Keemikaalota ''bara baraan turan'' balleessuun yeroo jalqabaaf milkaa'e

Madda suuraa, Getty Images
Kemistootni ''keemikaalota bara baraan turan'' baasii salphaa taheen yeroo jalqabaaf akkamiin akka balleessuu danda'an adda baasuu qorannoon haaraan tokko hime.
Saayintistootni keemikaalota PFAS jedhamuun beekamaniif saaxilamuun dhibee fayyaa akka kaanserii, miidhaa qaamaa waliin dhalachuu fiduu danda'u jedhan.
Bishaan fi zayitaan makamamuu diduu fi ligidaa'uu dhabuun isaanii ammoo akka isaan bu'a qabeessa tahan isaan godha.
PFAS keemikaalotni jedhaman jireenya guyyaa guyyaa keessatti paanii irratti nyaata bilcheessuuf ooluu hanga miidhagina hojjechuutti faayidaa guddaa qabu.
Garu qabeenyotni kunneen akka guutummaan hin balleesineef rakkoo tahaniiru.
PFAS jechuun poly- and perfluoroalkyl bakka bu'a.
Keemikaalotni kunneen gara 4,500 tahan kan jiran yoo tahu, lafarratti meeshaalee akka nyaata saamsuuf oolan, nyaata bilcheesuuf oolan, waraqaa, dibataa fi meeshaalee guyyaan fayyadamnu hedduu keessatti argamu.
Adunyaa irratti bishaan roobaa keessattis hamma gadi bu'een tahus akka argaman qorattootni ni himu. Garuu osoo bishaaniin ykn biyyeen hin makaman tahe balaa guddaa geesisuu danda'u.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Keemikaalota PFAS kanneen tooftaalee akka gubuudhaan balleessuuf yaalamus hin milkoofne.
Gubanii balleesuuf tempirechera ho'aa guddaa qabu barbaadu. Kun ammoo gatiin isaa baay'ee qaaliidha.
Saayintistootni Yuunvarsiitii Northwestern US, meeshaalee rakasaa fi gatii xiqqaa baasan fayyadamuun ''karaa danda'amaa hin fakkaanneen barbadeesine'' jedhan.
Akka pirofeser Sanderlaanditti kun hawaasa faalamaan rakkataa jiruuf bu'aa guddaa qaba jedhan.
Keemikaalota kanneen balleessuun baay'ee ulfaataa kan taheef hamma kaarbonii fi filoorinii guddaa waan of keessaa qabaniifi.
Kun ammoo boondii jabaa orgaanik kemistirii keessatti beekamudha.
Kun ammoo akka isaan dhangala'aa ofirraa deebisan gochuun warshaalee nyaata oomishanii fi qoricha oomishaniif akka bu'aa guddaa kennan godheera.
Gareen qorattootaa Biritaanii Tiraangiin durfamu akkamiin Soodiyeem haayidirooksayidii fayyadamuun akka keemikaalota kanneen caccabsuun dhabamsisuu danda'amu ibsaniiru.
Keemikaalli kun mana keessatti saamunaa fi dhukkubbii xiqqeesuuf kan itti fayyadamnudha.
Keemikaala kana fayyadamuun keemikaalota PFAS caccabsuun akka milkaa'an kan himan qorattootni kunneen yoo kan milkaa'u taheef baasiin isaas xiqqaa waan taheef miidhaa isaan geessisan xiqqeessuun danda'ama jedhan.












