Isloot Liiverpuul shaampiyoonaa tahuu isaaf Yargen Kiloop galateeffate

''Osoo ji'a Hagayyaa darbe keessa deeggartoota Liiverpuuliin gareen keessan barana waancaa Piriimer Liigii mo'ataa jettanii gaafattan tahee, irra caalaan isaanii lakki jedhu ture'' jedhe karra eegaan duraanii Liiverpuul Sander Westerverdi.

Kiloop kilebicha gadhiisee namni isa bakka bu'u kilebicha waancaaf geessisa jedhanii yaaduun ulfaataa ture.

Yeroo Kiloop Liiverpuul gadhiisuuf akka jedhan ibsan naasuu guddaatu ture. Fuuldureen kilebichaa maal taha kan jedhu yaaddoo guddaa ture.

Akkuma bara Kiloop dorgomaa cimaa tahee itti fufamoo, waggoota tokko lamaaf garee haaraa ijaaruuf duubatti deebi'a kan jedhu ture yaaddoon deeggartootaas tahe xiinxaltoota kubba miilaa yeroo sanaa.

Kiloop nama Liiverpuuliin dirree keessaa fi alaan jijjiireedha,'' jedhe Saander.

Zhaavii Aloonsoo kana dura Liiverpuul keessa taphachuun kan beekamu Kiloop bakka bu'a jedhamee eegamaa ture.

Garuu Aloonsoon Baayern Liiverkusen waliin turuu isaa yoo ifoomsu Arne Isloot akka gara Liiverpuul dhufu karra saaqe.

''Yeroo sanatti dhuguma Arne Isloot Liiverpuul leenjisa jedhee yaadaa hin turre'' kan jedhe Sander ofii isaa garuu yeroo Ispaartaa Rooterdaamiif waliin taphachaa turan irraa eegaluun hiriyyaa walii turan.

''Ingilaandi keessaa dhugaa dubbachuuf namni baay'een isa hin beeku. Namoonni kubba miilaa haala gaariin beekanillee akka leenjisaan Liiverpuul Nezerlaandisii dhufaa jiru hin tilmaamne,'' jedhe.

Haa tahu malee, leenjisaan kun akkuma dhufeen taphoota 25 mo'achuun tapha lama qofa mo'amuun waancaa Piriimer Liigii 20ffaa Liiverpuul milkeessuun qaawwaa tokko male ce'umsa Kiloop gara Isloot milkeesse.

Amma shaampiyoonaa tahaniiru. Sanuu osoo taphoonni afur hafaniiti.

Erga 1989-90 as yeroo lammaffaaf Liiverpuul shaampiyoona atahuu isaati.

Isloot bara 2023 keessa leenjisaa Tootenhaam akka tahaniif gaafatamanii osoo hin fudhatiin hafan.

Leenjistoota baruma dhufan shaampiyoonaa tahuun Piriimer Liigii keessatti maqaa guddaa horatan keessaa tokko tahe.

Kana dura Joosee Moorinihoo bara 2004-05, Kaarloo Anchelootii bara 2009-10, Antooniyoo Koontee bara 2016-17, sadeen isaanii Cheelsii waliin baruma dhufan shaampiyoonaa tahan.

Maanu'eel Pelegiriinii bara 2013-14, akkuma dhufaniin bara jalqabaatti Maan Siitii shaampiyoonaa taasisan.

Neel Atkiinsan Hojii Gaggeessaa Deeggartoota Liiverpuul kan tahe, namni tokkoyyuu leenjisaa haaraan Liiverpuul dhufee hojii Kilopp akka hojjetu namni barbaade jira natti hin fakkaatu,'' jedhe.

"Deeggartoonni Liiverpuul hunduu Arnee Isloot akka of tahee leenjisu barbaadu ture'' jedhan.

Foormulaa Maajikii Isloot

Hojii guddaan Isloot garee cimaa Kiloop dhiisanii fii bahan fooyyesseefi jabeessuu ture.

Kiloop bara dorgommii tokkotti gidduugaleessaan qabxii 80.33 galmeessaa waan tureef Isloot kana irratti akka ijaaru ture.

Amma Isloot taphoonni afur osoo hafanii qabxii 82 argateera. Yoo taphoota afur keessaa sadii mo'an qabxii 90 cabsuun qabxii guddaa galmeessuu danda'u.

Isloot ittisa Liiverpuul cimsuun sarara gidduu ammoo garee faallaarra caalmaa akka qabaatu taasisan.

Yeroo tapha ulfaataa taphatanis tahe taphoota salphaa tahan haalatti qabxii sadii aratanii bahan irratti hojjetaniiru jedhe Atkiinsan.

''Kana gareen morkataa kamiyyuu gochuu hin dandeenye.''

Isloot Firediriikoo Kiizaa qofa garee isaaniiti dabalan. Isayyuu carraa hin kennineef.

Riyaan Giravenbergi, sarara gidduurra haala gaariin fooyyessuun sarara gidduurra, Maak Alisterii fi Sooboslaayi waliin qindoomina cimaa uuman.

Mohaammad Saalaa ammoo taphoota Piriimer Liigii 34 irratti galchii Piriimer Liigii 28 lakkoofsisuun kubba galchii tahu 19 mijeessee kenne.

Bara xumuraa Kilooppitti galchii 18 lakkoofsisuun kubba 10 mijeessee kenne.

Isloot jalatti dabalataan Koodii Gaakpoo galchii 17 lakkoofsise.

Yeroo jalqaba taphattoota waliin wal argan daataa isaanii bara isaan shaampiyoonaa tahanii qabachuun itti agarsiisaa irratti hojjetan jedhe Saander.

Bara darbe isa bara shaampiyoonaa tahaniin yoo madaalamu fiigichi, bu'aan galmeessan xiqqaadha.

Isloot taphattootaan ''koottaa, jabaadhaa hojjedhaa jechuurra daataa isaanii itti agarsiisuun maal akka fooyyessuu qabanii fi akkamiin akka hojjechuu qaban isaaniitti hima'' jedheSander.

Islootii fi gareen leenjistoota isaanii ''qaama dammaqsuu ykn 'Body Wake Up' kan jedhu hojiirra oolchan. Shaakalaa fi taphaan dura shaakala afuura guddaa baafachuu hojjechiisu.

Kiloop jalatti guyyaa taphni dirree isaaniitti jiru taphattoonni hoteela keessa turu.

Isloot jalatti garuu manuma isaanii bulanii dhufu. Shaakalli Isloot kan Kiloop caalaa yeroo dheeraa fudhata. Garuu miidhama taphattootaaf of eeggachuuf jecha saffisa isaa xiqqeessanii hojjetu.

Hakiimotaa fi ogeessota shaakala, fayyaa fi dadhabbii taphattootaa hordofan Isloot addatti qacaraniiru.

Hiriyyoota horachuufi garraamummaa....

Isloot atapha jalqabaa isaa osoo hin taphatiin ji'ootaaf deeggartoonni Liiverpuul Isloot eenyu akka tahe baruuf yeroo gahaa argataniiru.

Kiloop tapha dhumaa isaa irratti maqaa Isloot waamuun ''Anee Isloot na na na'' .......jechuun yeroo faarsan deeggartoonnis isaan waliin akka faarsan waamicha godhan.

Yeroo deeeggratoonni Liiverpuul akkas maqaakee waamuun jalqabuma si faarsan miira naasuu keessa hin gallee jedhee Sander yeroo Islootiin gaafatu, ''lakki! Beekta Feeyinoordi yeroon ture istaadiyeemiin keenya nama 50,000 qabata.

Yeroo hundaa nu faarsu, kun waan addaa miti, jechuun gaduma xiqqeessee dubbate jedhe.

Lakki kun Aanfiildidha akkasitti hin ilaaliin yoon jedhu waan hundaa salphiseema ilaale jechuun barreesse.

''Sana booda Liiverpuul kilebuma isaaf tahudha. Namuma tasgabbaa'aa ejjennoo mataa isaa qabudhaan'' jedhe.

Isloot erga Liiverpuuliin shaampiyoonaa godhanii amma dabareekoo Kilooppiin galateeffadha jechuun dirree keessa dhaabbachuun ''Yargen Kiloop na na na na...'' jechuun faarsan. Kiloop garee cimaa ijaaruun leenjisichattis amanuun gammachuudhaan hojicha itti kennanii bahan.

Xixiqqaatii hanga gurguddotaatti Liiverpuul keessatti michoota horachuufi gadi of deebisee ofitti amanamummaan hojii isaa hojjechuun akka milkaa'u isa taasiseera.