Riqicha Poorchugaal: Itoophiyaatti riqicha umrii waggaa 500 caalu lakkoofsise

Moggaasni isaa lammummaa ogeessota hojii ijaarsa riqicha kana hojjetaniin akka mogga’e kan himamuuf Riqichi Poorchugaal, Godina Shawaa kaabaa aanaa Giraar Jaarsoo Ganda Warxuu jedhamu keessatti argama.
Riqichi Poorchugaal kuni godinichatti bakka hawwata Turistii ijoo namoonni biyya keessaa fi alaa daawwatanidha.
Itti gaafatamtuun waajjira aadaa fi Turizimii Godina Shawaa Kaabaa aadde Meeroon Mokonnin BBC’tti akka himanitti riqichi seena qabeessi kuni jaarraa 16ffaa keessa waggaa 500 dura hojjetame.
Riqichi kuni akka seena qabeessaa fi qalbii turistootaa harkisu kan godhe ammoo umriidhaan jaaruu isaa qofa osoo hin taane qabiyyee inni ittiin hojjetamedha.
“Poorchugaalonni bara sana riqicha kana kan hojjetan Hanqaaquu, daakuu, nooraa fi dhakaa gurraachaa fi cirrachaan hojjetamuu isaati” jedhan.
Riqichi Laga Guur irratti hojjetame kuni Finfinnee irrraa gara kaabaatti 107km fagaatee kan argamu yoo ta’u, daandii guddicha gara Goojjam deemu dhiheenyatti argama.
Ragaan waajjira Kominikeeshinii aanaa Giraar Jaarsoo irraa arganne akka mul’isutti Riqichi Poorchugaal kan hanqaaqudhaan hojjetame kuni bal’ina meetira 3.2, dheerina meetira 35 fi olka’iinsi isaa ammoo Meetira 10.5 dha.
Riqichi Jaarraa shan lakkoofsise kuni turtii dheerina keessa utubaawwan isaa bishaanin nyaatamuun manca’uu erga gaheen booda bara 2015 Abbaan taayitaa eegumsa hambaalee Itoophiyaa hojii suphaa godhe.
Suphaan Riqicha kanaa baasii birrii miiliyoona shan caalu akka fixee fi waggaa tokko booda tibbana xumuramuun eebbifamuu himan aadde Meeroon.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Riqicha kana hanga ammaattuu hawaasni naannoo laga Guur kana qaxxaamuruuf ittuma tajaajilamaa jira. kuni ammoo hambaa kana wantoota miidhan keessaa ta’uus dubbatu.
“Riqichi kuni hambaa seenaa hawwata turistii ta’edha. Hawaasni naannoo ammayyuu filannoo biraa waan hin qabneef riqicha Kanaan laga kana ceha. Kana hambisuuf riqicha hawaasni itti tajaajilamu kan biraa hojjechuuf karoorfamee jira” jedhan.
Riqichi umriin jaare kuni bakka seena qabeessa Gadaamii Dabra libaanos cinaatti waan argamuufis carraan turistootan daawwatamuusaa guddaadha.
“Bakka Riqicha kanaatti amma xiqqaatus loojiwwan banamanii jiru. Dargaggoonnis bakka sanarratti gurmaa’anii hojii daawwachiisuu hojjetanii galii argatu. Ta’ulleen carraa bakkichi qabu waliin ammayyuu xiqqaa waan ta’eef kana caalaa misoomsuuf hojjechaa jirra” jedhan aadde Meeroon.
Teessuma lafaa daran hawwataa ta’e kan qabu godinni shawaa kaabaa, iddoowwan hawwata turistii hedduu qabaatulleen hojiin misoomsuu gahaan waan irratti hin hojjetamneef galiin damee kanarraa argamu gadi aanaa ta’uutu komatama.
Gadaamiin dabra Libaanos, Riqichi poorchugaal, Holqi Boolee, Jaldeessi daabee fi teessumni lafaa hawwataan qabeenyawwan Turizimii godinichi qabu keessaa kan eeramani.












