Kaanaadaan lakkoofsa baqattoota simattuu garmalee hir'isuuf ta'uu ibsite

MInistira Mummee Kaanaadaa Jastiin Turuudoo

Madda suuraa, Getty Images

Mootummaan Kaanaadaa jijjirama imaammataa taasisuudhaan ''lakkoofsa ummataa guddisuu yeroodhaaf dhaabuudhaan'' baayyina lakkoofsa baqattootaa gara biyyattii akka seenan hayyamee haalaan hir'isuu beeksiiseera.

Kaanaadaan bara 2025tti jiraattota kuma 500 karaa hayyama hojiitiin biyyattii seenan akka simattu beeksiiftulleen, lakkoofsa kana parsantaa 21n hir'isuudhaan gara kuma 395tti gadi buftee jirti.

Kunis jijjirama taasifame keessaa tokko akka ta'etti fudhatameera.

Ministirri Mummee biyyatti Jastiin Tirudoo gamasaanitiin, mootummaanasaanii hir'ina hojjtaaa furuudhaaf jecha weerara Kooviidiin booda tarkaanfii fudhateen ''madaaliisaa hin eegne'' jedheera.

Kaanaadaatti deeggarsi hawaasummaa baqattootaaf taasifamu hir'ataa dhufeera. Yaadni ummatarraa walitti qabame akka agarsiisetti, lakkoofsi baqattootaa dabalaa dhufuusaattiin wal qabatee dhiibbaan mana jireenyaafi tajaajiloota hawaasaarratti qabaatu yaaddeessaa ta'aa dhufeera.

Tarkaanfiin kunis hir'isuu barattoota addunyaa fi hayyama yeroo hojjattoota biyya alaatiif kennamu hojiirra oolchuu hordofee kan dhufedha.

Guyyaa Kamisa kaleessaa ammoo Ministirri Muummee biyyatti Tirudoo fi ministirri Imigireeshinii biyyattii, Maark Miilar kanneen hayyama hojiitiin galan irratti hir'isuu dabalataa kaa'uu beeksiisan.

Kaayyoon tarkaanfii kanaatiis waggaa lamaan booda namoonni hayyama hojiitiin seenan kumni 365 qofi akka jiraatan gochuurratti kan kaayyeefatedha jechuun dubbatan.

Hir'isuun kunis waggoota lamaan dhufan keessatti lakkoofsi ummata Kaanaadaa keessa jiraatuu akka hin daballeen ni taasisa jechuun dubbatan Tiruudoon. Yeroo kanattis dhiyeessii mana jireenyaafi fayyaa cimsuudhaaf carraa akka kennu dabaluun himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Diinagdee biyyattii cimsuu fi biyya hawaasa garaa garaa qabatte ijaaruudhaaf gargaareera kan jedhaniin simannaa baqattootaa kana, lammiilee Kaanaadaa waan itti boonanidha jechuun dubbatan.

''Sirni baqattummaa keenya kan itti gaafatamummaa qabuufi haaluma jiruun kan jijjiramuudha. Har'a kan hojjataa jirru weeraraan booda fedhii hojjattootaa furuudhaafi guddina ummataa eegsiisuu jidduutti madaallii sirriin sababii hin argatamiiniifiidha'' jedhan.

Haala odeeffannoo mootummaatti, bara 2023tti ummanni Kaanaadaa parsantaa 97 kan guddate haala baqattootaan wal qabateeniidha.

Haaluma walfakkaatuunis haalli hojii dhabummaa Kaanaadaa parsanta 6.5n yoo dabalu, kana keessaayis hojii dhabdummaan dargaggootaa parsanataa 14 ol gaheera.

Tarkaanfiichi kaayyoo ummataa dabaluu fi qaawwa hojii guutuuf kan namoota haaraa galchuu irratti bu'ureeffate fi imaammanni baqattootaa waggaa kudhaniitti aanee jijjiramu kan agarsiisuudha.

Tiruudoon erga gara aangootti dhufanii bara 2015 hanga bara kanaatti lakkoofsi baqattoota karaa hayyama hojiitiin simatan waggaan kuma 272 irraa gara kuma 485tti guddateera. Lakkoofsichi baayyee kan guddates bara weerara 2021 boodadha.

Tirudoo fi mootummaansaa tajaajiloota ykn ijaarsa manneen jireenyaa cimsuudhaaf baqattoota baayyee dabaluusaatti qeeqamaniiru.

Oggeessi diingadee gamasaanitiin lakkoofsi ummataa saffiisaan Kaanaadaa keessatti guddataa jiru manneen jireenyaafi tajaajiloota ummataarratti dhiibbaa umeera jechuun akeekkachiisan.

Bara 1977 irraa kaasee ilaalcha lammiileen Kaanaadaa kan hordofe dhaabbanni Invaayirooniiksi qorannoo gaggeesseen, lammiileen biyyattii parsantaa 58 ta'an hammi baqattootaa baayyee olaanaa ta'uti itti dhagahama.

Bu'aan qorannoo dhaabbatichaa akka agrsiisuutti, ilaalchi ummanni baqattoota irratti qabu ''fudhatama qabaachuurraa gara rakkootti jijjirameera.''

Hir'isuun baqattootaa gareewwan akka Neetworkii Maayigraanti Raayitsi jiraniin qeeqameera. Xalayaa ifaa Tiruudoo fi Miilaar barreessaniin rakkoo fayyaafi tajaajila Kaanaadaatiif seera malee komatamoo taasisaa jiru jedhan.

''Rakkoo mana jireenyaa Kaanaadaatiif, hojii dhabduummaa ykn eegumsa fayyaa gahaa hin taaneef ykn rakkoolee tajaajila ummataa biraatiif ''baqattoonni itti gaafatamoo miti'' jedheera.

Gareen kun itti dabaluudhaan, dhimmoonni kunneen bu'aa "imaammata federaalaa fi naannoo waggoota kurnan lamaan darbaniif tajaajila mootummaa maallaqaan gadi bu'ee fi dhuunfaatti dabarsee turetiidha" jedheera.