Taakkalaa Uumaafi Umar Huseen dabalatee aangawoonni olaanoon aangorraa gaggeeffaman

Madda suuraa, Office of the Prime Minister
Minsistira Albuudafi Peetirooliyeemii kan ta'an Obbo Taakkalaa Uumaa, Ministiira Qonnaa Obbo Umar Huseen dabalatee aangawoonni olaanoon mootummaa federaalaa aangoosaanirraa gaggeeffamuu Wajjirii Ministeera Muummee beeksise.
Waajirichi ibsa fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti Sambata baasen, "Manni-Maree Ministeerotaa Adde Daagimaawwit Mogas, Obbo Taakkalaa Uumaa, Obbo Umar Huseeniifi Obbo Tafarii Fiqiree har'a kabajaan gaggeessera.
"Sagantaa gaggeessaa kanarratti Ministira Muummee Abiy Ahmad dabalatee miseensonni mana-maree minsteerotaa argamaniiru," jedheera ergaa dabarseen.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 1
Kantiiban duraanii Magaala Finfinnee Obbo Taakkalaan fuula Tiwiitaraa isaanirratti akkas jechuun barreessan: "Itoophiyaa tajaajiluun carraafi kabaja guddaadha, DNA [qaccee sanyii] keenya keessatti obsaafi jabinni hundee fageeffateera.
"Kanaaf, shakkii tokko malee mo'achuu keenya itti fufna. Hundi keessan deeggarsa,jajajjabinaafi gorsa waggoota dabarsine keessatti nuuf taasiftaniif galatoomaa. Obboleessi koo Abiy Ahmadis galatoomi!"
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 2
Ministiirri Geejjibaafi Loojistikii Aadde Daagmaawwit Mogas aangoo irraa gaggeeffamuusaanii hordofee ergaa fuula Tiwiitara isaaniirratti barreessanii, "Biyya koo jaaladhu Itoophiyaafi uummata koo itti gaafatamummaa guddaan tajaajiluuf carroomuukootti gammachuun koo daangaa hin qabu.
"Waggoota afran darban Ministira Ministeera Geejjibaafi Loojistikii hogganuu danda'uu kootiif kabajatu natti dhagahama," jedhan.
Obbo Taakkalaa Uummaa naannoo Oromiyaatti sadarkaa hooggansa garaa garaatti tajaajilaniiru. Jijjiirama siyaasaa bara 2018 booda ammoo Kantiiba magaala Finfinnee, achiin booda ammoo Ministiiira Albuudafi Peetirooliyeemii ta’uun tajaajilaniiru.
Obbo Tafarii Fiqiree ammoo Itti Gaafatamaa Waajjira Muummee Ministiraa fi Ministira Dhimmoota Kaabinee ta’uun ta’uun tajaajilaa turan.
Obbo Umar Huseen ammoo sadarkaa godiinarraa kasee sadarkaa naannotti biirolee garaa garaa hogganaa turan. MM Abiy gara aangoo dhufuu hordofee Ministiira Qonnaa ta’uun tajaajilaniiru.
Aanga'oonni olaanoo Federaalaa amma aangoorraa gaggeeffaman kunneen fuulduratti hireen isaanii maal akka ta'u ykn eessa akka geeffaman hanga ammaa wanti beekame hin jiru.
Carraaqqii BBCn qulqulleeffachuuf taasises ammatti hin milkoofne.












