Somaaliyaatti Al-Shabaab hojjattoota UN saddeet helikoptara wajjin qabate

Madda suuraa, AP
Somaaliyaatti al-Shabaab hojjattoota Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) saddeet helikooptara dhaabbatichaa wajjin qabate.
Hojjattoonni UN kun helikoptaraan osoo imalaa jiranii dogoggoraan bakka al-Shabaab to'atee jiru akka qubatantu himama.
Qondaala Nageenyaa Somaaliyaa naannoo Giluduug kan ta'an Mohaammad Abdii Aadan dubbiin hojjattoonni UN helikoptarasaanii waliin al-Shabaabin ugguramuu BBCf mirkaneessaan.
Kanneen al-Shabaabiin to'ataman imaltootaafi paayileetota dabalatee hojjettoota xiyyaarichaati (crews) akka ta'anis himan qondaalli Somaaliyaa kun.
Maddeen akka jedhanitti helikoptarri hojjattoota UN feete kun naannoo al-Shabaab to'atetti dhiyoo kan jirtu magaala Wisil jedhamu deemaa turte.
Yeroo dhiyoo as mootummaan Somaaliyaa haleellaa garee al-Shabaab irratti gaggeessu itti jabeessera.
Al-Shabaab mootummaan Somaaliyaa amma jiru seera qabeessa miti jechuun humnaan aangorraa buusuuf waggootaaf lola gaggeessaa jira.
Pirezidaaantin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud erga gara aangotti dhufanii as al-Shabaab dadhabsiisuu kaayyoo ijooo mootummaasaanii ta'uu ibsuun garicharratti duula erga eegalanii bubbuleera.
Kanaanis waraanni biyyattii haleellaa gaggeessun bakkeewwan kana dura al-Shabaab waggootaaf qabatee ture hedduu gadi lakkisiisera.
Gama biroon ammoo walii-galtee Itoophiyaafi Somaalilaand dhimma ulaa galaanarratti waliif mallatteessan ilaalchisee gareen al-Shabaab fudhatama dhabsiisuun Itoophiyaas mootummaa Somaaliyaas akeekkachiisee ture.












