Haleellaa Raashiyaa hordofuun Zeleniskiin misaayila fageenya dheeraa furguggifaman hidhachuuf iyyatan

Haleellaan misaa’elaa Raashiyaa tibbana raawwatteen daa’imman lama dabalatee waliigalatti lubbuu namoota torba darbarse horodofee, Pirezedantiin Yukireen Volodmiir Zelenskiin meeshaa waraanaa fageenya dheeraa qabanii fi ittisa haleellaa qilleensaa dabalataa argachuuf irra deebiin iyyatan.

Haleellaan Raashiyaan magaalaa Vilniyanski, magaalaa kibba Baha Yukireen Zaporizhiyaa dhiyaattee argamutti raawwatte namoota 31 madeessu qondaaltonni Yukireen himan.

Sambata darbe Yukireenitti haleellaa misaa’elaatiin waliigalattii namoonni nagaa 11 ol ajjeefamuun, namoonni 37 ammoo madaa’uu Rooyitars gabaase.

Zeleniskiin barreeffama toora Telegiraamirratti maxxansaniin akkas jedhan: ''Magaalonni fi hawaasni keenya guyyaa guyyaan haleellaa Raashiyaa akkasiitiin dararamu.''

Zeleniskiin ''karaaleen kana injifachuu dandeenyu jira'' jechuun, ''iddoo misaa'elli Raashiyaa dhukaafamu barbadeessuu, halaalatti haleelu fi sirna ittisa haleellaa qilleensaa ammayyeesuu nu barbaachisa,'' jedhan.

Pirezedantichi suuraalee Vilniyanskitti bolla haleellaa misaayilaan umamee fi reeffa namoota haleellaa kanaan miidhamanii agarsiisu waliin maxxansan.

Abbaan Alangaa Waliigalaa Yukireen Andriy Kostin akka jedhanitti, misaa'eloonni lama magaalattii rukutanii bu'uuraalee misoomaa, suuqii fi gamoo mana jireenyaa barbadeessan.

Ministeerri ittisa Raashiyaa haleellaa kana ilaalchisee ifatti yaada hin kennine.

Waraanni Raashiyaa toora Telegiraami isaaarratti viidiyoo haleellaa misaa'elaa daandii baaburaa magaaalaa Yukireen, bakka Vilniyanskirraa km10 hin caalle fagaattu fi humnoonni Yukireen meeshaalee waraanaa fe’ataa turan jedhaniin maxxanseera

Abbaan Alangaa Waliigalaa Yukireen Andriy Kostin haleellaa meeshaa waraanaa naannoo baha Doneski, gandoota sadii naannoo waraanni itti gaggeeffamaa jirtutti dhiyaatanitti raawwatameen namoonni afur du’uu fi torba madaa’uu himan.

Biyyoonni Lixaa kanaan dura Yukireen meeshaalee waraanaa fageenya dheeraarratti haleellaa raawwatan hedduu Yuukireeniif kennan.

Haata’u malee, dhiyeessiin meeshaa waraanaa US irraa Yukireen qaqqabu jalqaba bara 2024tti erga wixineen seeraa gargaarsa waraanaa dabalataa ibsu Kongireesii keessatti danqame booda harkifateera.

Wixineen seeraa sun xumurarratti baatii Eblaa keessa kan ragga’e yoo ta’u, sirni ittisa haleellaa qilleensaa fi misaa’eloonni fageenya dheeraa furguggifaman ji’a itti aanutti dirree waraanaa qaqqabaa turan.

Garuu Zeleniskiin Yukireen keessatti lubbuu namoota darbuu fi Raashiyaan lafa Yukireen qabachuu isheetiif dhiyeessin meeshaalee waraaana fi misaa’ela farra haleellaa qilleensaa harkifachuu komatu.

Taatullee ammas taanaan waraana kana injifachuuf dhiyeessi meeshaalee waraanaa dabalataan barbaanna jedhan Zeleniskiin.