Taalibaan manneen rifeensaa fi bareedinaa Afgaanistaan keessa jiran akka cufaman ajaje

Madda suuraa, Getty Images
Afgaanistaan bulchaa kan jiru Taalibaan manneen rifeensaa fi bareedinaa dubartootaa biyyattii keessa jiran akka cufaman ajaje.
Biyyattii keessatti kan ittiin taliigaman, seera amantii Islaamaa akkaan cimaa ta'e, dhaabbati hojiirra oolchu, kanneen hojii bareedinaa fi rifeensa sirreessuu irratti hirmaataa jiran ji'a tokko keessatti hojiisaanii dhaabuu qabu jedhe.
Taalibaan erga bara 2021 aangoo biyyattii deebisee to'atee, mirga lammiilee, keessattuummoo kan dubartootaa akkaan daangessee jira.
Gareen aangoo olaanaa biyyattii harkaa qabu kun shamarran fi dubartoonni mana barumsaa akka hin deemne dhorkeera.
Kana malees dubartoonni iddoowwan sochiin qaamaa itti taasifamanii fi iddoowwan uummanni ba'ee itti bashannanurraa dhorkamaniiru.
Dhiheenya kanammoo dubartoonni waajjiraalee Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii keessa seenanii hojjechuu hin danda'an jechuun dhorkaa kaa'eera Taalibaan.
Dubartoonni uffata ijasaanii qofa mul'isuu fi qaama kaan haguugu qofa uffachuu akka qaban, manasaaniirraa kiilomeetira 72 caalaa fagaatanii deemuu akka hin qabne, isumayyuu dhiira fira isaanii ta'een dabaalamuu akka qaban seera dirqamsiisu baasee hojiirra oolchaa jira.
Taalibaan seerotaa fi qajeelfamoota mirga dubartootaa akkaan daangessu baasee hojiirra oolchuusaatiin addunyaarratti akkaan qeeqamus, gareen kun garuu seerota kunneen hojiirra oolchuurraa duubatti hin jenne.
Gareen kun kanaan duras bara 1996 hanga 2001 wayita Afgaanistaan bulchaa turetti, manneen miidhagina dubartootaa irratti hojjetan cufsiisaa ture.
Erga Taalibaan aangoorraa hari'amee garuu manneen bareedinaa fi rifeensa itti sirreessan deebi'anii banamaniiru.
Taalibaan seera jabaa jedhame kana hojiirra oolchuuf ta'uunsaa erga dhagahamee booda dubartiin Afgaanistaan tokko akkas jechuun yaada BBC'f kennite.
''Taalibaan mirgoota bu'uuraa dubartoota Afgaanistaan irraa mulqeera,'' jette.
Mirga dubartootaa akkaan sarbaa jira. Oduu kana wayitan dhagahu guddoon rifadhe. Taalibaan qaama dubartootaa to'achuun alatti karooraa fi galma siyaasaa waan qabu natti hin fakkaatu. Haalaa fi bakka kamittuu jireenya hawaasaa keessatti sadarkaa dubartootaa gadi buusuudha tattaaffiin isaanii,'' jette dubartiin Afgaanistaan kun.












