Waliigalteen mallattaa'e Somaaliyaa irratti 'waraana labsuudha'-UNtti Ambaasadara Somaaliyaa

UNtti Ambaasadara Somaaliyaa Abukar Osman

Madda suuraa, SONNA

Mootummoota Gamtoomanitti ambaasaaddari Somaaliyaa waliigalteen Itoophiyaan Somaalilaand waliin taasifte, ''labsii waraanaati,'' jechuun himatan.

Yaa'ii Mana Maree Nageenyaa UN irratti Abukaar Osmaan isa mootummaan Somaaliyaa waliigalteen Itoophiyaafi Somaalilaand''walabummaa biyyaa sarba'' jedhe irra deebiin kaasaniiru.

Ambaasadarichi Itoophiyaan lafa Somaaliyaa ofitti dabaluuf waliigalticha mallattesite jechuun komatan. Itoophiyaan garuu lafa Somaaliyaa fudhachuufis tahe Somaaliyaa waliin waraanatti galuuf homaa fedha akka hin qabne ibsiteetti.

Itoophiyaafi Somaaliland Amajjii 1, 2024 irratti waliigaltee wal-hubannoo waliif mallatteessuussuun mootummaa Somaaliyaa dheekkamsiisuun dabalataan Gaanfa Afrikaatti dhimma falmisiisaa taheera.

Akka waliigaltichaatti Itoophiyaan waliigaltee liizii waggaa 50 turuun qarqara galaanaa naannoo buufata doonii Barbaraa km 20 dheeratu hojii daldalaa fi buufata waraanaa irratti ijaaruuf oolu argatti.

Bakka isaa ammoo Itoophiyaan Somaaliilaandiif adeemsa keessa beekamtii biyyummaa kennitiif kan jedhu waliigalamuu karaa Somaaliilaand himameera.

Ministirri Muummee Abiy Ahmad torban lama dura haasaa mana-maree bakka bu'oota ummataa irratti taasisaniin, mootummaan isaanii Somaaliyaa waliin gara waraanaatti seenuuf fedhii akka hin qabne ibsanii ture.

Obbo Osmaan yaada Itoophiyaa dhimmoota kanarratti kennite kuffisuun mana marichatti gochaan kuni, ''finxaaleyyiin al-shabaab akka deebi'anii ka'an, akkasumas gareeleen Gaanfa Afrikaatti foxxoquu fedhan akka deebi'an jajjabeessa,'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kanamalees, ''naannicha dadhabsiisuu, daldala idil-addunyaa jeequu fi hawaasa addunyaarrattillee otoo hin hafiin dhiibbaansaa dhagahamuu mala,'' jedhan.

Gamtaan Afrikaa kaayyoo ifaa Itoophiyaan weeraruufi daangaa Somaaliyaa hin kabajne kana ''dammaqinaan'' furuuf hojjechuu dhabuun komatan.

Miseensi mana marichaa biraan muddama biyyoota lameen gidduu jiru irratti yaaddoo ibsuun haalicha mariin akka furan gaafataniiru.

''Falmiin akkasii injifannoo Somaaliyaan yeroo dhihoon asitti Al-shabaab irratti argachaa jirtu duubatti deebisuu hin qabu,'' jedhan.

Gamtaan Afrikaa daangaa miseensota isaa kabachiisuufi walitti bu'insa tasgabbii naannichaa jeequ hanbisuuf hojjeta jedha ibsi kun.

Yaaddoo kana gara xiyyeeffannoo Mana Maree Nageenyaa Gamtaa Afrikaatti fidnus Itoophiyaan wal gahii manni marichaa waame osoo hin hirmaatiin hafte jedhan.

Haa tahu malee MM Itoophiyaa Dr Abiy Ahimed muddama gidduu isaaniitti mudate karaa marii nagaa furuuf yaalanii Somaaliyaan fedha akka hin agarsiifne dubbataniiru.

Dr Abiy wal gahii IGAD Yugaandaatti gaggeefame irratti hirmaachuu baatanis, wal gahii ' Non-Aligned Movement' yerooma sana Yugaandaatti gaggeeffame irratti hirmaataniiru.

MM Abiy pirezidaantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo akka Sheek Hasan Mohaammad waliin mari'atan akka haala mijeessan gaafadhe pirezidaantiin Somaaliyaa fedha waan dhabaniif akka hin milkoofne dubbataniiru.

Jibuutiittis yaalii wal fakkaataa gochuun akka hin milkoofne dubbataniiru.

Dabalataan Yaa'ii Gmataa Afrikaa Sanbata gaggeeffame irratti mootummaan Itoophiyaa Pirezidaantiin Somaaliyaa hoteela isaanii keessaa akka hin baaneef danqaniiru jechuun komate.

Itoophiyaan yaa'ii Gamtaa Afrikaa milkaa'aa tahe keessumeesuu ishee ibsiteetti.

Kun waggoota dheeraaf Finfinnetti gaggeeffamaa kan ture yoo tahu, UNtti ambaasadarri Somaaliyaa kun garuu gochaan Itoophiyaa amma raawwatte maqaa gamtichaa kan balleessudha jechuun komatte.

Mootummaan Itoophiyaa garuu nageenya keessummootakoof itti gaafatamuummaa waan qabuuf humna nageenyaa ramadeera jette.

Garuu jilli pirezidaantii Somaaliyaa humna nageenyaa isaaniif ramadame fudhachuu diduun inumaayyuu wal gahii Gmataa Afrikaaf yoo deeman meeshaa waraanaa qabachuun mooraa gamtichaa seenuuf yaalaniiru jedhan.

Dabalataan pirezidaanti Sheek Hasan Mohaammad, yeroo Finfinnee gahan akkuma gaggeessitoota kaanii simannaa ho'aan taasifameeraaf.

Itoophiyaa fi Somaaliyaan hariiroo waggoota dheeraa kanq aban yoo tahu, loltootni Itoophiyaa mootummaa Somaaliyaa cina dhaabbachuun hidhattoota Al-Shabaab waraanaa jiru.