Haleellaa Horroo Guduruu namoota hedduu galaafatee, kumaatama buqqise

Naannoo Oromiyaa Godina Horro Guduruu Wallaggaatti haleellaa walduraa duubaan aanaalee garagaraa keessatti raawwatameen namoonni dhibbaan lakkaa’aman ajjeefamuu isaanii namoonni ijaan arganii fi haleellaa kana baqatanii gara naannoo biraatti ce’an BBC’tti himan.
Namootni haleellicha baqatanii gara naannoo Amaaraatti deemanii fi Yuunivarsiitii Wallaggaa Kaampaasii Shaamuu keessa buufatan akka jedhanitti, haleellaan kun erga jalqabamee torban hedduu lakkoofsiseera.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Fulbaana 16/2015 Ibsa baaseen, Hagayya 25, 2014 irraa eegalee aanaalee Amuruu, Horo Bulluqii fi Jaardagaa Jaartee keessatti torban sadiin keessatti haleellaa raawwatameen lammiileen nagaa 100 ol ta’an ajjeefamaniiru.
Komishinichi haleellaa kanaaf itti gaafatamtoota jechuun Waraana Bilisummaa Oromoo (ABO-Shanee] hidhattoota Faannoo fi namoota dhuunfaa eereera.
Komishinichi hidhattootni haleellaa saba irratti xiyyeeffate lammiilee nagaa irratti raawwachuu akka hin qabne hubachiisuun, haleellaan kun itti fufee babal’achuu danda’a jechuun yaaddoo qabus ibseera.
Namootni ijaan argine jedhanii fi baqachuun naannoo Amaaraa galuu himan, miseensota maatii isaanii dabalatee namoonni nagaa hedduun hidhattootaan ajjeefamaniiru.
Keessattuu, Kamisa, ALI Fulbaana 12/2015, ganama sa'aatii 11:00 irraa eegalee, Aanaa Jaardagaa Jaarteetti haleellaan haaraan kan raawwatame yoo ta'u, namoonni hedduun, kan lakkoofsa isaanii hin beekamne, ajjeefamuu isaanii himaniiru.
Akka namoonni ijaan argan kunneen jedhanitti gareen hidhattootaa haleellaa kana raawwate "ABO-Shabee’’ yoo ta'u, haleellaan kun ''eenyummaa irratti hundaa'uun'' akka ta'e dubbatan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Isaan kana haa jedhan malee haleellaa naannicha keessatti qaamolee adda addaan raawwateen lubbuun namoota sabaan Oromoo tahanii hedduun darbeera.
Namootni hedduun hidhattoota Faannoon ajjeefamuun kaan ammoo qabeenyi isaanii saamamee kaan gubatee qe’ee isaanii irraa buqqa’uun gara aanaalee ollaa fi gara magaalaa godinichaa- magaalaa Shaambuutti baqachuu namootni BBC’n dubbise himaniiru.
Biiroon Kominikeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaa Fulbaana, 14/2015 Ibsa baaseen, ''gareen hidhattootaa godina Horroo Guduruu keessatti haleellaa bananiin namootni nagaa fi miseensotni milishaa’’ ajjeefamuu hime.
Lakkoofsa namoota du’anii garuu hin ibsine.
Waraanni Bilisummaa Oromoo, kan mootummaan ‘’shororkeessaa’’ jechuun labse garuu namoota nagaa irratti haleellaa akka hin raawwanne himu.
Hidhattootni Faannoo aanaalee naannoo Oromiyaa karaa Godina Horroo Guduruu daangaa irra jiran galuun yeroo hedduu haleellaa raawwataa turuu mootummaan naannoo Oromiyaafi jiraattotni naannichaa irra dedebiin ibsaniiru.
Kan ammaa kana irratti garuu mootummaan naannoos ibsa bal’aa hin kennine.
Ji’uma darbe keessa aanaa Horroo Bulluq galuun namoota nagaa 40 ol ajjeesuu namootni BBC’n dubbise himaniiru.
Akkasumas hidhattootni Faannoo aanaa Amuruu magaalaa Hagamsaa galuun haleellaa rraawwataniin yoo xiqqaate namootni 60-70 ol ajjeefamuu komishiniin mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibseera.
BBCn eenyummaa garee hidhattootaa haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa qabu jedhamanii waan jiraattotnii fi aangawootni naannichaa jedhaniin ala qaama biraa irraa yaaliin mirkaneessuuf godhe hin milkoofne.
Namoonni haleellicha baqatan maal jedhu?
Jiraattuun magaalaa Jaardagaa Jaartee daa'ima ishee ji'a shan dabalatee ijoollee ishee sadii waliin qe'ee isaanii irraa buqqa'an, Kamisa Fulbaana 12, 2015. Dhukaasni ganama sa'aatii 11:00 irratti eegale, galgala hanga sa'aatii 1:00tti akka ture ibsan.
Guyyootaaf erga dhokatanii booda Dilbata darbe ganama gargaarsa human nageenyaa Federaalaa naannoo sana jiraniin naannoo sana gadhiisanii akka bahan himan.
''Akka carraa ta'ee gama gubbaa waan turreef humni federaalaa naannoo sana yeroo gadhiisu nu fuudhanii deeman. Garuu ummanni Amaaraa magaalattii keessa jiru hin hafne. Eeruu fi manaa manaa sakatta'uun ajjeefamaniiru,'' jetti.
Jaardagaan Jaartee erga gadhiisanii bahanii boodas, Fulbaana 15/2015, Aanaa Amuruu keessattis haleellaan walfakkaataan raawwatamee namoonni achi turan tokko tokko isaan waliin baqachaa akka turan dubbatan.
Itti dabaluudhaanis maatiin ishee isaan irraa adda bahuun gara boodaatti hafan du’uu fi jiraachuu isaanii akka hin beeknee fi yaaddoo qabaachuu himan.
Haleellaa kanaan namoonni meeqa akka du'an adda baasuun rakkisaadha kan jette haati kun, "namoonni mana keessatti cufachuun dhokatanii turanis waan ajjeefamaniif lakkoofsi kun baay'eedha" jette.
Jiraataan aanaa Jaardagaa Jaartee haleellicha baqate gara biraa BBC’n dubbise haati isaanii waggaa tokko dura haleellaa naannoo sanatti raawwatame hordofuun qe’ee isaanii irraa buqqa’uu himuun, ammallee magaalaa Haroo keessa akka jiran dubbate.
Amma innis qe'ee isaa irraa buqqa'uu hime.
''Yeroo dhukaasni eegalu mana keenya cufanne. Erga balbala rukutanii booda deeman. Xiqqoo booda milishoonni [dhalattoota Amaaraa hidhatanii] wal loluu eegalan. Sana booda Kamisa halkan sa'aatii 8:00tti baanee mooraa federaalaa keessa galle. Humni federaalaas hidhattootatti duulee lolaa ture. Sana booda Sanbata halkan gara Amuruutti nu geessan’’ Jedhe.
Jiraataan kun ''Amuruu hidhattootaan haleelamera,'' jedhan. Booda miilaan fageenya dheeraa deemuun magaalaa Buree akka galan hime.
Haleellaa hidhattoota Amaaraan naannoo isaanii gadhiisanii akka bahan kan himan jiraattoonni aanaa Amuruu gandootaa aanichaa keessa nagaan hin jiru jedhu.
Jiraattota aanichaa dubbsine keessaa tokko,’’haleellaan gaafa raawwatamu jalqaba gara aanichaatti baqanne. Achi yeroo nu arii’an immoo gara bosonaa baqanne. Aanaa Amuruutti qaamni gaaddisa nuuf tahe hin turre. Gara fuulduraattis ni jiraata jedhee hin yaadu. Yaaddoo keessa jirra,’’ jedha.
Haleellaa kanaan namoonni ajjeefamuu, manneen barnootaa gubachuufi qabeenyi saamamuu dubbataniiru.
‘’Shanee hidhachiistu, ni soortu, dahoo kennituufi jedhanii nu himatu. Nama nagaa haleelanii Shanee rukkunne jedhu. Warri Faannoo Godina Horro Guduruu keessatti lafa hin qabdan deemaa nuun jedhu. Iyyinaanis homaa deebii hin arganne,’’ jedhaniiru.
‘’Inumaa isaaniin mootummaan meeshaa hidhachiisaa ture. Uummanni miidhame jedhus Shanee yoo baastan malee homaa gochuu hin dandeenyu jedhu. Nuti Shanee akka horiitti hidhuu dandeenya?’’ jiraataan kuni dubbatu.
Jiraataan maqaan isaanii hin eeramne biraas rakkoon naannichaa amma waggaa tokkoo ol taheera jedhu.
Akka jiraataan kuni jedhanitti, haleellaan kan raawwate ''humnoota Amaaraa Faannoo jedhamaniin yoo ta'u kan nurratti qindeesse immoo namoota warra aanaati,'' jechuun himatu.
Jiraataan kun kana haa jedhan malee, mootummaan Federaalaa dhuma torbee darbee ibsa dhimma kanarratti baaseen hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO), kan mootummaan ABO Shane jechuun waamuun, aanaa Jaardagaa Jaartee keessatti milishootaa fi uummata nagaarratti ajjeechaa raawwatan jechuun himate ture.
Dhalattoonni Amaaraa naannichaa garuu hidhataan Faannoo jedhamuu akka hin jirreefi ofirraa ittisuuf jecha milishoonni lakkoofsaan muraasa meeshaa hidhatan kan mootummaan beeku jiru jedhan.
Haleellaa dhaabachuu dideefi deebii Koomishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa
Qondaalli Komishinii Mirga namoomaa BBCn dubbise Imaad haleellaa hidhattootaan godinicha keessatti raawwatameen namoonni nagaa 100 ta'an ajjeefamuu, kanneen kumaatamaan lakkaa'an qee'efii qabeenya saanii irraa buqqaafamuu akkasumas qabeenyaan ummanni naannichaa ittiin jiraataa ture hedduun saamamuu ragaan odeeffatan akka agarsiisu dubbatan.
Dhaabbanni isaanis ajjeechaan namoota nagaa irratti raawwatamu qolachuufis tarkaanfiin rakkoo naannoo sana jiru madaalu hin fudhatamne ammantaa jedhu kaasaniiru Obbo Imaad.
Kanaafu, ammas mootummaan rakkoon sun walxaxaafi hammataa akka ta'e hubatee tarkaanfii rakkinicha madaalu akka fudhatuuf waamicha taasisan.
Komii jiraattoonni kaasana kanaaf bulchiinsa godinichaa fi aanaalee rakkoon nageenyaa keessatti mudate akkasumas mootummaa Oromiyaa fi feeraalaarraa irraa deebii argachuuf yaaliin BBCn taasisee hin milkoofne.
Namoonni buqqa’an haala akkamii irra jiru?
Naannoo Amaaraatti koominshinii ittisa balaa fi wabii nyaataatti itti gaafatamaan sabaa-himaa, Obbo Iyyaasuu Masfin yeroo dhihootti haleellaa qaqqabeen namoonni buqqa’an akka jiran himuun lakkoofsi isaanii meeqa akka tahan baruuf hojjechaa akka jiran himan.
Obbo Iyyaasuun akka jedhanitti namoonni waggaa 30 ol jiraatan haleellaa sodaachuun gara sanyii jira jedhamutti ergamaa akka jiraniifi iddoo arganitti baqachaa akka jiran himan.
Kana duras haleellaa wal-fakkaataa Oromiyaa keessatti mudateen baqatanii magaalawwan Amaaraa keessatti lammiileen dahatanii jiran jiru jedhan.
Jiraattota kanaaf deeggarsi gahaa godhamaafi akka hin jirres himaniiru.
Waraanni Kaaba Itoophiyaatti deebi’ee ka’uu irraan kan ka’e buqqaatotaaf deeggarsi mootummaa federaalaa dhiyaate akka hin jirre himaniitu turan.
Yunivarsiitii Wallaggaatti daarektarri kaampaasii Shaambuu Dr Bayyana Balaay, godinichatti haleellaawwan iddoo garaagaraatti raawwataaniin buqqaatonni mooraa yunivarsiitichaa keessatti qubatanii akka jiran himan.
Dr Bayyanan akka jedhanitti Fulbaana 16/2015 A.L.I halkan sa’atii 12;00 irraa qabee gara moorichaattii akka galaniifi guyyaa lama keessatti namoonni galmaa’an lakkoofsi isaanii 3722 tahuu jedhaniiru.
Lakkoofsi isaanii dabalaa waaan dhufeef hoggantoonni godinichaa iddoo biraa isaan qubachiisaa jiraachuufi kaan immoo firoota isaanii barbaadanii kan deeman jiru jedhan.
Buqqaatota keessaa, ‘’daa’imman,dubartootaafi haadholiin hoosisan akkasumas dubartoonni ulfaa,’’ jiraachuu himuun daarektarichi qorumsa kutaa 12ffaa yeroo kennuuf qophaa’aa jiranitti kuni mudachuunsaa rakkoo akka itti tahes himaniiru.
Baqattoonni jalqaba dhufan Jaartee Jaardagaa irraa kan buqqa’an yoo tahu boodarra garuu namoonni dhufan daballaan rakkoon gara naannoo biraatti babal’achuu hubannee jedhan Dr Bayyanan.
‘’Namoonnii buqqa’an, ‘’qaamni hidhate akka isaan buqqaase namni baayyeen jalaa du’uufi isa du’ellee awwaallchuu akka hin dandeenye,qabeenyi isaanii akka jalaa barbadaa’e akkasumas maatii isaanii jala akka wal-jalaa badan,’’ himaniru jedhan.
Daarektarichi akka jedhanitti baqattonni kunneen kan deeggaramaa jiran hawaasa yunivarsiitichaafi nyaata namni naannoo fiduuni..
Waggoota darban keessatti Oromiyaa keessatti haleellaa sabummaan wal-qabatuun namoonni nagaa ajjeefamuu gabaafamaa tureera.
Mootummaan yeroo garaagaraatti haleellaa kana ‘’ABO shaneetu’’ raawwata jedhus Waraanni Bilisummaa Oromoo garuu kana ni haala.
Tahus ammallee haleellaan ijoolleee, haadholiifi namoota nagaa biroo irratti qaqqabu hin dhaabanne.












