Israa'el Gaazaa keessatti hangam galmasheetti dhiyaattee jirti?

Israa'el erga Gaazaa keessa haleellaa qilleensaa walirraa hin cinne Hamaas irratti raawwachuu eegaltee baatii tokkoon ol, erga waraana lafoo bantee ammoo torban lama ta'eera. Kunis haleellaa Hamaas irratti banuun namoota 1,400 itti ajjeesee haaloo bahachuufidha.

Israa'el Hamaas gama waraanaafi siyaasaatiin barbadeessuuf galma waraanaashee godhatteetti. Garuu galma sana milkeessuuf hangam itti dhiyaattee jirti? Innumtuu kan milkaa'udhaa?

Kun Israa'eliif ganaadha. Israa'el irra deddeebiidhaan duulli kun baay'ee dheeraafi wal xaxaadha jettee jirti. Qondaalli Humna Waraana Israa'el (IDF) olaanaan BBC'tti dubbatan tokkoos, fakkeenya dorgommii buunyaa kaasuun: ''Kuni marsaa 15 keessaa afur qofaadha'' jedhan.

Israa'el keessaa eenyumtuu kan waraanichi hanganaaf tura jedhu danda'u hin jiru. Fakkeenyaaf, humnootiin Iraaqi warra Liixaatiin - deeggaraman magaalaa Mosuul harka Garee Bulchiinsa Islaamaa (IS) deebisanii fudhachuuf bara 2017 keessa baatii sagal itti fudhatee ture.

Waraanichi akka dhaabbatu ykn dhukaasa dhaabuun akka ta'uuf dhiibbaan idil-addunyaa dabalaa dhufuulleen, tarii yeroosaa to'achuun dadhabamulleen, Israa'el baatiiwwan dabalataa hedduuf lola itti fufuu barbaaddi ta'a.

Miidhaa waraanaa

Hanga ammaattis Israa'el haleellaa14,000 ol raawwachuun ajajoota Hamaas olaanoo dabalatee, qiyyaafannoowwan gatii olaanaa qaban hedduu ajjeeseera jetteetti.

Tokkoon tokkoo haleellaawwan kanneenis meeshaa waraanaa hedduu kan hirmaachisanidha. Ogeessi waraanaafi gulaalaan Gaazexaa Jerusaalem Poosti duraanii, Yaakoov Kaatz, Israa'el hanga ammaatti dhootuuwwan 23,000 caalu dhukaafteetti jedha.

Wal madaalchisuudhaaf, yeroo waraanni Moosuulitti sadarkaa olaanaarra gaheetti, deeggartoonni biyyoota Lixaa torbaniitti boombiiwwan 500'tti siqu qiyyeeffannaawwan IS irratti buusan.

Akka Ministeera Fayyaa Hamaasiin durfamuutti, erga waraanichi eegalee kaasee, daa'immani 4,400 caalan dabalatee Gaazaa keessatti namoonni 11,000 ol ta'an ajjeefamaniiru.

Waraanichis humnootiin lafoo isaa Gaazaa kaabaafi kibbaatti adda qooduun loltoonni ammoo magaalattii marsuu himeera.

''Gara handhuura magaalattii keessa fagaannee galaa jirra'' jedheeras.

Hamaas garuu loltoonni Israa'el milkaa'ina cimaa ykn magaalaa Gaazaa keessa fagaatanii akka hin seenne hima.

Duulli lafoo Israa'el marsaa tokkoffaa Hamaas adda baasuudhaan kaayyoo qabatee ka'e haaluma karoorfameen kan deemaa jiru hin fakkaatu.

Gatiin Hamaas baasees olaanaa ta'u danda'a. Jalqaba waraanicharratti garichi loltoota 30,000-40,000 akka qabu tilmaamte.

Maddi qondaala olaanaa Israa'el tokko BBCtti akka himeetti, loltoota 4,000 keessaa kan parsantii 10 ta'u ajjeefameera.

Lakkoofsi kana mirkaneessuun rakkisaa ta'uufi of eeggannoon ilaalamun barbaachisaa ta'ulleen, garuu ammoo hangi duulli boomii Israa'el raawwataa jirtu dandeettii waraanaa Hamaas dadhabsiiseera.

Faallaa sanaan, miidhaan waraanaa Israa'el irra gahee gadaanaadha. Israa'el erga duula lafoo eegaltee loltoonnishee 34 ajjeeffamuu kan ibste.

Yoosii Kuperwaasar oggeessi tikaafi nageenya Israa'el, waraanni Israa'el loltoonni isaa baay'een akka hin miidhamneef jecha duula lafoo ''of eeggannoo cimaadhaan'' socho'aa jira jedhan.

Hanga ammaatti Hamaas meeqaa kaaba keessatti akka hafan, loltoonnisaa meeqa ulaawwan lafa jalaa keessa dhokatanii akka jiran ykn meeqa isaanii ummata gara kibbaatti baqatan keessatti akka makaman ifa miti.

Ammalleen ulaan lafa jalaa Israa'eliitti rakkoo cimaa ta'a. Humnootiin Israa'elis loltoota lafa jalaa waliin waliitti dhukaasuurra bakka ulaawwan jiru jedhan dhoosuuf yaalaa jiru.

Rakkoowwan waraana magaalaa

Kan caalaa ifa ta'e ammoo Israa'el dandeettiin gama tikaa fi waraanaa qabduu caalmaa qabaachuusaati. Isheenis kominikeshiniiwwan adda kutuurra darbuun bilbila Gaazaa fi konnekshinii interneetii dhaamsuu ni dandeessi.

Jeettiiwwan Israa'eliifi dirooniiwwaniin sochii lafoo hunda to'achu kan dandeessisuu caalmaa qilleensaa guutuu qabu, garuu ammoo kan lafa jalaa miti.

Maddi qondaalli gameessi waraana Israa'el tokko BBC'tti akka himanitti, ammas waraanni kun hanguma itti fufuun, guyyaadhaan qiyyeeffannaawwan haaraa 100 ol adda baasaa jiru.

Waraanichi hanguma dheeratu, adda baasuufi mormii dhabamsiisuuf, baay'inaan loltoota lafoo irratti hirkachuun ni jira.

Qondaalli Waraana duraanii Biriitish fi amma dhaabbata Sibiilaayiin jedhamu, kubbaaniyaa balaa tikaa kan dursan Jastiin Kiruumpiin, bal'ina lafaatiin yoo ilaalamu Israa'el kan guddina fudhatamaa taasisaa jirtu fakkaatti. Haata'u malee, ''amma irra caalaa naannoolee magaalaa eegumsi cimaan taasifamuuf mudachuufiidha'' jedhan.

Loltoonni Israa'el kan baay'ee leenji'aniifi hidhannoo gaarii qabaniidha. Haata'u malee, waraanni magaalaa keessaa loltoota baay'ee hammayyaa'oo ta'aniif illee baay'ee rakkisaa ta'unsaa mirkanadha.

Hanga ammaatti waraanni lafoo kan daangeffame fakkaata. Waraana magaalaa Raashiyaafi Yukreen jidduutti Baakhimutiitti gaggeeffame yoo wal biratti ilaalame kun homaa miti.

Viidiyoowwan Humna Waraana Israa'eliin gadhiifaman baay'een akka mul'isanitti, waraanichi caalaa kan taankiiwwaniifi madfii irratti akka hundaa'edha.

Israa'el humnoota ishee guutummaan hin bobbaafne. Tokko tokkoos hanga ammaatti Israa'el Gaazaa keessa loltoota gara 30,000 ta'an qabaachu akka dandeessu tilmaamu.

Sunis baay'ina loltootaa Israa'el qabdu keessaa baayyee xiqqaadha. Israa'el loltoota si'oomaa 160,000 fi humna eeggataa 360,000 akka qabdu tilmaamama.

Jastiin Kiruump, gaaffii guddaan loltoota lafoo meeqatu gamoowwaniifi ulaawwan Hamaas qulqulleessuuf hayyamoodhaa kan jedhuudha? jedhu.

Israa'el kanarra dahannoowwan Hamaas irratti qiyyeeffachuu filatti. Innis akka amanuutti, Israa'el waraana bilookii- bilookii irra deemanii loluu hin barbaaddu. Sababiinsaas kun miidhaa olaanaa qabaata. Kana malees, lubbuu butamtoota 200 ol balaarra buusa.

Karoora waraanaan boodaa

Karoorri weeraraan booda jedhus, kaayyoon Israa'el Hamaas dhabamsiisuu jedhu dhugaatti milkaa'u danda'a gaaffii jedhu kaasa. Aanga'oonni olaanoon Israa'el osoo hin hafne, boombiifi rasaasaan ilaalcha barbadeessuun akka hin danda'amne ni hubatu.

Dureewwan garichaa muraasni Gaazaa keessayyuu miti. Obbo Kaatz, miseensonni Hamaas waraanaa kanarraa ooluu yoo danda'an, ammalleen ''sababii ammalleen asi jirruuf, injifanneerra'' jechuu danda'u ta'a jedhan.

Sababii kanaatiifuu, Obbo Kiruumpi kaayyoon waraana Israa'el Hamaas barbadeessuurra gara adabuutti jijjiramuutti ce'u amanu. Kunis haleellaan akka Onkololeessa 7 akka irra deebi'ee hin mudannee mirkanneessuufiidha.

Israa'el keessatti Ameerikaadhaan itti aanee maal akka ta'u irratti dhiibbaa irra gahu dabalaa jira.

Maddi Waraana Israa'el tokkos, Winistan Charchiil Waraana Addunyaa Lammaffaatti gaafa Guyyaa-Dtti yoo deeggartootisaa weerara eegalaniif deeggaru, Jarmanii deebisee ijaaruuf waa'ee karoora Maarshaal yaadaa hin turre jedhan.

Haata'u malee, waraanni karoora weeraraan boodaa malee baay'ee hin injifatamu. Kunis kan duula waraana Israa'el keessa hanga ammaatti guutummaan dhimma hin mul'anneedha.