Tapha dhumaa jiruun Maan Siitiin harka kennuu dide, Arsenaal Waaqa kadhachuu qofa

Amma taphi xumuratti dhiyaachaa jira.

Leenjisaan Maan Siitii Peep Gaardiyoolaan ifatti akkas jedhan; ''torban tokko, taphoota sadiitu nuuf hafe. Qabxii barbaanna, ni injifannas.

Qabxii torba, jaha ykn sadiis ta’u Arsenaal Pirimiyeer Liigii ni injifata'' jedhan.

Gaardiyolaan Maanchistar Yuuniyitedirraa abdii guddoo hin qaban, garuu Arsenaal taphoota hunda ni injifata jedhanii eegu.

Sana booda Caamsaa 12, 2024 warri Arsenaal dirree Oldi Tiraaford dhaquuf jiru. Sanarraa garuu abdii hin qaban.

Yoo Maan Siitiin taphooota xumuraa sadan injifate, garee walitti aansee si'a afuriif Pirimiyeer Liigii Ingiliziitti injifate ta'a.

Erling Haalanda gooliwwan afur Wolvis irratti galche Maan Siitiin gufuu isaan mudate akka salphaatti keessa darbuu agarsiisa.

Amma Maan Siitiin Kirevan Koteejitti Fulhaami waliin taphachuuf jira.

Maan Siitiin yeroo 15 garee kana injifateera.

Maan Siitiin dirreesaarratti Weest Haam waliin taphata. Erga bara 2016 Gaardiyoolaan garicha leenjisuu eegalanii dirree istaadiyamii Etihaaditti Maan Siitiin Weest Haamiin injifatamee hin beeku.

Siitiin tapha Totanihaam waliin istaadiyeemii Ispaarsitti taphateen qabxii hin arganne.

Maanchistar Siitiin Totanihaamiin tapha Waancaa FA istaadiyeemii kanaatti gaggeeffame hin injifanne.

Leenjisaan Wolvis Geeri O'Neeyil yeroo kanatti Maan Siitii waliin taphachuun akka jabaatu ibsan.

''Maan Siitiin Caamsaa keessa marroo arfaffaaf walitti aansee Pirmiiyeer Liigii Ingilizii Injifachuu faana dhahaa wayita jirutti injifachuun ni cima,'' jedhan.

''Jarri wanta irratti xiyyeeffatan qabu. Seenaan kana hima, wayita morkii akkasi isaan dura goruun ni cima,'' jedhan.

Maan Siitiin yeroo murteessaa ta'e kanatti cimina agarsiisaa jira

Maan Siitiif waan oduu gaarii hin taane, Arsenaal garaa garummaa goolii jahaan Siitii caala. Kana jechuun Siitiin gara jalqabaatti ol bahuuf taphoota hafan injifachuu qaba.

Siitiin qixxeellee bahuun isaan hin fayyadu.

Gaardiyoolaan '' nuti tapharratti qixxee hin baanu, qabxii sagal argachuu qabna,'' jedhan.

Gaardiyolaan addatti af-gaaffii BBC Match of the Day waliin taasisaniin: ''Guyyoota muraasa keessatti bakka kanatti deebina , Weest Haam injifannee carraa kanas injifachuu qabna,'' jedhan.

Waqtii tapha darbetti Siitiin taphoota 16 otoo hin injifatamiin keessa darbe, si'a 14 ni injifate otoo guyyaa xumuraatti Birentforditti hin injifatamiin dura.

Yeroo sana, waggaa tokko dursa 28 keessaa 23 injifachuun tokko qofa injifataman.

Waqtii taphaa sana dura turetti ammoo si'a 17 injifachuun walitti aansuun taphoota 19 irratti otoo hin injifatamiin turan.

''Yeroo xumura waqtii taphaatti dihyaattu haala adda ta'een yaadda'' jedha taphatan sarara ittisaa duraanii Maan Siitii Mikah Richaard.

Arsenaal kadhaannatti jira

Gorsaan Richaardis Jaamii Rednaap gama isaatiin akka jedhutti, Arsenaal Old Tiraaforditti fuuldura kana taphatamu dirqama injifachuu qaba.

Sana booda xumurarratti Evertan waliin taphata.

Tatullee waa hundi to'annoo isaaniitiin alatti argama jedhe Gorsaan Richaardis Jaamii Rednaap.