ABO'n erga biyyatti deebi'ee yeroo jalqabaaf filannoo irratti hirmaachuuf

Filannoo biyyaalessaa 7ffaaf qophii ta'us dirreen siyaasaa cufamuu ibsuun Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) komate.

''Filannoof qophaa'uu jechuun dirreen siyaasaa banameera jechuu miti, danqaa keessa jirra" jechuun Dubbi Himaan ABO, Obbo Lammii Gammachuu himu.

Guyyoota lamaaf marii kan taasisan miseensonnifi hogganoonni ABO, ibsa ejjennoo dhimma nageenyaa, dirree siyaasaa fi kunneen biroo ofkeessatti qabate baasaniiru.

Maricha ilaalchisuun BBC'f yaada kan kennan dubbi himaan ABO Obbo Lammii Gammachuu, "Waltajjii miseensonni haala qabatamaa biyyi kun keessa jimru, uummanni keenya keessa jiru, gaanfi Afrikaafi addunyaan keessa jiru itti gamaaggamanidha" jedhan.

Dabalataan waltajjichi kan miseensonnifi qondaalonni dhaabichaa murteefi ejjennoo dhimmoota kunneenirratti qaban itti beeksisan ta'uus dubbatan.

"Danqaa keessa jirra"

Waggoota darban keessa biyyattii keessa dirreen siyaasaa danqamuu kan komatan Dubbi Himaan ABO Obbo Lammii Gammachuu, "Haala qabatamaa argaa jirrutti hiikoon dirree siyaasaa banaa jedhamu mataansaa biyya kana keessa hinjiru" jedhan.

Dhimma kana yeroo ibsanis miseensis ta'e hogganni dhaabaa isaanii naannoo Oromiyaafi bakkeewwan ummanni Oromoo jiru kan birootti gadi bahanii dirreerrattis ta'e galma keessatti ummata waliin marii taasisuuf haalli mijataa akka hinjirre himan.

"Dirreen siyaasaa ni cufame kan jennu hogganni bilisa ta'ee socho'ee, ummata gidduu deddeebi'ee sagantaa siyaasaafi akkeeka qabsoo ABO'n gaggeessu agarsiisuu, barsiisuufi beeksisuuf hiree hinqabnu" jedhan.

Dabalataan miseensonnifi hogganonni dhaabichaa hidhamuu, hidhamanii mana murtiitti dhiyaachuu dhabuufi wayita manni murtii murtee kennu hojiirra ooluu dhabuun danqaa akka itti ta'es dubbi himaan dhaabichaa himaniiru.

Gama biraatiin Addi Bilisummaa Oromoo hoggannisaa gara biyyaatti deebi'uun walqabatee naannoo Oromiyaa dabalatee naannolee birootti waliigalatti waajjiraalee 120 ol banatee akka ture Obbo Lammiin himu.

Haa ta'u malee yeroo ammaatti waajjira mummee magaalaa Finfinneetti argamuun ala kaawwan cufamanii jiraachuu dubatu.

"Wajjiraalee kana keessaa waajjiri guddichi, mummeefi seena qabeessi kan Gullallee ji'a lama yookiin sadi dura kan baname. Kanarraa kan hafe waajjiraaleen keenya cufaadha" jedhan.

Fillannoof qophiidha

Dhimma cufamuu dirree siyaasaafi rakkoolee biroo isa mudatan ilaalchisee dhaabichi Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaatti iyyachaa turuu Obbo Lammiin himu.

"Boordiin hamma dandeettii raawwachiisummaasaa raawwataa akka ture ni amanna. Dandeettiin raawwachiisummaasaa garuu waan bal'aa deemee rakkoo amma jiru kana nuuf furuu hindandeenye" jedhan.

ALI Caamsaa 2017 dhimma filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kan laatan Walitti Qabduun Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa Aadde Meelaatwarq Haayiluu, komii hidhamuu miseensotaafii cufamuu waajjiraalee paartileen siyaasaa kaasan ilaalchisee miidiyaaleen gaafatamanii ture.

Isaanis "Humni Boordiin Filannoo qabu 'miseensikoo hidhameera' yemmuu jedhamu 'qaamni hidhe eenyu?' jennee gaafanna. Yommuu nutti himan qaama hidheef xalayaa barreessina," jedhanii ture.

Xalayaa kanaanis miseensonni dhaabbilee siyaasaa maaliif fi eenyuun akka hidhaman akkasumas mana murtiitti dhiyaachuusaanii kan gaafatu akka ta'e himuun, "namni tokko hidhamee dhimmichi mana murtiitiin qabamnaan hojiin boordii filannoo iddoo sanatti dhaabbata," jedhan.

Kana malees boordichi tuuta bakka bu'oota paartii komii dhiyeesse, boordii filannoofi paartii biyya bulchu ofkeessatti qabate ijaaruun rakkooleen akka furaman hojjechaa akka tures himanii ture.

Gama biraatiin "Yeroo hunda sagantaa siyaasaa qabnuun fillannoof qophiidha" kan jedhan Dubbi Himaan ABO Obbo Lammiin, "Haaluma kana keessa teenyee dhaabni akka dhaabaatti sagalee ummatasaatiin filamee ummatasaa gaggeessuuf murtii qabateera" jedhaniiru.

Gama biraatiin dhiyeenya kana gaafilee miseensota Mana Maree Bakka Bu'oota Ummmataarraa ka'aniif deebii kan laatan Ministirri Mummee Abiy Ahimad, filannoon biyyaalessaa marsaa 7ffaa yeroosaa eeggatee akka adeemsifamu himanii ture.

Filannicha dimokiraatawaa gochuu akka barbaachisu himuunis manni marichaa "Sagaleewwan baay'een kan itti seenan akka ta'u abdiin qaba" jechuunsaanii ni yaadatama.

Dhimma nageenyaa

Dhimma haala nageenyaa naannoo Oromiyaa ibsa ejjennoo isaanii keessatti kan eeran miseensonnifi hogganoonni ABO, "Oromoon nagaa argachuu qaba" jedhaniiru.

Daangaan naannoo Oromiyaa sarbamaa lubbuun lammiilee gaaga'amuu BBC'tti kan himan Obbo Lammiin, "Erga ALI bara 2014 mootummoonni naannoo Amaaraafi Oromiyaa walta'uudhaan "nagaa waloon kabachiisna" jedhanii booda ummanni keenya daangaarra jiru nagaa hin arganne" jedhan.

Dabaluunis "ummanni dhumaa ture dhumaas jira, buqqa'aa jira, gaaga'ama fi goolamaaf saaxilamee jira. Isa kana kan caasaan dhaabaa sadarkaan jiru kaase" jedhan.

Dabaluunis daangaan naannoo Oromiyaa gama naannoo Somaaleetiin humnootii humna addaa naannoo Somaaleetiin sarbamuus himan.

Dhumarrattis "Ummanni keenya nagaa waaraafi tasgabbii sabatina guutuu argachuu danda'uu qaba kan jedhudha jabeessinee kan kaasne" jedhaniiru.