Baatiriin cirracha annisaa ji’ootaaf kuusu Fiinlaanditti yeroo jalqabaaf dhaabame

Baatirii cirrachaa

Qorattoonni Fiinlaand baatirii cirracha kan annisaa aduu fi qilleensarraa maddisiifamu ji’ootaaf kuusuu danda’u yeroo jalqabaaf dhaabuu himan.

Tolchitoonni meeshaa kanaa akka jedhanitti, hanqina dhiyeessii aannisaa haaromfamu kan waggaa guutuu mudatu furuuf gargaara.

Cirracha gulantaa lammaffaa fayyadamuun meeshaan humna elektiriikii soolaarii fi qilleensarraa argameen chaarji godhama.

Cirrachi kuni ho’a hanga digrii selshasii 500 kuusuu danda’a, kunimmoo waqtii qorra hamaafi annisaan qaalii tahutti manneen ho’isuuf gargaara.

Fiinlaand boba’aa baay’inaan Raashiyaa irrratii galchiti ture. Waraanni amma Yuukireen keessatti adeemaa jiru dhimmi aannisaa haaromfamuu xiyyeeffannoo guddaa akka argatu godheera.

Fiinlaand Raashiyaa wajjin daangaa dheeraa qooddatti, Moskoon immoo Fiinlaand NATO’tti makamuuf erga murteessiteen booda dhiyeessii boba’aafi elektiriikiii irraa dhaabdeetti.

Sababa kanaan Fiinlaand yeoo waqtii qorraa akkam taati dhimmi jedhu namoota siyaasaafi lammiilee yaaddesseera.

Lixa Fiinlanditti garuu teeknolojiin yaaddoo kana hanguma tahe hir’isuu tolchameera.

Meeshaa kana keessa, cirrachi manni itti ijaaramu toonii 100 tahu kuusaa dheeraa keessa tuulameera.

Kunis aannisaan yeroo baay'ee barbaachisutti haala salphaafi maallaqa qusatuun kuusanii dhiyeessuun akka danda’amu kan agarsiisu dha.

Sababa jijjiirama qilleensaafi amma immoo gatiin boba’aa dabaluun investimentiin aannisaa haaromfamu irratti taasifamu dabalaa jira.

Meeshaalee soolaariifi tarbaayinooti qillensaa madda annisaa haaromfamuu tahuun kan hojjetan garuu danqaa guddaa tokko qabu.

Gaaffiin inni guddaan aannisaa ifa aduurraa argamu akkamiin yeroo aduun hin jirree kuusuu dandeenyaa kan jedhu dha.

Yeroo qilleensa’aa hin jiretti aannisaa qilleensarraa maddu eessaa fidna?

Deebiin gaaffii kanaa baatirii aannisaa kuusuu fi madaala dhiyeessii eegsisu qabaachuu dha.

Cirracha bullaa'aa

Madda suuraa, TONY JOLLIFFE

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ammatti baatiriin aannisaa haala kanaan kuusu baay'ee litiiyamiirraa kan hojjetame yoo tahu, baayyee qaalii fi kan iddoo guddaa qabatu akkasumas aannisaa hanga dangeeffamaa qofa kuusu dha.

Garuu magaalaa Kaankaanpaatti, gareen dargaggoota Fiinlaand baatirii aanniisaa kuusu yeroo jalqabaaf gurguraniiru.

"Yeroo dhiyeessiin aanniisaa haaromfamu-aduufi qilleensa jirutti dafnee kuusuu dandeenya," jedha hundeessitoota dhaabbata 'Polar Night Energy' fi dargaggoota lamaan meeshaa kana tolchan keessaa tokko kan tahe Markku Yi’ooneen.

Meeshaan kuni buufata aannisaa Vatajankoski jedhamu kan naannichaaf ho’a rabsuttii dhaabame.

Cirracha kana elektiriikii baasii guddaa hin qabnetu ho’isa, ho’a ibiddi elektiriikii akka hojjetu godhu jechuu dha.

Kuni immoo qilleensi ho’aan cirracha keessa akka tamsa’u godha, kunis wal-jijjiirraa tempireecherii qorraafi ho’aan uumama.

Cirrachi ho’a kuusuuf mijataa yoo tahu yeroo dheeraa keessatti ho’asaa hanga xiqqoo qofa dhaba.

Kanaaf yeroo gatiin annisaa baayyee dabalu, baatiriin kuni qilleensa ho’aa kuusee ture, sirna ho’aa naannichaatti gadhiifamuun bishaan ho’isa, gara manneen, waajiraa fa’ yaa’uun gabatee bishaan daakaa otoo hin hafiin ho’isa.