Dhaddachi duguuggaa sanyii Ruwaandaa sababa rakkoo fayyaan yeroof dhaabbate

Félicien Kabuga

Madda suuraa, EPA

    • Barreessaa, Tarik Habte
    • Gahee, BBC News

Dhaddachi namticha duguuggaa sanyii Ruwaandaa bara 1994 raawwate olaantummaan qindeessuun shakkame Heegitti yeroof dhaabbate.

Namni mana murtiitti dhiyaachuuf turan Félicien Kabuga jaarsa ganna 90 ennaa tahan, waggoota 26f seera jalaa dhokatanii turan.

Dhaddachatti dhiyaachuuf ennaa jedhan kanatti, abukaatonni isaanii rakkoo fayyaa jaaruun dhufu 'dementia' waan qabaniif, mana murtii fuuldura dhiyaachuu hin danda'an jechuun falman.

Qaamni seeraa dhimma isaanii ilaalu The International Residual Mechanism for Criminal Tribunals, hanga dhimmi fayyaa isaanii ilaalamutti adeemsa seeraa dhaabuuf waliigaleera.

Daldalaan qabeenya guddaa qaban Obboo Kaabugaan, buufata raadiyoo qabanitti fayyadamuun; warri saba Huutuu tahan saba Tutsii akka ajjeesan kakaasaa ture jechuun himatamu.

Kanaanis haasaa jibbiinsaa hamaa tahe facaasuun, duguggaa sanyii kanatti ibidda qabsiiseera jedhamuunis himatama.

Kana malees namni kun qabeenyasaa guddaa 1970'ota keessa horatetti fayyadamuun, garee ajjeestota warra Huutuuf mancaa ykn qoncoraa biteeras jedhamee shakkama.

Namni kun garuu himannaa irratti dhiyaatu kana hunda ni haala.

Obboo Kaabugaan baroota hedduuf seera jalaa miliqaa erga ture booda, 2020 keessa Firaansitti qabame.

Qorattoonni Firaans appaartimantii Paaris keessa jiru tokko keessa, maqaa sobaan akka jiraachaa ture bira gahuun to'atan.

Namoonni yakka hamaa kana jalaa oolan amma dura akka jedhanitti, namni kun otoo ICC fuulduratti hin dhiyaatin du'ee, haqa akka dhabanitti akka lakkaa'an waywaataa turan.

Félicien Kabuga akkamiin ganna 26'f osoo hin qabamiin ture?

Odeessa amma dura hojjenne kan dubbisaa: Félicien Kabuga akkamiin ganna 26'f osoo hin qabamiin ture?