Jijjiirraa Neeymaar irratti PSG fi kilabni Saawdii, Al Hilaal waliigalteerra gahan

Neeymaar Jr

Madda suuraa, Getty Images

Paariis Seent Jarmeen jifataa lammii Biraaaziil, Neeymaariin yuuroo miiliyoona 90 oliin kilaba Saawdii Al Hilaaliif gurguruuf waliigale.

Jijjiirraan kun taphataan qacaleen ganna 31 kun, qorannoo meedikaalaa fi ragaalee biroo raawwachuurratti hundaa'a.

Maallaqa riikardii addunyaa ta'e yuuroo miiliyoona 222'n bara 2017 Baarseloonaarraa PSG kan gale Neeymaar, tapha PSG'n Sanbata darbe Loriyeent waliin morkatee qixxee itti bahee iratti hin hirmaanne.

Neeymaar Jr waggaa lamaaf lakkoofsa 10 uffatee Al-Hilaaliif akka taphatuufi waliigalteen hunduu raawwatee, Neeymar qorannoo meedikaalaaf qophaa'aa akka jiru gaazexessaan Ispoortii Faabriiziyoo Roomanoo gabaaseera.

Leenjisaa haaraa PSG kan ta'an Luwiis Eneriikee, garee ijaaruu barbaadan keessatti Neeymaariin hedduu akka hin barbaanne gabaasamaa ture.

Kilabicha gadi-dhiisuun Neeymaar, PSG'n imaammata taphattoota maqaa guddaa fi gatii qaalii(gaalaaktiikoos) irraa of fageessuuf qabate milkeessaa akka jiu akeeka. Liyooneel Mesiin dhiyoo PSG gadi-dhiisuun isaas ni yadatama.

Neeymaar PSG wayita jiru waggaattii miindaa yuuroo miiliyoona 52 ta'u argata.

PSG waliin taphoota 173 irratti hirmaatee kilabichi waancaa 13 akka argatu gargaareera.

Injifannoowwan Liigichaa cinaatti garuu waancaa Chaampiyoonsi Liigii Awurooppaa akka injifatu hawwamaa ture hin milkeessine. Bara 2020 qofa xumura Chaampiyoonsi Liigiif qaqqabeera.

Neeymaar turtiin PSG keessatti qabu miidhama koronyoonis danqamee ture.

Taphataan Baarseloonaa duraanii kun, Bitootessa darbes miidhama isaaf waldhaansa baqaqsanii yaaluu argatee reefu Adoolessa darbe leenjiitti deebi'e.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waancaa Addunyaa Kaataar irratti tapha jalqaba irratti miidhamee taphoota ramaddii kaan irratti hirmaachuufis hiree hin arganne ture.

Oduun Neeymaar gara liigii Saawdiitti imala jedhu kan dhagaahame, jifataan kilabichaa Kiiliyaan Imbaappee garee Enriikeen ala godhamee akka itti deebi'u murtaahuun mirkaneeffamuu booda.

Imbaappeen kontiraata haaraa mallatteessuu diduu hordofee rakkoo dhalateen garee kanaan ala erga turee booda, amma marii kilabichi taphataa kana waliin gaggeesse milkaahaa ta'uun kilabichatti deebi'ee makame.

Akkuma Neeymaar kana Imbaappeeniis Al-Hilaal irraa gaaffiin ''nutti makamii'' miindaa guddaan dabaalamee dhiyaateefii kan ture ta'us, taphatichi fudhachuu dideera.

Jijjiirraan Neeymar kun ni milkaaha yoo ta'e, yeroo jijjiirraa taphattootaa kanatti gareewwan liigii Saawdii taphattoota maqaa guddaaf maallaqa gurguddaa baasan itti fufuu fi fedha liigicha guddisuuf jiru agarsiisa.

Torbanoota darban taphattootni maqaa guddaa akka Kariim Benzeemaa, Nigooloo Kaantee, Joordaan Hendersan, Riyaad Mahireez, Saadiyoo Maaneefi Robeertoo Firmiinoo gara Saawdii godaananiiru.

Kanneen maqaa guddaa keessaa jalqaba gara Saawdii kan jijjiirame injifataa Ballon D'oor yeroo shanii Kiristiyaanoo Ronaaldoodha.