Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Somaaliyaan USf iddoowwan buufata waraanaafi doonii murteessaa jedhame dhiyeessite
Somaaliyaan qaama galaanaa bulchiturraa US'f iddoo tarsiimawaa to'annoo buufatalee waraanaa fi dooniif oolu dhiyeessuuf qophaa'uun gabaafame.
Rooyitarsi xalayaa Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Homaammud Pirezidanti Doonaald Tiraampiif ergaan jedhame Jimaata isa qaqqabuu gabaaseera.
Xalayaa Bitootessa 16 barreeffamee fi dippiloomatiin tokko dhimmicha quba qabu Rooyitarsiif mirkaneesse Hasan Sheek Mohaammud buufatalee US'f qopheessan tarreessaniiru.
Akka xalayaa kanaatti buufataalee qilleensaa Balidogleefi Barabaraa jiru akkasumas buufata doonii Barbaraafi Bosaasoo jiran US akka qabattu yaada dhiyeessaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa fi kan Odeeffannoo dhimma kana irratti yaada akka kennan gaafatamanii ammatti deebii hin kennine.
Iddoon Somaaliyaan US'f kennitu kun Waashingitan Gaanfa Afrikaarraa teessoo waraanaa cimaa akka qabaattuufi sochii shororkeessummaa Somaaliyaafi naannicha jeequ qolachuuf akka gargaartu hiree uuma.
''Iddoon tarsiimawaan dhiyaate kun hariiroo Ameerikaan naannicha waliin qabdu cimsuuf hiree bal'isa. Ulaa dhiyeessii waraanaafi loojistikii walirraa hin cinne mirkaneessa, Kooriidarii baayyee barbaachisaa ta'e kanattı morkattootni alaa biroon akka hin galles ittisa'' jedha xalayaan Hasan Sheek Mohaammud.
Barbaraan bulchiinsa Somaaliyaarraa walabummaan qaba jedhu Somaalindatti argama.
Itoophiyaan ulaa galanaa barbaacha Somaalilaand waliin waliigalteerra geessee kan ture yoo ta'u, Somaaliyaan dhimmichi beekmatiikoo malee hin ta'u jechuun muddamni guddoon biyyoota lamaan gidduu akkasumas Somaalilaandiifi Somaaliyaa gidduutti dhalachuun ni yaadatama.
Amma Somaaliyaan Barbaraa USf laachuun hariiroo Somaaliyaafi Somaalilaand ittuu akka hammeessu amanama.
Ministirri Haajaa Alaa Somaalilaand dhimma kana ilaalchisee Rooyitarsiif yaada kan kennan yoo ta'u ''walta'iinsa maalii? USAn bulchiinsa jeeqaa ta'e Somaaliyaa jiru irraa abdii kuteera. USAn Somaalilaand waliin waliigaluuf qophii taateetti'' jedhan.
Abdiirahmaan Dahiir Adeen akka jedhanitti ''biyya naga qabeessa, tasgabbiifi dimookrasii qabdu ta'uu addunyaatti agarsiisaniiru.''
''Ameerikaan gowwaa miti. Dhimma buufata doonii Barbaraa ilaalchisee eenyu wajjin waliigaluu akka qaban beeku.''
Buufatni Barbaraa Itoophiyaan wayita Somaalilaand waliin waliigaltee walhubannoo mallatteessitu kan ira irra buufatte ture.
Somaaliyaan adeemsa kamuu Somaalilaandiif akka biyya walabaatti beekamtii kennuuf godhamu ni mormiti.
Iddoowwan USf kennuuf dhiyeessite keessaa Balidoogleen magaalaa gidduttii Moqadiishoorraa gara Kaabaatti km 90 fagaatee argama.
Buufatni doonii Basaasoo ammoo bulchiinsa gariin ofiin bultu Puntilaand keessatti argama.