Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namichi kaleen booyyee galfameef ‘sirriitti fayyaa jira’
Namni umuriin isaa waggaa 62 ta'e kaleen booyyee wallaansa baqaqqsanii yaaluutiin galfameef tokko haala gaariin fayyaa jira jedhame.
Namichi kalee haaraa argate kun fayyaa waan jiruufis yeroo dhoyootti hospitaalaa gara manaatti deebiya jedhameera.
Kaleen booyyee namicha kanaaf galfame kun akka qaamni namichaa fudhachuu hin didneef ykn akka of keessaa hin baasneef jecha dursa mala qaccee sanyiitiin foyyeeffameera [genetically modified].
Ogeessonni wallaansa baqaqsanii yaaluu US namicha maqaan isaa Riik Silaymaan wallaansa yeroo jalqabaatiif taasifame kan yaaluu isaatiif "goota dhugaati" jedhan.
Wanti guddaan abdatamaa jiru qaamota beeyladootaa jijjiiranii galfachuun fayyadamuudha.
Jalqaba akka yaaliitti kaleen booyyee nama sammuun isaa du'e keessa galchuun ture kan ilaalame.
Wallaansi baqaqsanii yaaluu saatii afur fudhate Bitootessa 16 gaggeeffame kun, "dhukkubsattootaaf qaamota jijjiiranii galchuufiin danda'amu qophaa'e dabalataa qabaachuuf yaalii taasifamu keessatti milkaa'ina guddaa argameedha," jedhe Hospitaalli Maasaachuseet ibsa baaseen.
Obbo Silaymaan kaleen isaa waan hin hojjenneef osoo kaleen booyyee ammaa kun hin galfamiiniif dura bara 2018 keessa kan namaa jijjiiramee galfmeefiif ture.
Waggaa shan booda garuu kaleen namaa jijjiiramee galfameef waan hojjechuu dhaabeef gara wallaansa diyaaleesisii duraan waggaa torbaaf wallaanamaa turetti deebiyuuf dirqame.
Doktarri isaa wallaansi diyaaleesisii kun isaaf waan gaarii ta'u hin fakkaatu jedhe. Sababiin isaa ammoo hiddi dhiiga isaa yeroo dheeraatiif kanarra waan tureeef rakkisaadha jedhame.
Diyaaleesisiin kun waan itti deddeebiyeeruuf rakkoo fayyaa wal xaxaa hidda dhiigaafi onnee waliin walqabatu waan qaqqabsiisuuf torban lama lamaan hospitaalatti deddeebiyee halli fayyaa isaa hordofamuun dirqama ture. Kun mataan isaa haala fayyaa isaa yaaddoorra buusuu hime doktarri.
Obbo Silaymaan bu'aafi miidhaa isaa erga madaalee ilaaleen booda kaleen booyyee akka galfamuuf murteesse. "Ani kun karaan ittiin of gargaarsisu akka ta'e qofaattin ilaala miti, namoota kuma hedduutti lakkaa'aman jiraachuudhaaf [kaleen] jijjiiramee akka galuuf barbaadaniif abdii kenna," jedhe.
Namoota kaleen akka jijjiiramuuf barbaadaniif namoota kalee arjooman argachuun baayyee rakkisaadha.
Beeyladoota kalee arjooman argachuun ammoo kanaaf faladha. Onnee booyyee namaaf jijjiiranii galchuunis dhiyeenya kana yaalamee ture.
Kaleen booyyee addaa amma namichaaf galfame kun Genesis of Cambridge kan Maasaachuseetitti argamurraa ture kan dhiyaate.
Obbo Silaymaan ammallee qoricha akka qaamni isaa kalee kana of keessaa hin baasne godhu fudhachaa kan jiru yoo ta'u, kaleen booyyee haaraa galfameef kun yeroo hangamiif akka tajaajilu ifa miti. Kun waan ammatti hanga kana jedhamee lafa kaa'ame miti.
Garee kalee kana jijjiiranii galchan keessaa tokko kan ta'e Dr. Taatisuu Kawaa'iin akka jedhe: "Abdiin keenya kalee jijjiiranii galchuu kun dhukkubsattoota miliyoonaan lakkaa'aman guutummaa addunyaarra jiran kaleen isaanii hojjechuu didee rakkachaa jiraniif abdii jireenyaa kan kennudha."