Baabbileetti waaqeffattoonni 79 hidhamuurratti qaamni mootummaa maal jedhe?

Madda suuraa, FB
Hordoftoonni Amantii Waaqeffannaa 79 Jimaata darbe ALI Waxabajjii 14, 2016 Magaalaa Baabbilee keessatti hidhamuu Dhaabbanni Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa komate.
Gaggeessaa Kutaa Odeeffannoofii Qunnamtii Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa kan ta’an Lammii Bayii Guutamaa BBC’tti akka himanitti hordoftoonni amantichaa kunneen halkan to’ataman.
“Qaamoleen nageenyaa aanaa Baabbilee fii magaalaa Baabbilee halkan naannoo sa’aatii 4:00’tti itti seenan. Namoota kaan gara kaampii waraanaatti geessanii namoota kaan ammoo garuma buufata araddaatti geessan” jedhan.
Hordoftoonni amantichaa kunneen sochiifi hojiilee amantichaa ilaalchisuun walgahii kurmaanaa (ji’a sadii) adeemsisaa osoo jiranuu to’atamuus dubbatan.
“Mana Maree Kurmaanaa irraa qaban. Waaqeffattoonni gaafa sana jiran namoota 79 yemmuu ta’an, warra galma sanii kan ta’an namoota 54 gara kaampiitti geessanii, gaggeessitoota, barsiisotafi hoggantoota nama 25 ta’an araddaatti hidhan” jedhan.
Namoota 79 kunneen dabalataan namoonni biroon sadi kan namoota hidhaman gaafachuuf deemanillee hidhamusaanii dubbatan.
“Maaliif akka hidhan qaamolee bulchiinsa aanaa gaafannee jirra, Waajjira Poolisiis gaafannee jirra, qaamoleen sadarkaa sadarkaan jiranis gaafatamaa jiru. Dhiibbaa amantiitu jira, jibbiinsa amantii kanaatu jira, roorrootu jira. Maalif akka kana godhanis nuuf hingalle” jechuunis komataniiru.
Dhimma kanarratti BBC’f deebii kan laatan Kantiibaan Magaalaa Baabbilee Obbo Ahimad-najjaash Abduraahmaan, “Nuti namoota seeraan ala iddoo tokkotti walitti qabamani kan to’anne. Beekamtiis nubiraa hinqaban, heeyyama keenyaan alatti waltajjii gaggeessaa turan. Sani malee namni amantaa nuti to’anne hinjiru” jechuun himan.
Kana malees “Dhimma amantaan walitti qabamanii to’ataman kanjedhu holola” jechuun namoota yakkaan shakkan to’achuu dubbatan.
“Shakkiin biraallee jira, wanti argames jira” kan jedhan kantiibichi, wanta “argame” jedhan dubbachuurraa garuu of qusataniiru.
Gama biraatiin kanneen to’ataman keessaa hoggantoonni amantichaa Giddugala Bahaa akka jiran kan himan Obbo Lammiin, “wanti addatti Waaqeffattoonni kana godhan jedhamu hinjiru, shira garagaraa xaxuudhaan siyaasa fakkeessudhaaf, daba adda addaa godhanii amanitii kana gara mootummaatiinis walitti buusuudhaaf namoota yaadantu ture” jedhan.
Dabaluunis, “Nuti namni maalif shakkama hinjennu. Garuu namoota amantii isaaniirra jiran, namoota galma isaaniitii sagantaa isaaniirraa qaban kana gara kaampiitti geessuun baay’ee nuyaaddesse” jedhan.
“Galmi erga banamee tureera…”
Hordoftoonni amantii Waaqeffannaa galma Magaalaa Baabbilee keessatti argamu keessatti waaqeffachuu erga eegalanii waggoota sadii ol lakkoofsisuu Gaggeessaan Kutaa Odeeffannoofii Qunnamtii Dhaabbata Hordoftoota Amantii Waaqeffannaa Obbo Lammii Bayii Guutamaa himu.
Manni akka galmaatti itti fayyadamaa jiranis kan hordoftoonni amantichaa namoota dhuunfaarraa kireeffatan ta’uu himan.
Haa ta’u malee Kantiibaan Magaalaa Baabbilee yaada kanaan walii hingalan. Hordoftoonni amantichaa magaalaa Baabbilee keessa sochii taasisaa turuu isaanii quba akka hinqabnes dubbatan.
Manni namoonni jedhaman keessatti to’atamanis mana nama dhuunfaatiif kireeffame malee dhaabbata amantaaf kireeffame akka hintaane himan.
“Mana amantaan kan kireeffame miti, nama dhuunfaatiif kireeffame. Manicha nama lamatu adda addaan kireeffatee jira. Kutaa lama nama lamatu kireeffatee jira” jedhan Obbo Ahimad-najjaash.
“Dhiibbaan ni jira…”
Sochii godina Harargee Bahaa keessatti taasisaniin hordoftoonni Amantii Waaqeffannaa dhiibbaan irratti qaqqabaa jiraachuu kan komatan Obbo Lammiin, “Dhiibbaan ni jira. Gaggeessitoota amantaa Islaamaati jedhan tokko tokko jibbiinsa hamaa oofu. Yeroo hoggansi mootummaatis harka itti naqatee ‘chillaa’ jedhutu ture” jedhan.
Dabalataan “Akka Harargee Bahaatti kanaan duras lafa hinqabnu, akka mootummaattis gaafachaa turre. Garuu bulchiinsa aanaa yookiin magaalaa lafa nuuf kenne hinqabnu. Baay’ee dhiibamaa turre” jechuunis himan.
Kanaan duras gochaaleen galma amantichaa dhagaadhaan reebuu, qorqoorroo kukkutuu akkasumas barjaa cicciruu irratti raawwatamaa turuu kan himan Obbo Lammiin, miseensonni amanitchaa hidhamaa turuus dubbatan.
Haa ta’u malee kantiibaan Magaalaa Baabbilee gama isaaniitiin magaalaa isaanii keessatti dhiibbaan qaama mootummaan hordoftoota amantaa kamirrattuu taasifame akka hinjirre dubbatan.












