Gareen Saadiyoo Maanee Mesii, Mibaappee fi Neyimaar adabe, Totanihaamis keessaa gale

Madda suuraa, Getty Images
Taphattoota bebbeekamoo addunyaa kan of keessatti qabate garee cimaan biyya Firaansi- PSG'n, garee taphataa collee Afrikaa fi addunyaa Saadiyoon Maanee- Baayer Munikiin injifatamanii dorgommii Chaampiyeensi Liigii baranaa keessaa ba'aniiru.
Baayer Muunik marsaa duraa 1 fi 0'dhaan isteediyemii PSG irratti injifatee ture, tapha kaleessa galgalaa ammoo goolii 2 fi 0'n mo'ate.
Walumaagalatti qabxii dhaqaa-galaa 3 fi 0'n kilaba taphattoonni ciccimoon akka Neyimaar, Mibaappe fi Mesiin keessatti argaman injifate.
Gareen taphattoota gatiinsaanii akkaan qaalii ta'e of keessaa qabu kun daqiiqaawwan 180 taphatan keessatti goolii tokkollee galchuu hin dandeenye.
Taphataan duraanii Chelsii Joyi Kool BT Sport irratti akkas jechuun waa'ee PSG dubbate.
''Karoorri PSG Chaampiyeensi Liigii mo'achuudha. Garuu amma baay'ee irraa fagoo jiru. Kun garee kanaaf kufaatii isa guddaadha.''
Taphataan duraanii Ingilaand Owen Haargiriivs gamasaan, ''Gareen kun taphattoota collee ta'aniin kan guutamedha. Kanaan garee jechuun ni ulfaata.
''Baayyee qaaniidha. Taphattoota ciccimoo walitti qabanii, yeroo dorgommii yeroo hunda boodatti hafu,'' jechuun qeeqe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Leenjisaan PSG Christophe Galtier taphicha booda wayita yaada kennan, ''Kun qaanii guddaadha, baayyee nama aarsa. Irratti hojjechuu qabna,'' jedhan.
''Kanarraa waan barannu qabna ta'ee hin beeku, natti ulfaata. Maaliif yoo jette, osoo jalqaba goolii galchineerra ta'ee silaa yoona seenaa biraadha, garuu waan sana hin gooneef adabamne,'' jedhan leenjisaan kun.
Taphoota Chaampiyeensi Liigii kaleessa galgala taphataman keessaa kan biraan goolii malee xumurame kan Totanihaam fi AC Milaan ture.
Fiingeen [Firimbii] isheen dhumaa wayita afuufamtu Totanhaam dorgommichaan ala ta'uunsaa battaluma barame.
Sababni isaa marsaa duraa irratti AC Milan 1 fi 0'n Totanhaam mo'atee waan tureef, qabxiin dhaqaa-galaa wayita ida'amu Totanhaam gaggeeffamuusaati.
Tapha kanarratti miirri deeggartoota irraa mullataa ture leenjisaa Totanhaam Antooniyoo Konteef gaarii miti, tarii jalqabbii xumura leenjisaa ta'uu danda'aa laata?
Totanhaam leenjisaa ji'oota 16'f waliin ture kana kontiraata haaraa mallatteessisuuf fedhii hin agarsiifne.
Antooniyoo Kontee Totanhaam gadhiisuuf yeroo isaa eeggataa jira jechuudha.
Totanhaam Piriimiyer Liigii Ingilizii keessatti kilaba cimaadha, garuu tapha Miilaan waliin taphatan irratti hanqinni isaanii garee faallaaf carraa ta'e.
Rakkoon Totanhaam guddaan sarara gidduutti, Son Heung-min fi Haari Keen fuulduratti ba'anii kubbaa dheebotu, taphataan sarara gidduurraa fuulduratti isaaniif dabarsu waan hin jirreef.
Taphattoonni sarara gidduu Oliver Skipp fi Pierre-Emile Hojbjerg hojiisaanii hin dhaabne, garuu taphattoota Esi Milaan cabsanii kubbaa gara Keen fi Son erguuf baay'ee qoraman.
Haalli kun egaa Koonte irratti dhiibbaa guddaa dabala, yoo Piriimiyer Liigii sadarkaa 1 hanga 4 keessa galuun deeggartoota kiisan malee.












