Tiraamp himannaa 'bu'uura hinqabne' irratti dhiyaate balaaleeffatan

Pirezidantiin duraanii Ameerikaa Doonaaldi Tiraamp himannaa irratti dhiyaate ''bu'uura kan hin qabneefi qoosaadha'' jechuun erga himannichi irratti dhiyaatee yeroo jalqabaatiif ummata fulduratti dubbatan.

Himannaan dhimmoota 37 hammateefi sanadawwan icciitii jajjaboo qaban mana isaanii bakka Mar-a-Lago keessa ol kaa'aniiru jedhamuun guyyaa Jimaataa himanni irratti banamee ture.

Haasaa duula nafiladhaa guyyaa Sambataa taasisaniin, Tiraamp himannichi kan ''filannoo danquudhaaf malaammaltoota'' kan ta'an FBI fi qajeelcha haqaatiin dhiyaateedha jedhan.

Kana malees badii omaatuu akka hin hojjanne himan.

Tiraamp garuu sanadoota waa'ee icciitiiwwan nikularaa fi karoorawwan waraanaa biyyattii dabalatee, icciitii ciccimmoo qaban dhibbaan lakkaa'aman sirnaan hin qabne jedhamuun himataman.

Himannichaan sanadoota kanneenis mana isaanii Filoriidaa Mar-a-Lago argamu keessatti mana dhiqannaa keessa fa'i kaa'an jedhaman.

Akkasumas qorattoota sobuun alattis haala qabiinsa sanadoota kanneenii akka hin qoratamneef danqaa turaniis jedhameera.

Himannaan amma Tiraamp irratti dhiyaate kunis himannaa yakkaa federaalaa jalqabaa pirezidantii duraanii Ameerikaa irratti dhiyaatedha.

Tiraamp haasaa jalqabaa paartii Riippablikaanotaa irratti Joorjiyaatti taasisaniin, ''sobaa jiru. Isaan malaammaltootadha. Yakkamtoonni kunneen hin badhaafaman, injifatamu qabu,'' jedhan.

Filannoo dhufaa bara 2024'f pirezidantummaaf dorgomaa kan jiran Tiraamp, himannichaan ''soba ifaa namoota siyaasaa malaammaltoota ta'aniin uumameedha,'' jechuun qeeqaniiru.

Tiraampi Joorjiyaafi Norzi Kaarolaayinaa keessattuu haasaa sa'aatii tokkoo ol dheeratu taasisan.

Akkasumas ummatichaafi ''gootota'' duula filannoo isaanii deeggaran kan galateeffatan yoo ta'u, kan biyyattii bulchaa jiran ''hamoota'' kanneen jedhan ammoo qeeqaniiru.

"Gonkumaa hin dhaabsiifamnu'' kan jedhan pirezidantiin duraanii Ameerikaa kunis, gareewwan isaanitti hamaa yaadaa jiran osoo hin injifanne akka hin dhaabne himan.

Waa'ee himannaa tibbana irratti dhiyaate wayita kaasanittis, dhimmi sanadoota icciitii qabatanii Galmeewwan Pirezidantii jalatti malee Seera Gocha Basaasaa jalatti akka ilaalamuu hin qabne dubbatan.