Baqattoota Eertiraa naannoo Amaaraa qubatan lolaan qormaata biraa itti ta'e

Qubsuma baqattootaa lolaan jala yaa'ee jiru

Madda suuraa, The Act of Good Samaritan

Baqatoonni Eertiraa naannoo Amaaraa kaampii buqqaatota Alam-waac jedhamu keessa qubatanii jiran, lolaan waqtii gannaa haala isaan keessa jiran hammeessuu BBC'tti himan.

Kaampii isaanii lolaan irra garagalee akka jiruufi dukkaana isaan keessa jiraatan bishaaniin liqimfamuu himu.

Lafti gogaan itti baqatan dhiyeenya isaanii akka hin jirrellee dubbatu.

"Lafti naannichaa caffaa'aa waan ta'eefi bishaan waan qabatuuf, socho'uun ulfaataadha. Balaa guddaa qaba," jetti baqattuun kaampicha keessa jiraattu Aadde Yoodiit.

Akka isheen jettutti baqattoonni kaampii kana keessa jiran waraana naannoo Tigraay keessa ture dheessuun kan garas dhufan yoo ta'u, hedduun isaanii achi gahuuf faddaaltotaafi namoota isaan daddabarsaniif maallaqa guddaa kafalaniiru.

Erga achi gahanii booda kampicha keessatti hanqinni nyaataa fi dhiyeessii fayyaa akkasumas rakkoon nageenyaa akka isaan mudate kan himan baqattoonni kunneen, qaamni mootummaas ta'e dhaabbileen UN rakkoo jiru fooyyessuuf tarkaanfiin fudhatan hin jiru jechuun komatu.

Isaan kana haa jedhan malee, UNHCR dhiyeessii nyaataa fooyyessuuf deeggarsa maallaqa eeggataan jira jedha.

Dabalataan kaampicha keessa eegumsi akkasumas tajaajilli fayyaa fooyya'aan akka jiraatu aanga'oota mootummaa Itoophiyaa waliin mari'ataa akka jiru beeksise.

Kaampii naannoo Amaaraa Aanaa Dabaat keessatti argamu kana keessa baqattoonni Eertiraa 10,000 ol akka jiraatan himama.

Baqattoota achi qubatan kan gargaaru Habta'aab Iyyoob akka jedhutti "kaampichi lafa qonnaa mijataa hin taane irratti waan ijaarameef, dukkaanni baqattootaaf dhaabame lolaafi bubbee dandamachuu hin danda'u".

Walumaagalatti naannichi jireenyaaf mijataa miti jedha.

"Daa'imman addatti caalaatti miidhamaa jiru, beela'aas jiru," jedha Habta'aab.

"Biyya keenyaa baqannee kan baane, daa'imman keenyaaf egeree fooyya'aa uumuuf ture," jetti Aadde Yoodiit.

Kaampii baqattoota Eertiraa Tigraay keessaa ture keessaa waraana baqatanii bahanii, Alam-waacitti ammoo haala jireenyaa hammaataati bahuu himu.

Baqattootni Eertiraa kuma 100tti siqan waraanni Tigraay eegaluun dura kaampiiwwan baqattootaa naannoo Tigraay keessa jiran Addi Haarish fi Maay Ayinii jedhaman keessa jiraachaa turan.