Injifannoo Arsenal-haaloon goolii sekandii 9 irratti itti galtee sekandiin 9 wayita hafu baate

Arsenal battaluma dhumaarratti wayita goolii galchu gammachuudhaan machaa'e

Madda suuraa, Getty Images

Taateen kaleessa galgala (halkan Sambataa- Bitootessa 04, 2023) Isteediyemii Imireetis irratti mudate seenaa keessatti waan ta'ee hin beeknedha.

Diraamaa garri itti deemu hin beekamne, kan qalbii namoota kumaa-kitilaa rarraase ture.

Arsenal qe'eesaatti Bournmouth waamee osoo taphaan olaantummaa argatee jiruu maaliif goolii galchuuf akka harkifate, akkasumas ammoo battala ishee xumuraatti ''miira mo'amuun nurra hin jiraatu,'' jedhuun olaantummaa argachuun isaa jaallattootaa fi daawwattootatti bitaa galeera.

Arsenal tapha 26ffaasaati qe'eesaa- Imireetis irratti Bournmouth waliin kan taphate.

Goolii 2 fi 0 dhaan durfamaa turee, boodarra garuu hanga daqiiqaa dabalataa, sekandii xumuraatti qixaan osoo jiruu battala fiingeen afuufamuuf jedhutti goolii injifannoo lakkoofsise.

Kanaaf ammoo Reiss Nelson galata guddaa Arsenal irraa qaba.

Taphichi eegalee sekandii sagalitti jifataan Bournmouth Biiliing Arsenal irratti galche, Nelson ammoo daqiiqaan dabalataa xumuramuuf sekandiin sagal wayita hafu goolii injifannoo Arsenal'f galche.

Arsenal goolii jalqabaaf karra ofii banuunsaa dogoggora qofa osoo hin taane yakka ture jedhe dhimma Arsenal xiinxaluun 'Goal.com' irratti kan barreessu Kirii Wiitii.

Battaluma taphni eegalamu jifataa Bournmouth'f wayita kubbaan ergamtu ittistoonni Arsenal daguu hamaa keessa turan, isaan kun ni ta'a jedhanii hin eegne.

Ittisaan Arsenal Gaabrel Maagaaleezh kubbattiin lukasaa gidduu kuttee akka jifataa Bournmouth Biiliing bira geessu eeyyame.

Waahilli Gaabrel Wiiliyaam Saaliibanis taphataa goolii galche kana ofirraa ittisuuf hin yaalle.

Jalqabbiin Arsenal daguu hamaa fi harkifannaadhaan eegale kun guutuu taphichaarratti gatii akka kaffalu isa taasiseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Warri Arsenal gooliin jalqaba erga irratti galee booda, mudhii hidhatanii taphachuu eegalan-qabsoo wallaansoo cimaa gaggeessan.

Garuu taphichi olaantummaa Arsenal'n osoo ho'ee jiruu, ammas kilabiin Piriimiyer Liigii keessatti of qusachuuf ifaajaa jiru- Bournmouth goolii lammataa galche.

Maarkoo Seeneesii kubbaa waaqaa dhufte utaalee addasaatiin wayita saaphana sana keessa buusu, warri Arsenal garaagarummaa qabxii shaniin morkataa isaanii Maanchistar Siitii dursuuf abdiin qaban jalaa dukkanaa'e.

Arsenal haala kanaan hanga daqiiqaa 60ffaatti 2 fi 0 dhaan durfamaa ba'ee, daqiiqaa 62ffaarratti goolii taphataan sarara gidduu- Toomaas Paartee galcheen dhiphuu keessaa hanga tokko afuura fudhatan.

Kanaaf ammoo hamileen deegartoonni taphattootaaf kennaa turan utubaa ture.

Kana booda Arteettaan taphataa sarara gidduu Riis Neelsan galchan, yoona kana halali taphaas geeddarame.

Paarteen goolii Arsenalitti abdii horte erga galchee daqiiqaa saddeet booda, Been Waayit kubbaa Riis Neelsan dabarseef qixa sirrii ta'een fayyadamuun gooliitti geeddare.

Been Waayit Arsenaliif goolii jalqabaa galchuusaati, kana qofaa osoo hin taane gooliin isaa Arsenal miira mo'achuutti akka deebi'u waan taasisteef akkaan murteessituu turte.

Haata'u malee warri Arsenal goolii injifannoo osoo hin galchin yeroo dheeraaf turan- daqiiqaa 27.

''Kubbattiin gara kiyya wayita dhuftu, maalqaba osoon carraama tokkollee argadheen jedheen yaade. Miilla kiyya mirgaatiinan kubbattii to'adhee qabe. Isa booda gara miila kiyya bitaatti dhufte. Akka maleen gammade,'' jechuun daqiiqaa 90+7 irratti Arsenaliif goolii injifannoo kan galche Riis Neelsan BBC Sport'f yaada kenneera.