Indiyaan xiyyaar-samii Addeessatti erguun milkoofte

Madda suuraa, ISRO
Indiyaan ergama marroo sadeessoon, bantii kibbaa Ji'aa hedduu hin abuuramne dhiyeenyatti qubachuun biyya jalqabaa taaate. Kun ammoo ergama seena-qabeessa jedhameera.
Xiyyaar-samiin Chandrayaan-3 jedhamtu kun: xiyyaar-samii orbitii Ji'aa marsitu, kan qubattuufi konkolaataa abuurtu ofkeessatti kan qabattedha.
Jimaata har'aa, akka biyyattiitti guyyaa keessaa sa'aa 8:35 irratti, wiirtuu hawaa Sriharikota irraa kan kaate oggaa tahu, Hagayya 23-24 Addeessa dhaqqabdi jedhamee akka eegamu angawoonni himaniiru.
Ergamni kun ni milkaaya taanaan, Indiyaan biyyoota US, Gamtaa Sooviyet duraanii fi Chaayinaatti aantee biyya afraffaa Addeessarra qubatte taati.
Sagantaa abuura Ji'aa Indiyaa keessatti ishee sadaffaa kan taate Chandrayaan-3, milkaa'ina ergamoota amma dura argaman irratti akka dabaltu eegama.
Ergamni ganna 13n dura biyyattiif isa jalqabaa tahe - Chandrayaan-1 bara 2008tti raawwate.
"Dachee Ji'aarra barbaacha bishaanii isa jalqabaafi gadi fageenyaan adeemsifame ture. Addeessi guyyaa keessa atimoosfeera qabaachuu ishees kan mirkaneesse ture," jedhan daarektarri piroojektii Chandrayaan-1 Mylswamy Annadurai.

Ergamni Chandrayaan-2 akkuma isa sadeessoo ammaa kana xiyyaar-samii sabbata (orbitii) Addeessaa marsitu, kan qubattuufi konkolaataa abuurtu ofkeessatti kan qabatte turte.
Adooleessa 2019 keessa kan furguggifamte ennaa tahu, ergamni kun gariin milkaa'e.
Akkamiin jennaan: xiyyaar-samiin sabbatarra marsitu har'allee Addeessa naanna'aa kan jirtu tahus, kan dacheerra qubattu garuu milkaa'uu hin dandeenye.
Qubachuuf ennaa yaaltu lafa dhoofte - moo tarii Addeessa dhoofte jenna?
Akka Aabba Annadurai jedhanitti "sirna fireenii qabaturra mudaa sa'aatii dhumaatti mudateen," rakkoon gaafasii mudachuu himan.
Hoogganaan Dhaabbata Qorannoo Hawaa Indiyaa (Isro) Sreedhara Panicker Somanath akka jedhanitti, balaa yeroo darbe mudaterraa ragaa jiru walitti qabaniiru.
Sana fayyadamuunis yaaliiwwan rakkoo mudatu hambisuuf qarqaaru taasisaniiru.
Xiyyaar-samiin Chandrayaan-3 ulfaatina kg 3,900 kan qabdu ogguu tahu, doolaara miiliyoona 75 itti baasan.
Kaayyoon ishees dachee Addeessa gubbaa qubannaa milkaa'aa tahe (soft-landing) taasisuudha jedhan hoogganaan kun.












