Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Manni-maree Federeeshinii gaaffii naannoo ta'uu dhiyaateef murteen uummataa akka gaggeeffamu murteesse
Manni Maree Federeeshinii Itoophiyaa Hagayya 18,2022 kora ariifachiisaa taa'en godinaaleen 6 fi aanaalen addaa 5 kan duraan Naannoo Uummatoota Kibbaa jala turan walitti dhufanii naannoo akka ta'aniif yaada dhiyaate fudhachuun murteen uummataa akka gaggeeffamuuf murtii dabarsuu FBCn gabaase.
Akka gabaasa kanaatti, kora ariifachiisaa manni marichaa har'a taa'e kanaan yaada kilaastariidhan naannoo ta'uu irratti saboonni godiinotaafi aanaalee addaa waliin ta'uun naannoo ta'uuf jiran dursanii irratti mariyachuun iratti walii galame.
Godinaaleefi aanaalen addaa akka haaratti naannoo 12ffaa ta'uuf murteen uummataa akka gaggeeffamuuf manni Maree Federeeshinii Itoophiyaa har'a murtee dabarse, godiina Walaayittaa, Gaamoo, Goofaa, Oomoo Kibbaa, Gede'oo fi Koonsoodha.
Aanaalen addaa naannoo haaraa kana jalatti gurmaa'uf yaanni dhiyaate ammoo aanaa Daraashee, Amaaroo, Burjii, Alee fi Baskeettoodha.
Murtee uummataatin kan mirkanaa'u yoo ta'e, godiinaalen 6 fi aanaalen addaa kanaan dura Naannoo Sabaa fi Sablammoota Kibbaa jalatti bulaa turan maqaa "Naannoo Kibba Itoophiyaa" jedhuun naannoo 12ffaa ta'anii hundaa'u.
Manni marichaa murtee har'a dabarseen saboonni godinaale fi aanaalee kanneen keessa jiraatan dhiibban homaatuu osoo irratti hin taasifamin murtee isaanii haa kennan jedheera.
Kanaaf ammoo Boordin Filannoo Biyyaalessaa ji'a sadi keessatti murtee uummataa qindeessun akka raawwachiisus ajaja dabarsuu gabaasni FBC ni mul'isa.
Adeemsi murtee uummataa karaa naga qabeessa fi dimokiraatawaa ta'een akka gaggeeffamu, gaggeessitoonni sadarkaan jiranii fi qaamoleen nagaa deeggarsa gochuun murteen uummataa nagaan xumuramee gabaasni isaa mana marichaa akka dhiyaati korri har'aa sagalee caalman murteessera jedhame.
Gama biraan godiinonni akka Kambaataa, Hadiyyaa, Xambaaroo, Silxee, Guraagee fi Hadiyyaa akkasumas aanan addaa Yam akkuma duraanitti itti haa fufan jechuun manni maree federeeshinii kora isaa har'aatin murteessera.
Haa ta'u garuu, jalqaba ji'a Hagayyaa kana jiraattonni Godiina Guraagee naannoo kilaastariin hundaa'uf jiru jala hin gallu kan jedhuu fi gaaffin qophaatti naannoo ta'uu keenya deebii haa argatu yaada jedhuun magaalota akka Walqixxee keessatti duula hojii dhaabutiin mormii isaanii agarsiisanii turan.