Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kooriyaan Kibbaa fi US Kooriyaa Kabaa akeekkachiisuuf misaa'eela dhukaasan
Ameerikaafi Kooriyaan Kibbaa guyyaa Dilbataa misaa'eloota baaleestikii hedduu Kooriyaan Kaabaa dhukaafteef deebii kennuuf waliin Wiixata har'aa ganama miisaa'eelii saddeet dhukaasan.
Kunis erga Kooriyaan Kaabaa yaalii misaa'eelii cimsiteen booda kan dhufedha.
Pirezidantiin Kooriyaa Kibbaa Yuun Suuk Ye'ool gochaa dubbii barbaachaa biyya ollaa isaatiif mootummaansaa deebii barbaachisaa ta'e akka kennu himan.
''Lubbuufi qabeenyaa ummata keenyaa tikksuu irratti godaannis tokkolleen akka hin jiraanne ni taasifna'' jedhan.
Pirezidaantichi haasaa yaadannoo waraanaa irratti Seoulitti taasisaniin, sagantaalee misaa'eeliifi nikularaa Kooriyaa Kaabaa, ''sadarkaa nageenyaa Kooriyaanota hedduu yaaddessu qofaa osoo hin taanee, akkasumas Eeshiyaa Kaaba bahaafi addunyaalleen yaaddeesseera'' jedhan.
Ameeriikaafi Kooriyaan Kibbaa yeroo hunda shaakkallii waraanaa waloo gaggeessu. Kunis Kooriyaa Kaabaa hin gammachiisu.
Wiixata bariis akkuma Kooriyaan Kaabaa qarqara galaanaa bahaa ishee irraa misaa'eloota hedduu dhukaafteen, michoonni lamaan ammoo Sirnawwan Misaa'eelii Tarsimoowaa Waraanaa (Army Tactical Missile Systems (ATACMS)) saddeeti fulleefi fulleetti dhukaasan. Isaan keessaayis tokko Ameerikaa irraa, kan hafan torba ammoo Kooriyaa Kibbaa irraa furgugfaman.
Xinxaltoonnis Kooriyaan Kibbaa deeggarsa meeshaa wraanaa Ameerikaatiin irree ishee Kooriyaa Kaabaatti agrsiisaa jirti jedhan.
Kunis erga torbanooda hedduutiin booda deebiin Ameerikaafi Kooriyaa Kibbaatiin yoo Kooriyaa Kaabaatiif kennamu kan lammataati. Torban darbe keessa wayiya Joo Baayidan naannicha dowwachaa tureetti Kooriyaan Kaabaa Misaa'eela dhukaasuun ishee ni yaadatama.
Tarkaanfiin akkasi kunis bulchiinsa Kooriyaa Kaabaa jalatti baayyee kan hin baramne ture.
Pirezidaanti Yuun kan baatii darbe keessa aangoo fudhatan, Kooriyaa Kaabaa waliin adeemsa cima hedduu akka fudhatu waadaa galeera.
Bulchiinsi Koministii adda baafamate Kooriyaan Kaabbaa, erga waggoota shaniitiin asi misaa'eelii baalistikii ardiiwwan qaxaamuru dabalatee, baatiiwwan muraasa darban keessa misaa'eeloota hedduu furgugsaa turte.
UN Kooriyaan kaabaa akka meeshaalee waraanaa nikulaaraafi baalistikii hin yaallleef dhokuun, erga yaaliiwwan hedduu raawwatteen booda qoqqophaa irra kaa'uun ni yaadatama.