Chaayinaan xiyyaar-samiin gara Addeessaa ergite Dacheerraa kallattii kaaniin fagaattee moggaarra qubachuu ibsite

Xiyyaar-samii

Madda suuraa, Getty Images

Chaayinaan xiyyaar-samii nama malee imaltu gara Addeessaa ergiteetti. Xiyyaar-samiin kunis fuula Addeessaa kallattii kaanii dacheerraa fagaatee argamu moggaarra qubatteetti. Biyyi akka Chaayinaa kanatti xiyyaar-samii Addeessarra qubachiise hin jiru.

Xiyyaar-samiin Chang'e 6 jedhamtu kun Dilbata kana ganama Bantii Kibbaa- Ayitikan qubachuu Bulchiinsi Qorannoo Hawaa Biyyaalessaa Chaayinaa ibseera.

Xiyyaar-samiin kun ji'a tokko dura sochii eegalte. Kaayyoonshees dhagaa fi biyyoo Addeessarraa walitti qabdee fiduuf ta'uutu himame. Kun seenaa keessatti kan jalqabaa ta'a.

Akkaataa karoora kanaan dhangaawwan umrii dheeraa qaban fi Addeessarra barootaaf turan baasuun ni danda'ama jedhamee eegama.

Toorri quunnamtii waan adda cituuf xiyyaar-samiin kun fuula dacheerraa kallattii kaaniin qubachuu fi dhiisuu ishee adda baasuun yaaddoo ta'ee ture.

Chaayinaan bara 2019 keessas xiyyaar-samii Chang'e-4 Addeessarra qubachiisuun, kanaanis addunyaarraa kan jalqabaa taateetti.

Buufata hawaa guddicha Weenchaang irraa gara hawaa kan ergamte xiyyaar-samiin Chang'e-6 kun, ergasii Addeessarra naanna'aa turte, yoom akka qubattu si'oominaan eegamaa ture.

Boodarras qaama Addeessaa dacheerraa daran fagaatee kallattii kaaniin argamurra qubachuu dandeesseetti.

Miidiyaan Chaayinaa- Shinuwaa jedhamu dhaabbata hawaa biyyattii wabeeffachuun akka gabaasetti, xiyyaar-samiin kun bakka mijataa ta'e akka qubattuuf wantoota gufuu itti ta'an meeshaa ittiin adda baastuu fi ifa haala waliin geggeeddaramu ofirraa qabdi.

Miidiyaaleen mootummaa Chaayinaa xiyyaar-samiin kun nagaan Addeessarra qubachuushee ''milkaa'ina seena qabeessa'' jechuun ibsaa jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Xiyyaar-samiin kun Addeessarra qubachuushee dura ''injineroonni fi kalaqxoonni hedduun, hojjettoonni sodaa balaa fi kaan,'' hordoffii walirraa hin citne gochaa turan.

Yuinvarsitii Maanchistaritti ispeeshaalistii qorannoo Addeessaa kan ta'e Pirofeesar Joon Peerneet Fiishar ''dhagaawwan umrii dheeraa qaban kan eenyullee argee hin beekne arguuf carraa argachuun nama hunda gammachiiseera,'' jedhe.

Pirofeesarri kun imaloota gara Addeessaa kanaa dura turan: kan Ameerikaa- Appooloo fi kan Chaayinaa kanaan dura taasifterraa irraa wantoota Addeessarra jiranii fi baroota lakkoofsisan qorachuuf carraa argateera.

Chaayinaan amma kan xiyyaar-samii ergite bakka kanaan dura bira ga'amee hin beeknettidha. Iddoo kana namni tokkollee argamee dhagaa fi biyyoo (waan Addeessarra jiran jedhan) walitti qabee hin beeku.

Kanaafuu ergamni pilaaneetonni akkamiin uumaman gaaffii jedhu deebisuu danda'a jedha pirofeesarri qorataa hawaa jedhaniin kun.

Dhagaan Chaayinaan fuula Addeessaa Dachee irraa fagaatee kallattii biraan jiru irraa walitti qabdu kun kan kanaan dura walitti qabamerraa adda.