Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Uhuruun sochii nagaan akka bu’u Itoophiyaatti eegalan itti fufuuf waliigaluu Ruutoon himan
Pirezidantiin duraanii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa Itoophiyaatti nagaan akka bu’u sochii eegalan itti fufuuf waliigaluu pirezidant Wiiliyaam Ruutoo himan.
Haasaa guyyaa kakuu raawwatanirratti taasisaniin Uhuruun ‘hojii jajamuu qabu dalagan’ jechuunis Ruutoon isaan ibsaniiru.
Sagantaa kana irratti Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad dabalatee aangawoonni biyyoota adda addaa argamaniiru.
Ruutoon Keeniyaan biyyoota kaaniifis fakkeenya tahuu akka dandeessu eeruun bulchiinsi isaanii guddina dimokiraasii biyyattiif kana caalaa akka hojjetu himan.
Pirezidantii shanaffaa Keeniyaa kan ta'an Ruutoon sochii nagaan Itoophiyaafi bakkeewwan akka Rippablika Dimookiraatawaa Kongootti akka bu’u pirezidantiin duraanii eegalaniif tumsa akka taasisan himan.
‘’Uhuruun mariiwwan kana ummata Keeniyaa bakka bu’uun itti fufsiisuuf waliigalaniiru. Mootummaan Keeniyaafi ani sochiiwwan Uhuruun gaggeeffamuf tumsa barbaachisu ni goona.’’
Ruutoon mariin Uhuruun waa'ee Itoophiyaa dura taa’aa ta’un gaggeessu jedhan amma ifa miti.
Kana dura garuu waraana Itoophiyaatti jalqabe mariin xumuruuf pirezidantiin duraanii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaattaan ifatti sochii taasisaa turaniiru.
Aangawoonni biyyoota Lixaa Ameerikaafi kaan dabalatee dhimma Itoophiyaa irratti Uhuruu mari’ataa turani.
Uhuruun yeroo gara garaatti magaalaa Finfinneefi Naayirobiitti aangawoota Itoophiyaafi TPLF dabalatee mari’ataa turan.
Waraanni torban sadii dura akka haaraatti eegaluu dura humnoonni Tigraay jaarsummaan Gamtaa Afrikaa osoo hin taane Uhuruun akka gaggeessummaa fudhatan gaafataa turan.
Itoophiyaafi dippilomaatonni Lixaa garuu mariin Gamtaa Afrikaa jala akka ta’u sochii gochaa turan.
Eegasii xumura torban darbe humnoonni Tigraay gaaddisa Gamtaa Afrikaa jalatti marii taa’uuf waliigaluu himan.
Eegasii gama mootummaa Itoophiyaatin deebiin kenname hin jiru.
Waraanni baatiiwwan 22 ol dura Itoophiyaatti eegale biyyoota Baha Afrikaas yaaddesseera.
Sababa waraana kanaan lammiileen kuma 60 ol gara Sudaan kan qaxxaamuraniiru.
Waraana Tigraayitti eegaleen lammiileen kumaan lakkaa'aman akka ajjeefaman amanama. Miiliyoonaa kan lakkaa'aman immoo qe'eerraa buqqa'aniiru.
Waraanni torban sadii dura irra deebiin eegale akka mariin xumura argatu Gamtaan Afrikaa, Ameerikaa, UN fi kaan sochii itti fufaniiru.