Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ajjeechaa Tolee irratti 'qorannoon walabaa' akka godhamu Amnastiin gaafate
Ajeechaa Naannoo Oromiyaa Godiina Wallaga Lixaa Aanaa Gimbii, Ganda Toleetti gaafa Waxabajjii 18, 2022 dhalattoota saba Amaaraa 400 ta’an irratti raawwatame ilaalchisuun mootummaan Itoophiyaa qorannoo walabaa akka gaggeessuuf Aministii Intarnaashinaal gaafate.
Dhaabbanni mirga namaaf falmu kun ibsa Adoolessa 21, 2022 baasen, ajeechaa Toleetti raawwateen namoonni nagaan heddduu ajjeefamuu, madaa’uufi qabeenyi barbaada’uu ibseera.
Amnastii Intarnaashinaal namoota haleellaa irraa hafaniifi kanneen ijaan argan dubbiseera jedhee gabaasa baase kanaan, haleellicha kan raawwate Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)- kan mootummaan “Shanee” ittiin jedhuudha jedhe.
Dhaabbatichi qorannoo kana kan gaggeesse namoota 10 wajjin af-gaaffii taasiseen yoo ta’u, isaan keessaa namoonni shan ijaan kan argan yoo ta’an kanneen hafan warra haleellaa irraa hafan, firoota warra haleellaan irratti raawwateefi angawoota mootummaati.
Amnastii Intarnaashinaaliitti Daayirektara Bahaa Kibba Afrikaa kan ta’e Dipiros Muchenan, “ajjeechan Toleetti Waraana Bilisummaa Oromotiin gaggeeffame jedhame dhala namaatiif kabaja dhabuu agarsiisa.
Ajjeechaan gara jabinaa lubbuu ijoolleefi dubartootaa galaafate kun qorannoo walabaatiin qulqullaa’ee itti gaafatamummaan jiraachuu qaba,” jechuun dubbate.
“Angawoonni Itoophiyaa namoota ajjeechaa kana raawwatan seeratti dhiyeessuuf dhagaa hunda garagalchuu qabu,” jechuun itti dabalee dubbate.
Ibsi dhaabbatichaa akka agarsiisutti, namoonni gaafataman kunneen bifuma wal fakkaatuun ajjeechan, hanniifi qabeenya gubuun kan raawwate Waraana Bilisummaa Oromootiini jechuudhaan kan ragaa kennan.
Waraanni Bilisummaa Oromoo gama isaatin himannaa irratti dhiyaatu kana haaluun qaamolee nageenyaa mootummaatu raawwate jechuun ibsee ture. Qorannoon walabaa qaama sadaffaan akka gaggeeffamus gaafateera WBOn.
Bifuma wal fakkaatun paartilee mormitootaa kanneen akka ABO fi KFO dabalatee Ameerikaa fi UN ajjeechawwan Wallaggaa fi bakkeewwan garaa garaatti raawatamaniif qorannoon walabaa akka gaggeeffamuuf waamicha dhiyeessaniiru.
"Anga'oonni naannichaa haleellicha ittisuu hin dandeenye"
Anga'aan naannichaa tokko Amnastii Intarnaashinaalitti akka himetti, haleellichi akkuma mudateen aanaafi godinaaaf gabaasni godhamus karaan cufamuu irraa kan ka’e deebii hatattamaa laachun hin danda’amne.
Jiraattonni gama isaanitiin hidhattoonni walitti fufiinsan sa’aatii shaniif haleellaa kan raawwatanillee hanga kuni ta’u hunda mootummaarraa deebii argachuu hin dandeenye jechuun himan.
Humnoonni mootummaa kan bakka ajjeechan itti raawwatame gahan erga hidhattoonni naannicha gadhiisanii deemaniin booda jedha ibsi dhaabbatichaa.
Namoonni gaafataman akka jedhanitti gaafa Waxabajjii 19, 2022 ganama sa’aatii 3 irraa eegalanii hidhattoonni haleellaa jalqaban.
Namoota kudhan dhaabbatichi gaafate keessaa saglan isaanii akka jedhanitti, dhukaasni osoo hin eegaliin dura hidhattoonni naannoo sana turan.
"Tasa dhufanii haleellaa nurratti raawwatan"
Gabaasa kana keessatti Jamiilan, kan maqaan ishee nageenyaaf jecha jijjiirame, warra haleellicha irraa lubbuun hafan keessaa tokko.
Akkana jechuun Amnastii Intarnaashinalitti himte: “Ganama sa’aatii 3tti oyiruu qonnaa keessa osoon jiruu tasa haleellan baname. Ana rasaasaan dhahanii abbaa manaa koo qalan. Namoota du’an jaha gidduun ciisaa ture. Abbaan manaa koo baangaadhaan ajjeesan, warra kaanis akkasuma.”
Nammoonni af-gaaffii dhaabbatichi gaggeesse irratti hirmaatan akka jedhanitti, haleellan kan raawwate dhukaasaafi meeshaa qara qabuuni.
Namoonni ijaan agarre jedhan akka dubbatanitti, jirattonni naannicha turan muraasni hidhannoo qabu turan, garuu humnaan waan caalamaniif ofirraa ittisuu hin dandeenye.
Haleellicha kan raawwate Waraana Bilisummaa Oromoo ta’uu isaa daabee (rifeensa) isaanii, akkaataa hidhannoofi Afaan Oromoo dubbachuu isaanitiin beekna jechuun Amnastii Intarnaashinaalitti himan.
Angawaan naannoo sanaa Amnastiin dubbise tokko ammoo namoonni ajjeefaman 450 akka ta’an ibsa.
Manguddoon ganna 62 ijoolleefi ijoollee ijoollee isaanii 22 jalaa ajjeefaman Obbo Huseen, [kan maqaan isaanii jijjiirame], ammoo maatiin isaanii lubbuun hafna jedhanii manatti cufatanii taa’aa akka turaniifi isaan lubbuu oolfachuuf akka baqatan Amnastii Intarnaashinaalitti himan.
“Namoota 42 iddoo tokkotti ajjeefaman keessaa dargaggeessa tokko malee warri kaan ijoolleefi dubartoota. Reeffi isaanii bakkuma tokko tuulamee jira. Namoota 42 du’an keessaa 22 ijoolleefi ijoollee ijoollee kootiti,” jechuun dubbatu.
Jirattonni akka jedhanitti, haleellichi erga raawwatee sa’aatiiwwan muraasa booda humni mootummaa dhaqabe. Yeroo humni mootummaa bakkicha gahu jiraattonni reeffa sassaabuu akka eegalan ibsa gabaasni kun.
“Biyyattii keessatti halleellaa raawwatamuuf aadaan itti gaafatamummaa dhabuu maraammartoo jeequmsaatti geessaa jira.
Angawoonni hatattamaan qorannoo hatattamaafi walabaa ta’e ajajuu qabu. Akkasumas, Ogeeyyii Komishinii Mirga Namoomaa Idil-addunya Mana Maree Mirgoota Namoomaa UN galanii akka qoratan eeyyamuus qaba,” jechuun dubbata Dipiros Muchenan.
Namoota ijaan arganiifi aanga'oota mootummaa gaafachuun qorannoo gaggeessen Amnastii Intarnashinaal ibsa baase kana keessatti haleellaan kan gaggeeffame saba Amaaraa irratti akka ta’e ibsa.
Haata'u garuu, dhimma gargaarsa namoomaa namoota sababa haleellaa kanaan buqqa'anii ilaalchisee kanaan dura BBCn Itti-gaafatamtuu Buusaa Gonofaa Damee Wallaga Lixaa Adde Natsaannat Alamaayyoo waajjin turtii taasiseen, ajjeechan kan raawwate baay'inaan dhalattoota saba Amaaraa irratti ta'us Oromoonnis ajjeefamuu dubbatan.
Ajjeechaa lammiilee nagaa irratti gaggeeffame kanaan Waraana Bilisummaa Oromootu raawwate jedhamus, inni garuu milishaa mootummaan “Gaachana Sirnaa” jechuun ijaaretu raawwate jedha.