'Yoo ana barbaadan na bira malee maatii koo biraa maal godhu?' - Keniyaataa

Madda suuraa, AFP
Pirezidantin duraanii Keeniyaa Uhuruu Keeeniyaataan mootummaan ijoolleesaaniifi haadha isaanii umuriin dullooman doorsisaa jira jechuun himatan.
Uhuruu Keeniyaataan mana ilma isaaniitti argamuun miidiyaa biyya keessatti akka dubbatanitti poolisiin mana ilmasaanii weeraree sakatta'eera.
Haati Uhuruu Keeniyaataa nama ganna 90 yoo ta’an nageenyasaanif mootummaan eegdota ramadeefii jiraatu.
Haa ta’u garuu, osoo manni isaanii hin sakatta’amin guyyaa tokko dura mootummaan eegdotasaanii kaasee ture.
Taateen manni maatiisaanii sakatta’amuufi eegdonni maatiisaanii ka’uu hiriira mormii torbee kan mootummaarratti gaggeeffameen wal-qabata “jedheen amana” jedhan Keeniyaataan.
“Mootumman kun maal barbaada jedheen of gaafadha? Sababni isaa ani waanin calliseef ana barbaada yoo ta’e, nan callise jechuun nan sodaadhe jechuu miti.
“Haati koo kana keessaa maal qabdi? Ijoolleen koo kana keessaa maal qabu,” jechuun miira aarin dubbatan.
Torbee kana guyyoota sadiif hiriirri mormii dursaa paartii mormituu Raayilaa Odiingaan waamame Keeniyaa keessatti gaggeeffamee ture.
Hiriirri kun ammoo daballii gibiraafi qaala'iinsa jireenyaa irratti xiyyeeffachuun magaalota gurguddoo biyyaattii keessatti taasifame.
Kanaan dura mootummaan hiriira kana maallaqa ramaduun akka gaggeeffamu kan godhu pirezidantii duraanii Uhuuruu Keeniyaatadha jechuun himataa ture.
Kunis mootummaa dadhabsiisuufi nuffisiisuf kan karoorfameedha jedha mootummaan.
Waa'ee himannaa mootummaan irratti dhiyeessuu kana gaafatamanii: ''Maal akka isaan hin goonen isaan dadhabsiisa? Ani nama soorama baheedha.
''Dhimmoota ummanni Keeniyaa kaasaa jiru maalif hin furre? Kan isaan gochuu qaban isa malee mala ittiin miliqanii miti,” jedhan.
Uhuuruu Keeniyaataa aangoo erga Pirezidaant Wiiliyaam Ruutotti dabarsanii waa’ee siyaasa biyyattiirratti yaada hin kennine.
Amma garuu, mootummaan maatii koo rakkisuurra yoo ana barbaade ana bira haa dhufu jedhan.
“Calliseen ture, nan callise jechuun maatii koo ittisuu hin danda’u jechuu miti. Maatii waan itti dhufu hundumaarraa nan ittisa, hanga dhumaatti nan ittisa,'' jedhan.












