'Reeffi abbaakoo guyyaa lama ala bulee argame' - jiraattuu magaalaa Hagamsaa

Bakka haleellaan itti raawwate

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruu magaalaa Hagamsaatti haleellaa ‘’Finxaaleyyiin Faannoo’’ namoota nagaa irratti raawataniin lubbuun namoota hedduu baduu dubbatu jiraattoonni.

Haleellaa wal fakkaataan godinuma kana Aanaa Horroo Bulluq bakka Bonee Abuunaa jedhamutti qaamuma wal fakkaatuun Fulbaana 3, 2022tti raawwachuun namootni 20 ol ajjeefamuu jiraattotni naannichaa BBC’n dubbise himaniiru.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa gamasaatiin haleellaa ALI Hagayya 23 hanga 25, 2014'tti walitti fufiinsaan gaggeeffamuu himuun, namoonni ajjeefaman 60 ol tahu ibseera.

Koomishinitti itti dabalunis, sababa haleellaa hidhattoonni banan kanaan namoonni 70 ol ta'an irra miidhaan qaqabuufi kanneen kuma 20 ol qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru ibseera.

Komishinichi dhimmicharratti jiraattootaa fi qaamoolee motummaa waliin dubbachu eeruun akaka ibsa isaa keessatti himeetti, humnootiin nageenyaa naannichatti bobba'ee ture bakkichaa kaafamu hordofuun aanaa Amuuruutti namoota nagaa irratti haleellaan kun raawwatame jedheera.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X

Jiraattonni Aanaa Amuruu magaalaa Hagamsaa BBC’n dubbise akka himanitti, Hagayya 23, 2014 ganama subii osoo namoonni hirribaa hin ka’iin ture haleellichi uummata nagaa irratti kan baname.

‘’Warri humna qaban fiiganii jalaa bahan. Kaan ni ajjeefaman. Abbaankoo kan umuriin gara 70 waan ta'uuf fiiganii jalaa bahuu waan hin dandeenyeef ajjeefamanii argaman,’’ jette shamarreen haleellaa hidhattoonni bananiin abbaan jalaa ajjeefamu himtu.

Nageenyaa ishee fi kan maatii isheef jecha maqaan ishee akka hin dhahamne kan gaafatte shamarreen tun, haleellichi guyyaa Kibxata, Hagayya 23, 2014 jalqabee bulee isaa gaafa Roobii abbaan ishee ajjeefamanii reeffi isaanii bakkeetii argamuu himte.

‘’Nuyi argannee awwaalanneera. Kaan ammoo kan dhabanii bineensi kan nyaate jira. Reeffuma qaama nama argamee namni fuudhee awwaalaa jira,’’ jette.

'‘Horii baasanii ijoollees osoo baqachiifatanii ofii rukutamanii du’an. Harmeekoofi obbolaankoo baqatanii jalaa bahaniiti guyyaa lama booda wal argan,’’ jechuun haala nananicha ture himti.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa namoonni ajjeefaman 60 ol haa jedhu malee, jiraattoonni naannichaa BBCn dubbisee namoonni ajjeefaman 100 ol ta'u himu.

Haleellaa kana ilaalchisee mootummaan naannoo Oromiyaa hanga yoonaatti waanti jedhe hin jiru. BBC’n qondaalota nageenyaa naannoo Oromiyaa, Bulchitoota Godina Horroo Guduruu fi Aanaa Amuruu dubbisuuf irra deddeebiin bilbillus bilbila hin kaasan hafaniiru.

Haleellaa Aanaa Horroo Bulluq ganda Bonee Abuunaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Godina Horroo Guduruu Aanaa Horroo Bulluqitti, Hagayya 28,2014 waaree dura haleellaa ''hidhattoonni Faannooo'' jedhamaniifi naannoo Amaaraa irraa akka gara sana dhaquun haleellaa raawwatan hiamameen lubbuun namootaa darbuu, qabeenyis saamamuu jiraattonni himan.

Jiraataan Aanaa Horroo Bulluq nageenya isaaf jecha maqaan isaa akka hin dhahamne gaafate tokko, ''namni karaa deemullee ajjeefame jira. Aanaa biraa irraa dhufanii miilaan osoo deemaa jiranii ajjeefaman. Karaan sababa dhoqqee gannaafi nageenyaan cufamee ture,'' jedhan.

''Namoonni 40tti siqan ajjeefamaniiru. Namni haleellaa akka raawwatamu waan quba hin qabneef kan of eeggate hin turre. Aanaa Jaardagaa Jaartee ganda haboo jedhamtuttis haleellaa yeroo lama gaggeeffameen namoonni ajjeefamanii qabeenyi gubatee ture,'' jedhan.

''Faannoo warri jedhaman leenjii gahaa fudhachuun nama hojii biraaf bobba’e fakkaachuun bakkaa bakkatti socho’u,'' kan jedhan jiraataan kun, ''jaarsoliin humna hin qabne qe‘eetii hin baqanne, qe’umatti ajjeefaman. Ammallee namoota adda faffaca’anii wal hin arganne jiru. Kan reeffi isaanii argamaa jirus jiru,'' jedhan.

Jiraataan kun, gareen haleellaa raawwate kunis haala qindaa'een gahee hojii qooddatanii miidhaa qaqabsiisaa turan jedhan. ''Kan dhukaasanii nama ajjeesuu, kaan ammoo qabeenya yoo saaman, kaan horii jiraattootaa oofaa turan'' jedhe.

ABO’n haala kanarratti ibsa baaseen, haleellaa uummata nagaa irratti raawwatu balaaleffachuun mootummaan nageenya uummata tiksuu dadhabe jechuun komate.

Dhaabbichi ibsa isaa kanaan, haleellaa Aanaa Horroo Bulluq ganda Bonee Abuunaatti raawwateen namoonni 35 ajjeefamuun qabeenyi saamamuu odeeffadheera jedhe.

Haleellaa kana eenyu raawwate?

Haleellaa Amurutti raawateen lubbuun namoota 60 olii darbe

Madda suuraa, Miidiyaa Hawwaasaa

Godinaaleen Wallaggaa rakkoo nageenyaaf era saaxilamanii bubbuleera. Haleellaan namoota nagaa irratti xiyyeeffachuun gaggeeffamaa tureen bakka adda addaatti lubbuu namoota dhibbaan lakkaa’amanii galaafateera.

Mootummaan hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) kan ABO Shanee’’ jedhuu fi ‘’Finxaaleyyii Amaaraa’’ himata.

Jiraataan aanaa Amuruu biraa dubbisne tokko tuttuqqaan kun erga jalqabee waggaa tokko darbuu hime. Kanumatu hammaachaa deemuun haleellaa tibbanaa raawwachuun lubbuu namoota hedduu galaafachuu hime.

Komishiniin Mirga Namoomaa itoophiyaa gama saatiin haleellaa tibbanaa ilaalchise ibsa baaseen, yaalii hidhattoonni ABO-Shanee Hagayya 23, 2014 Mgaalaa guddoo aanaa Horroo Guduruu kan taatee Obooraa qabachuuf taasisaniin dhalatoonni Amaaraa sadii waan ajjeeffamaniif haleellaan kun namoota nagaa naannichaa irratti hidhattoota Faannootiin raawwatamu himeera.

Haleellichi dhaqqabuun guyyaa tokko dura poolisiin humna addaa Oromiyaa magaalaa Hagamsaa gadhiisanii bahuus jiraattoonnis komishinichi himan.

Guyyaa tokko booda ammoo ‘’finxaaleyyiin Amaaraa Faannoo’’ jedhaman uummata nagaa irratti haleellaa banan jedhe jiraataan BBCn dubbise.

Jiraataan kun dabalataan ‘’hidhattootni maqaa WBO’n naannicha keessa socho’anis jiru. Isaanis guyyaa tokko dura uummata irraa qawwee funanii ture,’’ jedhe.

Sana hordofuun warri ‘’Faannoo’’ aanaa Kiiramuu magaalaa xiqqoo Aaroo jedhamtu irraa cehuun haleellicha raawwatan jedhe.

'‘Sabni kun waggaa dheeraa dura as qubatan. Waliin barannee, gabaa tokko dhaabannee jiraataa turre. Afaanuma Oromoo dubbatu. Saba tokko taaneerra, amma siyaasatu dubbii kaase malee,’’ jedhe.

Finxaaleyyiin kunneen meeshaa warana hidhatanii akka jiran himuun ‘’Shanee barbaacha laga hin deemnu. Shaneen isinuma’’ jechuun uummata haleellan jedhe.

Haleellaa magaalaa Hagamsaati banameen wasiillikoo tokkos ajjeefamu kan dubatu jiraataan BBC dubbise biraas, maatiin isaa baqatanii akka jiran hime.

 ''Gareen hidhatee maqaa WBO’n socho’anis jiru. Kana booda nutu isn eega jechuun uummata irraa qawwee guuran,’’ jedhe.

Finxaaleyyiin Amaaraa ‘’Faannoo’’ jedhaman haleellaa raawwataniin ijoollee waggaa shanii hanga maanguddoo waggaa 97 ajjeefamuu quban qaba jedhe.

Jiraataan kun daandiin cufamuu fi hanqina qorichaa irraa kan ka’e namoonni madaa’an Oborraatti buufata fayyaa galanii maluma aadaa fi kaaniin yaalamaa jiru jedhe.

Garee Faannoo jedhamuun jiraattoonniifi mootummaan himatu kana irraa BBC’n deebii argachu hin dandeenye.

Bara darbes uummanni Oromoo gandoota Somboo, Noolee, Aaroo fi Botee jedhaman keessaa buqqa’anii bahaniiru jedhe.

Shamarreen abbaan jalaa du'uu BBCtti himte tokkos, ''qabeenyi saamameera, qe’een itti galanis hin jiru'' jette.

Dabalataan ‘’ajjeechaa kana kan raawwate‚ Faannoo akka tahe himama. Garuu afaan Oromoo kan dubbatanis jiru. Fagoo irraa kan dhufe osoo hin taane naannichuma kan jiraataa turanis keessa akka jiran namoonni hedduun ni dubbatu,’’ jette.

''Abbaan koo qawwee rasaasa tokko nyaattu ittiin qe’ee eeggatu qaba ture. Dhalannema harka isaa irratti argine. Hidhattoonni gaafatanii hin fayyadu jedhanii dhiisanii ture'' jette.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa qaamoleen hidhatan naannoo Amaaraa irraa cahuun dhalattoota Oromoo irratti haleellaa raawwachuu mirkanneessuu ibsasaatiin himeera

Gandoonni aanichaa ajjeechan itti raawwate kun ammayyuu taanan sodaa nageenyaa jala akka jiruu fi ''lammillen kuma 20 ol ta'an buqqa'anii magaala Oborraatti haala rakkisaa keessa jiru'' jedhe KMNI.

Dabalataanis aanalee biroo kanneen akka Jaardagaa Jaartee, Abee Dongoroo fi Kiiramuus rakkoo wal fakkaatan mudachuu akka danda'u ragaa jiraattota irraa akka argate ibseera.

Komishinarri KMNI Dr. Daani'eel Baqqalaa haleellan namoota nagaa irratti gaggeeffamu akka isaan yaaddesse ibsuun mootummaan bakkeewwan yaaddoo nageenyaa qaban keessa humnoota nagaa gara bakka biraatti yeroo geessu lubbuu, qaamni fi qabeenyi lammiilee nagaa balaarra akka hin buune of-eegganno gochuu akka qabu akeekkachiisan.