Namoota nyaata warra gaddaa dhandhamuuf fira fakkaachuun du'a-gahii deeman

Nyaata fooniifi loozii qabu

Madda suuraa, Getty Images

Nyaatni dhaabbata sirna awwaalachaa raawwachiisuun dhiyaatu akka mi'aa gaarii qabu miidiyaa hawaasaa irratti bal'inaan haasa'amuun booda lammiileen Chaayinaa nyaataaf jaalala addaa qaban, fira warra gaddaa of fakkeessuun gara iddoo kanaatti yaa'aa jiru.

Nyaatni nuudils jedhamu mana warra sirna awwaalchaa raawwachiisanii Erlong Funeral Home bulchiinsa Guweejoo keessatti argamutti dhiyaata.

Dhaabbati kuni maamiloota sirna awwaalchaa raawwachiisaniif nyaata dhiyeessa, oduun waa'ee nyaata kanaa biyya waliin gahuun booda garuu namoonni - gariin warra gaddaaf nama deeme of fakkeessuun nyaaticha yaaluuf achitti argamaniiru.

Dhaabbatichi namoonni hamma namoota isa dhugaa bo'icharra jiran hin jeeqnetti galma seenanii akka nyaatan eeyyameera.

Dhabbanni sirna awwaalchaa raawwachiisu kuni cireefi irbaata irratti gosa nuudilisii garagaraa kan qopheessu yoo tahu saayinaa golboo tokkoon yuwaanii 10 ykn doolaara 1.38 kaffalchiisa.

Gosti nuudilii akkaan jaalatamaa dha jedhame isa foon booyyee daakamaafi loozii qabudha.

Hojjetaan dhaabbatichaa miidiyaa naannichaa Jiyuupiyaa jedhamutti akka himetti ''maamiloota du'a dhagahii dhufan qofa tajaajilla,'' jedhe

Haa tahu malee namoonni tokko tokko lo'anii galuun nuudilisii kana fudhatu, dabaluunis yeroo tokko tokko hiriirri akka malee dheeraa waan taheef nyaata argachuuf sa'atii dheeraa eegu jedhe.

''Namoonni fira warra du'aa fakkaachuun galan jiru, namni yeroo baayyatu ammoo adda baasuun rakkisaa dha, waliin gahuus hin dandeessu,'' jedha.

Fedhii dabalaa dhufe kana keessummeessuuf jecha, dhaabbati kuni nuudiliisii saayinaa shantama bilisaan uummataaf kennuu jalqabe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sheefiin dhaabbaticha keessaa hojjetu ''hamma namoota gaddarra jiran hin jeeqnetti nyaachuu danda'u,'' jechuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Nyaatni mi'aa gubaafi dhangagaa'aa qabu kuni namoota naannoo sanaa biratti beekamaa tahus namni garasitti kan yaa'e garuu erga fayyadamaan miidiyaa hawaasaa waa'ee nyaatichaa miidiyaa hawaasaa Red Note jedhamu irratti maxxansuun booda.

''Hiriyyaan koo nyaati warra awwaalchaa gaarii dha jedhe,'' Hirirri namoota nyaata kanaaf dhaabbatanii kanneen nama du'eef abaaboo kaa'uu deemanii caala.''

''Ani nyaata kana sababa haati hiriyyaa koo warra tajaajila awwaalchaa raawwachiiftu hin beekneef nyaaticha hin dhandhamne. '' jedhe.

Ergasii garuu fayyadamtoonni miidiyaa hawaasa Chaayinaa baayyee nyaaticha soorachuun booda muuxannoo isaanii qoodaa jiru.

Dooyin Tik Toki Chaayinaa yoo tahu fayyadaman tokko suuraa tikeetii galma nyaataa galuuf kutateefi nama hiriira dhaabbate maxxanseera.

''Nyaatni nuudilii asii gaarii dha jechuu dhagahee,'' ''jireenyi lafa kanaa gabaabaadha jedheen dabaladheen nyaadhe,'' jedhe.