Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Keep Verdee: Biyya Waancaa Afrikaa irratti osoo hin eegamiin mul'ataa jirtu
Biyya leecelloo uumamaa qabdu miti. Hongeef saaxilamtuufi lafa qonnaaf hin mijannee qabdi. Garuu Kaappoo Verdee ykn Keep Verdeen tasgabbii siyaasaa fi diinagdeen biyya kabaja argattedha.
Biyyi kun gita bittaa Poorchugaal jala kan turte yoo tahu, odoloota kudha shan qabdi. Kunneen keessaa sadii garreeniin kan uffifamaniidha. Odooloti kunneen lixa Afrikaa irraa km500 fagaatu.
Yeroo tokko wiirtuu murteessaa daldala garbaa turte. Jaarraa 20ffaa keessatti hongeen hamaa mudatee namoonni 200,000 tahan yoo du'an, baayyeen immoo achii godaananiiru.
Yeroo ammaa namoonni hiddi isaanii achi tahe bayyeen biyyattii keessa hin jiraatan. Qarshiin alaa gara biyyaatti erganitu sharafa alaa barbaadamu argamsiisaaf.
Riippaabliika Kaaboo Verdee
- Magaalaa guddoo: Piraayaa
- Bal'ina: Iskuweer kiloomeetira 4,033
- Uummata: 561,900
- Afaan: Afaan Porchugaal, Afaan Kiriiyool Keep Verdee
- Umuriin jireenyaa namootaa: 69 years (dhiira) 77 years (dubartii) kan qabduudha.
Hogganaan ishee:
Pireezidantii: Joosee Maariyaa Neevees
Kaadhimamaan siyaasa bitaa-gidduu Joosee Maariyaa Neevees filannoo bara 2021 mo'achuun pireezidantummaa paartii MPD waggaa 10'f ture goolabe.
Pireezidanti Neevees bara 2000-2016tti ministira mummee tahuun tajaajileera, hojiinsaa diinagdee damee tuurizimiin socho'u kan sababa koovidiin gadi bu'aa dhufe tasgabbeessuu ture.
Erga biyyattiin bara 1975 walabummaa erga labsiteen as paartiisaa PAICV fi paartiin kaan MPD wal jijjiiraa biyya bulchan. Bara 1991'tti ture biyyattiitti demookiraasiin paartii danuu kan hojiirra oole.
Miidiyaa
Biyyattiin seera gaazexeessitoota eegu qabaachuun naannicha keessaa addatti mul'atti jedha Reporters Without Borders (RSF).
Akkasumas biyyattii keessatti bilisummaan yaada ofii ibsachuun heeraan kan eegamedha.
Miidiyaaleen baayyee kan mootummaa tahanillee, pireesiiwwan dhuunfaas akka garaa socho'u.
Buufataalee TV shaniifi kan buufataaleen raadiyoo ammoo 10 kan tahanitu jiru.
Tartiiba ta'iiwwan ijoo
Seenaa Keep Verdee keessatti baroota ijoo:
1462 - Qubattoonni Poorchugaal lafa Saantiyaagoo jedhamu qabatan - warri Awurooppaa odola kanarra otoo hin qubatiin dura namni irra hin turre.
Keep Verdeen wiirtuu oomisha miyaa tahaa dhufte, qawwee, dhugaatii raam, uffata akkasumas daldala garbaa Atilaantiik irratti biyya kuni shoora guddaa qabdi.
1495 - Kolonii gonfoo Poorchugaal taate.
1956 - Amilkaar Kaabraal dhalataa Keep Verdee yoo tahu Paartii Afrikaa Bilisummaa Giinii fi Keep Verdeef African Party for Independence of Guinea and Cape Verde (PAIGC) Giinii Bissaawuu keessatti hundeessan.
1960 - Lammiileen Keep Verdee baayyeen waraana Giinii Bissaawuu keessatti Poorchugaal irratti banametti makaman. Qabsoon kunis paartii PAIGC durfama ture.
1975 - Keep Vardeen biyya walabaa tahuun heera Giinii-Bissaawuu waliin ishee tokkummeessu danda'u baafatte.
1980 - Karoora Giinii-Bissaawuu waliin tokko tahuuf qabdu dhiisuun boodarra fonqolchi mootummaa tahe.
1981 - Paartiin African Party for the Independence of Cape Verde (PAICV) paartii PAIGC bakka buufamuun paartii biyyatti isa qofaa tahe.
1992 - Heerri haaraa sirni demookiraasiin paarti-daneessaa akka hundaa'u eeyyame.
2007 - Dhaabbanni Daldalaa Addunyaa Keep Verdeen dhaabbaticha akka galtu eeyyame.
2013 - Mootummaan warri Poorchugaal biyyattii Kaaboo Verdee jedhu jedha. Maqaa kana fayyadamuunis eeyyamamaadha.