Kiristaanoo Roonaaldoo tapha xumuraarratti goolii lama galchuun Al- Naasir waliin waancaa jalqabaa nyaate

Tapha dhumaarratti Roonaaldoon goolii lama galche

Madda suuraa, Getty Images

Kiristaanoo Roonaaldoo tapha waancaa Chaampiyoonshiippii kilabii biyya Arabaa irratti goolii lama galchuun Al- Naasir waliin waancaa jalqabaa argate.

Al-Naasir tapha kanarratti taphattoota lama kaardii diimaan dhabus, daqiiqaa dabalataa irratti goolii murteessituu taate galchuun kilabichi milkiin akka galu taasiseera Roonaaldoon.

Lammii Poorchugaal kan ta'e taphataan umrii waggaa 38 Kiristaanoo Roonaaldoon gareensaa Al-Naasir morkataa isaa Al-Hilaal injifachuun waancaa akka argatu tumsa olaanaa taasise.

Al-Hilaal hanga daqiiqaa 74ffaatti 1 fi 0 dhaan dursaa turus, goolii Roonaaldoon galcheen walqixa ta'an.

Taphichi goolii 1 fi 1n walqixa erga xumuramee booda daqiiqaan 30 dabalamee tapha boqonnaa duraa irratti Roonaaldoon goolii dabaluun seenaa hojjete.

Taphattoonni garee Al-Naasir Nawaafaa Bushaal fi Al- Amrii daqiiqaa 78 fi 71 irratti kaardii diimaadhaan dirree keessaa gaggeeffaman.

Tapha collee addunyaa jedhamuun yeroo shan kan badhaafame Kiristaanoo Roonaaldoo, taphichi dhumuuf daqiiqaan shan wayita hafu miidhamee dirreedhaa ba'e.

Tapha Piroo Liigii Sa'udii guyyoota sadi booda eegalamuun gareen Roonaaldoo Al-Naasir, garee Istiivan Jeeraardi leenjisu Al-Itifaaq waliin ni taphatu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kilaboota bebbeekamoo Awurooppaa kanneen akka Maanchistar Yunaayitid, Riyaal Maadiriid fi Juuventus keessatti taphataa collee sarara fuulduraa kan ture Kiristaanoo Roonaaldoo Muddee darbe ture gara Sa'udii kan deeme.

Al-Naasir bara taphaa darbe Piroo Liigii Sa'udii keessaa sadarkaa lammaffaadhaan xumure.

Erga Roonaaldoon gara Sa'udii imalee booda taphattoonni cocolleen Awurooppaa keessatti maqaa guddaa qaban kilaboota Sa'udiin seenaniiru.

Jijjiirraa taphattootaa ganna kanaan Saadiyoo Maanee, Seekoo Fofaanaa fi Maarseeloo Biroozooviich Al- Naasir seenaniiru.

Dirree kubbaa miillaa mootii Faahad kan magaalaa Riyaaditti argamutti tapha waancaa isa xumuraa gaggeeffamerratti Roonaaldoo, Maanee fi Biroozooviich gooli eegaa Al- Hiilaal akkaan qoranis akka yaadanitti hin milkoofne.

Kiristaanoo Roonaaldoo dorgommii kanaaf taphoota darban ja'a irratti goolii ja'a galcheera.

Dorgommii Chaampiyoonshiippii biyyoota Arabaa Sa'udii, Qaataar, UAE, Iraaq, Morookoo, Tuuniiziyaa fi Aljeeriyaa hirmaachisu kana Roonaaldoon goolii galchuun taphataa cimaa jedhamuun xumureera.