natti fakkaata. Otoon boo'uu, otoo Waaqa kadhadhuu halkan sun barii'e.

Ganama Yehuwaalaamebiraatiifi hiriyyotisaa waan akka walgahii wayii erga godhaniin booda na waamsisan.

''Kana booda haadha warraa Yehuwaalaamebiraati dha. Jaarsa qopheessineerra. Maatii keetti bilbilta. Jaarsolii ni fudhatu,'' jechuun waan anarratti murteessan natti himan. Waan naan jedhan raawwachuuf gara maatii koon bilbile.

Maatiin koo baduu koo waan baraniif kan natti haasa'aa turan naasuudhaan ture. Eessa akkan jiru baruuf otoo gaaffiin na muddanii bilbilli cufame. Anaanis deebisanii gara kutaa sanaatti na galchan.

Halkan sana ture foddaa ishee xiqqoorraan bahee miliquu kanan yaale. Murtoo kana kanin murteesse filannoo biraa akkaan qabne yeroo baru dha.

Namni na butee murtoo mataa isaatiin haadha warraa kooti jedheef garuu yaaliin ani of miliqsuuf taasise waan kabajasaa tuqe ture. Yaaliin miliquuf taasise fashalaa'ee yeroon manatti deebi'u, ija diimeeffatee na eegaa ture.

''Akkamiin miliqxa? .... na salphisuufi? Harkasaarraa dubartiin miliqxe na jechisiisuufi? Ana harkaa eenyuyyuu hin miliqu,'' jecha jedhutu irra deddeebiin afaansaa keessaa baha ture.

Deebisanii mana dukkanaa sana keessa na galchan. Waan akka anarratti hin raawwanne sodaadhe tahe. Kutaa sana keessatti nan gudeedame.

Baay’ee cima ture…xiiqiidhaan ture. Irree isaa natti agarsiisuuf na falmaa ture. Nan qorame.

Kana dura dhiiraa hin beeku. Sirna bataskaanaan heerumuufu qophiirran ture.

Eegasii gaafa galgalaa’e yaadaa guyyaa guutuu boo’aan oola.

‘‘Midhaan nyaatteettii? Dhiphatteettii? Boo’aa jirtii?‘‘ jedhee naaf hin yaadu. Irra deddeebiin na gudeeda ture. Hangan of wallaalutti gara jabinaan na gudeeda ture.

Guyyootaaf haala kana keessa dabarse. Homaa gochuu hin dandeenye. Namni mana keessa jiru hundi garaa natti jabaateera. Nan iyya, gargaarsa nan gaafadha, namni miidhama koo hubatu hin jiru.

Nama gidduu taa’ee namni hunduu garaa natti jabaate ture. Namni dhiisi jedhun hin jiru. Guyya guyyaan namoonni hedduu gara manaa dhufanis waa’ee kiyya hin dhiphatan. Yooman baha jedheen yaada.

Gaafa tokko intala nyaata akka na nyaachistu ergamte tokkon sossobee ‚‘‘bakki amma jirru eessa?‘‘ jedhee gaafadhe. ‘‘Bursaa‘‘ naan jette.

Akka tasaa akkamiin akka ta’e hin barre ana bira bilbila dagatame tokkon argadhe. Dafee ‚‘‘Bursaa‘‘ jedhee maatii kiyyatti erge. Yeroosuma ergaa sana balleesse.

Ergaan ani erge maatiin kiyya bira kan gahe yeroo namni dhimmichaaf gurra kennu dhibee ofii isaanii carraaqaa turanittidha.

Dubartiin ana waliin hojjettu waa’ee koo yeroo gaafatamtu ‚‘‘Yahuwaalaamabiraat akka na fudhate‘‘ waan dubbatteef namni na bute miseensa poolisii ta’u isaa baraniiru.

Biirooleen dhimmichi isaan ilaallata jedhamanis barbaadaa turan.

Tumsa Itiyoo-telekomiin teessoon bilbilli itti ergame ‘’Bursaa’’ akka ta’e baran. Odeeffannoo kana poolisii gurra buusan.

Guyyaa itti aanu galgala sa’aatii lamatti poolisonniifi obboleessi kiyya buufata poolisii Bursaa gahani. Hanga sa’aatii afuritti nama na uggure akkamiin qabanii akka bilisa na baasan karoorsaa turan.

Namoota naannichaa gaggaafatanii mana ani keessa jiru yeroo gahan anis ta’e namni na bute hin turre.

Yahuwaalaamabiraat odeeffannoo dursee waan argateef naqabatee baqateera. Qaamni kiyya madaa’ee dadhabus lafa dheeraa miilaafi doqdoqqeen adeemna ture.

Daandii sodaachisaa halkan, hurrii keessa imaluuf dirqamee ture. Beela’us baadhu waan nyaataa hin turreef qaamnikoo laafeera.

Kanuma keessa garuu dhiirummaa isaa fayyadama ture. Maatii kiyya bira bilbilee ‘’jaarsa simadhaa, waan isiniin jedhu godhaa,’’ jedhee akkan dubbadhu na dirqiisiisa ture.

Boodarra sagalee kiyyas dhabani jennaan butamee guyyaa torbaffaatti dhimmicha miidiyaa hawaasummaa gubbaa baasan.

Dhimmichi miidiyaa hawaasummaa gubbaa ijoo dubbii ta’un isaa poolisoonni namicha buteerratti dhiibbaa akka uuman taasise.

Maatii Yahuwaalaamabiraat to’annoo jala oolchuu eegalan.

Tarkaanfiin poolisii isarratti dhiibbaa waan uumeef jaarsoliin walitti dhufanii butamuu kiyya akkan tole jedhu na amansiisuu yaalan. Gaafa na amansiisuu dadhaban, ‘’si gadhiisna gara maatiikee deemta. Eegasii garuu araaraan xumurama’’ naan jedhan.

Dhimmichi araaraan akka xumuramu mirkaneessuuf akkan kakuu raawwadhu natti himan.

Sirni kakuu ganama akka raawwatame beellamamee osoo jiru poolisoonni magaalaa an keessa ture akka gahan Yahuwaalaamabiraatif odeeffannoon isa gahe. Ana mana keessa na dhiisee baqate.

Guyyaa itti aanu namoonni biroo maallaqa geejibaaf na gargaaru naaf kennanii gara buufata konkolaataa na geessan.

Akkamiin konkolaataa garagaraa yaabbadhee Hawaasaa akkan gahu natti himan. Magaalaa Hawaasa yeroon gahuuf jedhu maatii kiyyaaf akkan bilbilu sim kaardii kennanii na gadhiisan.

Humnas waanan dhabef, sammuun kiyyas waan dadhabeef waan godhi naan jedhan nan godha ture. Buufata konkolaataa sadii keessa darbee Hawaasaa dhaqqabe.

Maatii kiyyatti bilbilee ‘’gadhiifameera dhufaan jira, seensa Hawaasaarratti na eegaa’’ nan jedhe.

Seensa Hawaasaa yeroon gahu sakattaa cimaatu ture. Konkolaataan poolisii hedduu dhaabatee namni dhufu hundi sakatta’ama.

Konkolaataa keessaan yeroon bu’u poolisoonni ‘’si barbaanna miti’’ jedhanii bitaa mirga akka yakkamaa na qabatanii na galchuuf yoo jedhan ‘’maatii kiyya osoo hin argatiin hin seenu’’ nan jedhe.

Bilbilaan na qunnamsiisanii achii gara buufata poolisii na geessan.

Buufata poolisii keessa aangawoonniifi hoggantoonni poolisii walitti qabamanii akkamiin akkan dhufe, akkamiin akkan gadhiifame na gaafatan.

Bakkan irraa ka’ee dhufe akka hin beekne itti himee bakkeewwan kukkutee dhufe ittan hime.

Eegasii booda bakkan boqodhu na ergan. Deebisaniimmoo na waaman.

‘’Nutu si argate. Bakka gadhiifamteetii kaasee si hordofaa turre. Hanga Hawaasaa seentutti kan eegne hookkarri biraa akka hin uumamneefi,’’ naan jedhan.

Ani gara Hawaasaa yeroon dhufu isa isaan na yaabbachiisan ala buufata konkolaataa lama qaxxaamureera. Konkolaataan hanga guututti eegaan ture.

Buufata konkolaataa jalqabaarratti ‘’hookkarri akka hin uumamneefi’’ jedhamee yoo yaadame buufatawwan lamaan hafan irratti poolisonni na qabanii fidanii dhufuu danda’u ture.

Xiqqoo turee obboleessikoo oduu yeroo dhagahu ‘’oppireeshinii qindaa’aa ishee qabanne inni bosona seene’’ jedha. Ani garuu kanin bahe gaggeeffameeni.

Takka turee hospitaala geeffamee qorannoon naaf taasifame. Qorannoo booda manatti akkan galu akka na gadhiisan poolisoota gaaffus na didan.

Jecha ragaa kennuu akkan qabu natti himanii gara buufataa na deebisan. Kutaa tokko biiroo fakkaattuufi firaashi keessatti afame keessa na galchan.

Kutaa ala eegdonni dhiiraafi dubaraa jiru. Kutaa sana keessa guyyoota afuriif nan ture. Kutaa keessaa bahuu hin danda’un ture. Mana fincaanii kanan deemu poolisootaan ajjabameen ture.

Nama kutaa keessa seenu kan eeyyamuufi dhorku poolisootadha.

Eeyyama kootiin kutaa sana keessa kanan bule gaafa afraffaa sana qofa. Kunis kan ta’e guyyaa sa’aatii kudhanitti akkan bahu yeroo natti himamu geejiba manatti deebi’u dhabee achi bule.

'Akkamiin akka murteen hir'ifame hin beeku'

Butiifi dirqiin gudeeduu kan anarratti raawwate Saajinii olaanaa Yahuwaalaamabiraat W/Maariyaam kan inni to’annoo jala oole ani gadhiifamee guyyoota shan boodadha.

Baatiiwwan torba boodammoo dhaddachi dubartootaafi daa’immanii mana murtii sadarkaa jalqabaa Hawaasaa hidhaa cimaa waggaa 16’n akka adabamu itti mure.

Erga murtiin darbee baatii sadii booda sanada mana murtii osoon gaggaafadhu murtiin kuni fooyya’un dhagahe.

Adabbiin waggaa 16 ol iyyannoodhaan gara waggaa 10 gad siqeera. Murteen kuni yoom akka murtaa’e hin barre. Murteen kuni yeroo murtaa’e abbaan alangee na beeksisees hin turre.

Murtee jalqabaa kanan fudhe ogeeyyiins eeraa hamma danda’an yaalaniiru jedheeni. Ija seeraan ‚‘‘adabbii madaalawaa‘‘ wanti jedhu jiraatus gama kamiinuu adabbiin miidhamtuuf madaalawaa jedhamu jira jedhee hin yaadu.

Namni baay’ee kan yaadatu siqiqii yeroo gudeedaman jiru qofadha. Eegasii miidhaa xiinsammuu hordofsiisu namoonni baay’ee hin hubatan.

Gudeediin dhimma daqiiqaa raawwatamu qofa kann itti fakkaatu tarii isa raawwatuf ta’an. Ishee miidhamtuuf garuu dirmammuu umrii guutuu biraa hin hafnedha.

Miidhaa xiinsammuun baay’ee dararameera. Hanga yoonaa yaala hordofaan jira.

Kan narra gahe dararaa guyyoota sagal sana qofa miti. Haleellaan saalaa narra gahe hariiroo hawaasummaa, jireenya hafuuraa akkasumas ilaalcha ani ofiif qabus miidheera.

Akkuman bilisa bahe wal’aansa xinsammuu hordofuun eegale. Saffisa sanaan wal’aansa argadhellee hanga yoonaa na jeeqa, dhukkuboonni guyyaa baay’ee bo’ichaan akkan dabarsu na dirqan jiru.

Maatiin kiyya dhimma kiyyaan baay’ee dhiphatanii waan turaniif isaanirratti ba’aa akka hin taane dhokadhee guyyoota nama qoran baay’ee dabarseera.

Kana hunda osoon dabarsaa jiruu osoo homaa natti hin himamiin murteen duraa jijjiiramuu isaatti gargaarsa barbaacha gara miidiyaa hawaasummaa dhufe.

Haqni dhibuufi isa duras akkan hidhamee ture eeree Tiktokii irratti viidiyoo gadhiise. Dhimmi kiyya irra deebiin ijoo dubbii ta’e.

Viidiyoon gadhiise garuu poolisii Hawaasaa hin gammachiisne. Poolisiin magaalaa Hawaasaa ‘’maqaa magaalichaa balleessaa jirta. Dalagaa akkanaarraa of qabu,’’ ibsa jedhu baase.

Kanin dubbadhe waan narra gahedha, haqa dabedha. Osoon dubbii biraa dubbadhe waan na akeekkachiisaniif jecha si harkaa fuuna jedhanii mana hidhaa na galchuu danda’u jedheen sodaadhe.

Wal’aansa naaf taasifameen Waaqayyoon na gargaaree hamma tokko wayyoon qaba. Kanaan booda dubartoota akkakoo miidhaan irra gaheef sagalee ta’un qaba.

Kanaan ala biyya turuu hin danda’u. Carraa argadhetti fayyadamee biyya bahuuf dirqame.

Ergan biyyaa bahee dhaabbata mirga namoomaa idil-addunyaa Aminastii Intarnaashinaal waliin hariiroo uume.

Sababa isaaniin sagantaa gaaddisa rogeeyyii mirga namoomaa keessa seenee leenjii fudhachaan jira, deeggarsas argachaan jira.

Leenjiin kuni falmaa mirgaa ta’uu na dandeessisa.

Yeroo isa cimaa dabarseera. Si’achi namoota kuma hedduuf sagalee nan ta’a. Mallattoo cabanii hafuu ta’uu hin fedhu. Ce’ee nan mul’isa, nan cima. Dubartoota haleellaa keessa darbaniif warra keessa darbaniifis mallattoo jabinaa nan ta’a.

Dubartiin erga gudeedamte booda ‘’gatiin ishee akka durii miti’’ jedhamee yaadama. Warqiin ibidda seenee bahu hangam akka qaalii ta’e agarsiisuu qabna.

Anaan kan na cabse gudeeddiidha, haleellaa saalaadha. Asumarratti cimee namoota hedduuf furmaata nan ta’a.

Kitaaba waan narratti raawwate ibsu qopheessaa jirra. Butiifi haleellaa saalaa kana duraarratti adabbiin sirrii osoo fudhatamee jiraatee anarratti hin raawwatamu ture.

Hanqinni seeraa kuni haleellaan saalaa anarratti akka raawwatu qaawwa baneera.

Falmaa mirgaa ta’u ofiif dhaabachuun eegaleera. Si’achi wanti anarra gahe dubartoota Itoophiyaa kaanirratti akka hin raawwanne falmuudha.

* Akkaataa Tsaggaa Balaachaw butii jalaa baaterratti Biiroon Nageenyaafi Tasgabbii Naannoo Sidaamaa ibsa kennuurraa of qusateera. Hogganaan biiroo kanaa Obbo Alamaayyoo Maatiwoos, kana dura odeeffanoowwan dhimmichaan walqabatu kennuu dubbatan. ''Ibsi irra deebiin kenninu hin jiru'' jedhan.