Chaayinaatti hoji dhabdummaan baay'atee namoonni PhD baratan fa'aa hojii mana qulleessuufaatti bobba'aa jiru

Madda suuraa, BBC/Rachel Yu
Chaayinaan biyya barattoonni yuunivarsiitiwwan bebbeekamoo irraa PhD fi digrii lammaffaan eebbifamanii hojiiwwan akka mana qulleessuu, konkolaataa dhiquufi kaan fa'aatti bobba'uuf dirqaman taatetti.
Kuni ammoo hoji dhabdummaarraa kan maddeedha. Mana kan qulqulleessu ogeessa karoora kunuunsa naannotiin baruumsa olaanaa qabuudha. Konkolaachisaa ta'ee kan hojjatu ogummaa falaasamaan PhD kan qabu ta'uu mala. Yuunivarsiitii Chaayinaa beekamaa Tsinghua University jedhamurraa PhDdhaan eebbifamanii poolisii hawaasaa ta'uuf dosee baatanii kan naanna'annis jiru.
"Abjuun koo investiment baankingii ta'ee hojjachuu ture," jedha restorantii tokko keessatti keessummeessaa ta'ee kan hojjatu Sun Zhan.
Sun Zhan dhiyeenya yuunivarsiitii irraa barnoota faayinaansitin Mastarsiidhan eebbifame.
Chaayinaan waggaatti barattoota miliyeenan lakkaa'aman dhaabbiblee barnootaa olaanoo irraa eebbisiifti. Garuummoo waan barataniin hojii argachuun salphaa miti.
Diinagdeen biyyattii, keessumaa, gama riilisteeti fi maanufaakcharingiin daddaaqamaadha.
Barattoonni yuunivarsiitidhaa eebbifaman hedduun waan barataniin hojii argachuu waan dhabaniif hojii barnootasaanin wal-hin ginneefi xixiqqaa ta'an hojjachuuf dirqamaniiru. Kuni ammoo maatifi hiriyootasaanii irraa komii irratti kaasee jira. Mana qulqulleessuf ykn reestorantii keessatti nama keessummeessuf PhD ykn maastarsii barachuun maaf si barbaachise? kan jedhu komiin maatifi firoota irraa irratti dhiyaata.
Su Zhan hojii keessummeessuu inni hojjatutti maatinsaa itti gadduu hima. Barnoota sadarkaa olaanaa osoo qabuu filannoo dhabee keessuummeessaa ta'us, gama biraan carraa biraa waan uumef fakkaata.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Carraa kanatti fayyadamuun biizinasiin reestorantii akkamitti akka hojatu muuxannoo fudhachuun gara fuulduraatti kan dhuunfaasaa banachuu barbaada.
"Chaayinaa keessatti hojii argachuun baay'eedhuma rakkisaadha. Kanaaf dargaggoonni ilaalcha isaanii dursanii sirreeffachuu qabu," jedhu Pirofeesar Zhang Jun.
Akka Pirofeesar Zhang Jun jedhanitti barattoonni hedduu yuunivarsiitirraa eebbifamanii hojii gaarii argachuu barbaadu. Garuu haalli qabatamaan jiru kan isaan eeganiin adda.
Wuu Daan yuunivarsiitii irraa Maastarsiin eebbifamtee ogummaa baratteen hojii dhabdee kilina ispoortii magaala Shaangaayi jiru keessatti akka leenjistuutti hojjataa jirti.
Hong Kong University of Science and Technology irraa Maastarsiin eebbifamtee kuni akka ishee eeggatu hin beektu turte. Hojiishee kana maatinshee hin simanne.
Kanaaf jennee sitti dadhabnee si barsiifnee? jechuuniinsaanii hin oolle.
"Barnoonni koo gaarii waan ta'eef hojii gaarin qabaadha jedhanii yaadu ture. Hojii humna nama gaafatu, garuummoo maallaqa xiqqaa ta'e maalif akkan hojjadhu hin hubatan," jetti.

Madda suuraa, BBC/RachelYu
Barattoonni Chaayinaa yuunivarsiitii irraa eebbifaman, hojii gaarii argachuu ilaalche jedhu keessa deebi'anii akka ilaalan taasifamaa akka jiran himu Pirofeesar Zhang.
Dhaabbileen Chaayinaa gurguddoon dur nama yuunivarsiitii irraa barateefi ogummaa olaanaa qabu qofa qacaranis amma ulaagaa gadi buusanii nama qacaruutti akka jiranis himu.
"Haalli Chaayinaa keessa jiru kana ta'eera. Akkuma yuunivarsiitii irraa eebbifamteen hoji dhabeessa taata," jedha Lii.
Akkuma ta'u ta'ee industirii fiilmii keessatti barreessaafi daayirektara ta'uu danda'eera.
Hedduunsaanii keessuma gaafa dullumatti dhiyaatan hojii dhaabbataa hin argannu jedhanii yaaddoo qabu.
"Amma dargaggeessa waanan ta'eef hojii barbaacha dhufe. Yeroon gara dullumaatti siqe, hojii dhaabbataan barbaaddadha," jedha Lii.












