Israa'el UNtti ejansii baqattoota Filisxeem (UNRWA) hojii namoomaa akka hin hojjanne uggurte

Paarlaamaan Israa'el seera UNtti Ejansii Baqattoota Filisxeem (UNRWA) Israa'eliifi Weest Baank keessatti akka hin hojjanne ugguru baase.

Seerri parlaaman biyyattii sagalee irratti kenne kun hojii deeggarsa namoomaa UNRWA Baha Yeruusaalem, Weest Baankifi bakkeewwan biraatti taasisu ji'a sadi gidduutti akka dhaabu kan dirqisiisudha.

Walitti dhufeenyi hojjattoota UNRWAfi qondaalota Israa'el gidduu jirus adda cita; kuni ammoo hojii dhaabbatichi Gaazaafi Weest Baank keessatti gaggeessu yaaddoo keessa galcheera jedhama.

Dabalataanis hojjattoonni dhaabichaa Israa'el keessatti golgaa seeraa hin qabaatan, biiron muummee ejansii baqattoota Filisxeem Baha Yerusaalem keessa jirus cufamuu isaati.

Barreessaa olaanan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guteerez seera kuni hojiirra oolchun "walitti bu'iinsa Israa'elifi Filisxeem akka hin furamneef akkasumas nageenya naannichaaf danqaa guddaadha" jechuun gidiraa Filisxeemotaa caalmatti kan hammeessu ta'uu dubatan.

Biyyoonni akka US, UK, fi Jarman fa'aas tarkaanfii Israa'el kanaan yaadda'uusaanii ibsataniiru.

Ministeerri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu ammoo "hojjattoonni UNRWA Israa'el irratti hojii shororkeessumma hojjatamerratti hirmaatan itti gaafatamuu qabu" jechuun hojiin namoomaa Gaazaatti akka itti fufuu qabu ibsan.

"Michoota keenya idiladdunyaa waliin hojjachuuf, lammiilee nagaa Gaazaatiif deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuf ni hojjanna," jechuun fuula X gubbaatti barreessan.

Israa'el hojii ejansiin baqattoota Filisxeem irraa yaaddoo qabaachuushee waggoota hedduuf kaasaa turte.

Hamaas Israa'el irratti haleellaa banuunsaa ammoo shakkii duraanuu ejansicharraa qabdu daran hammeesse.

Hojjattoonni UNRWA 19 haleellaa Hamaas gaafa Onkoloolessa 7, 2023 Israa'el irratti raawwate keessatti kallattiin hirmaachuu himatte.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii himannaa Israa'el erga qoratee booda hojjattoota 9 hojiirra ari'ee ture.

Paarlaaman Israa'el, Kineseet, Wiixata Onkoloolessa 28 sagalee caalmaadhaan wixinee seeraa lama raggaasiseera.

Ejansiin baqattoota Filisxeem "dhaabata shororkeessaa Hamaasif akka meeshaatti tajaajila" kan jedhuudha.

"Dhaabbata shorokeessaa [Hamaas]fi UNRWA gidduu walitti dhufeenya cimaatu jira. Israa'el kana obsuu hin dandeessu," jedhe paarlaamaa Israa'elitti walitti qabaan koree dhaabbii dhimma alaa Yuulii Edelisteen.

Komishinarri Waliigalaa UNRWA kan ta'an Filippe Lazarini tarkaanfii Israa'el balaaleffachuun: "Baratoota dhiirafi dubaraa 650,000 baruumsan ala gochuun dhaloota guutuu balaarra buusa" jedhan.