Abbaan qabeenyaa Tiktok Aappii ajaa’ibaa kana dhabuu danda’aa?

Dhaabbanni TikTok Ameerikaan dhaabbata chaayinaan warroomtu kana akka hin uggurree fi akka hin gurguramneef himannaa seeraa qopheessaa jira.

Ameerikaan TikTok irratti yaada akkanaa kan eegalte TikTok dhaabbata Beejingi Mandheeffate ByteDance harkaa yoo hin baasne ragaan lammiilee Ameerikaa Miliyoonaan lakkaa’amanii harka Chaayinaatti kufuunsaa waan hin oollefi.

TikTok garuu dhaabbanni ByteDance jedhamu kuni dhaabbata Chaayinaa yookaan kan biyya kamiituu miti jedhe.

Dhaabbatichi kana jedhulleen Aappiin kuni milkaa’inni ajaa’ibaa inni agarsiisaa jiru Ameerikaa fi Chaayinaa gidduutti walshakkii uumeera.

Lammiileen Ameerikaa Miliyoona 170 ji’a Ji’aan TikTok fayyadamu. Kana jechuun daa’imman olguddatoo 10 keessaa 6 nifayyadamu, akka dhaabbata qorannoo Pew jedhutti harka shan kan ta’an ammoo dhaabbiidhaan aappii kana fayyadamu.

Lammiilee Ameerikaa TikTok fayyadaman keessaa harka 40 kan ta’an ammoo akka madda odeeffannoo idileetti fayyadamu.

Yaada Ameerikaan TikTok ugguruuf dhiheessites tibbana mormiin mudateera. Dhaabbatichi himata qindeesse keessatti gochi Ameerikaa kuni aggaammii cimaa mirga odeeffannoo argachuu lammiilee irraatti aggaamame jedhe.

TikTok guutumatti ugguruun rakkisaa ta’uu mala. Filannoo lammaffaa kan ta’e kaampaaniin ByteDance appii kana akka gurguru gochuun filannoo fooyya’aa ta’us rakkisaa ta’uunsaa hin hafu.

Xinxaltoonni akki jedhan, Beejingi waa’ee gurgurtaa kuni akka milkaa’u fedhii dhiphaa ta’e qabaachuu dandeessi. Garuu eenyutu TikTok bitee Ameerikaa keessatti hoggana, kuni tilmaamaan hanga Doolaara Biliyoona 100 gaafachuu mala.

Gaaffii cimaan garuu kaampaaniin ByteDance Appii isaa akkaan milkaa’ef kana nigurguraayii? Kan jedhudha.

TikTok..

TikTok kan hundeeffame akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2012 Dhaabbata ByteDance Kanaan yoo ta’u aappii viidiyoo gabaabaa Daouyin jedhamuun Chaayinaatti ture.

Waggaa tokkoon booda caasaa idil addunyaa kan ta’e TikTok jechuun ifoome. TikTok Chaayinaa keessatti kan uggurame ta’ulleen waggaa shan keessatti maamiloota Biliyoonan lakkaa’aman argatee ture.

Dhaabbanni TikTok kuni qabeenyummaansaa bu’uuraan kan dhaabbata ByteDance ta’ulleen dhaabbata waloo Losaanjalasii fi Singaappoor jiruun abboomama.

Qabeenya TikTok keessaa dhaabbanni ByteDance dhibbeentaa 20 qofa kan qabu yoo ta’u, harka 60 kan ta’u kan dhaabbilee fi inveestaroota Ameerikaati. Kan hafe harki 20 ammoo kan hojjettootasaa guutuu addunyaa jiraniiti. Boordii TikTok shan keessaas sadii lammiilee Ameerikaati.

Erga bara 2022tii Dhaabbanni TikTok yaaddoo ragaa odeeffannoo maamilootasaa Ameerikaa jiranii kana furuuf jecha wiirtuu Teeknolojii guddaa Teeksaas jiru sarvarii Orakil irratti kuusa.

Hoji gaggeessaan TikTok damee Singaapor Shou Zi Chew yeroo waggaa tokko hin caalle keessatti si’a lama kongirasiitti dhihaatee ibsa kan kenne yoo ta’u, aappii kanaa fi gahee inni achi keessatti qabu akkasumas hariiroo angaa’ota Chaayinaa waliin qabu akka hin jirre hime.

Dhaabbanni TikTok Ameerikaa amansiisuuf yaalaa turulleen manni marii bakka Bu’ootaa US baatii Bitootessaa darbe dhaabbanni ByteDance kuni TikTok abbaa qabeenyaa Chaayinaa hin taanetti akka gurguru yookan ammoo guutumatti Ameerikaa keessatti ugguruuf yeroo ji’a jahaa kenneefii jira.

Ji’a darbe seeneetiin biyyattiis wixinuma kana mirkaneesse. Amma pirezedaantiin Ameerikaa Joo Bayiden haajaawwan gurguddoo akka gargaarsa Yukireen, Israa’eelii fi Taa’iwan ilaalaa waan jiraniif wixinee Tiktok kana boodarra mallatteessuu malu.

Kunimmoo dhaabbata BayteDance kanaaf yeroo ji’a sagalitti dhihaatu akka argachuu danda’uuf haala mijeessa. Garuu dhimmi gurgurtaa yoo akka murtaa’uf yaadame Bayiden yeroo kenname kana irratti guyyoota dabalataa 90 kennuufii malu.

TikTok’ f gatii dhaadhessuu…

TikTok gurguruuf gatii baasuun waan baayyee rakkisaadha. dhaabbata dhuunfaa waan ta’ef iccitiin faayinaansii isaa hedduu hin ibsamu.

Garuu bara 2023tti galiin Ameerikaadhaa argatu Doolaara biliyoona 16 hanga biliyoona 20 gidduu dha. Kunimmoo galii dhaabbata ByteDance keessaa harka 16 jechuudha.

Gorsaan Teeknolojii Bank Swiss Ling Vey, ByteDance TikTok gurguruuf yaadurra Ameerikaa keessaa yoo cufame irra wayyaafi jedha.

Ameerikaa keessaa ammaaf yoo uggurames yeroo haalli fooyyaa’ee fi wal hubannaan uumame deebi’ee banamuu danda’a jechuun sababa eera.

TikTok ugguruudhaan Ameerikaan biyya jalqabaa miti. Indiyaan bara 2020 yaaddoo nageenyaati jechuun uggurte. Gabaan Indiyaa garuu TikTok dhaaf hagas mara bu’aan isaa olaanaa waan hin turreef TikTok uggura sana dandamatee bira kute.

Uggurri TikTok kan Ameerikaa kuni garuu dhaabbatichaaf waan laayyotti ilaalamu miti. Sababnisaas Ameerikaan TikTok dhaaf gabaa ijoodha. Fayyadamtoota TikTok keessaa harki 17 Ameerikaa keessa jiru.

Kanaaf jechas TikTok Ameerikaa keessaa uggurame jechuun fayyadamtoota qofa dhaba osoo hin taane madda galiisaa ijoo dhaba waan ta’eef dhaabbatichaaf kisaaraa guddaa akka ta’u himu ogeessonni.

TikTok eenyutu barbaada?

TikTok bituuf dhaabbileen humna qaban hedduu miti. Kan bituu danda’an warra maallaqa tuulanii qaban akka Meta fi Alphabet dha.

Isaanuu seera farra dorgommiitiif jecha bittaa kana raawwachuuf sodaa qabaachuu malu.

Rakkoo cimaan gurgurtaa Appii kana waliin ka’uu danda’u biraan dhimma kutaa TikTok ‘Recommendation engine’ jedhamuuti.

Kuni hubannaa namtolcheetin kan hojjetu yoo ta’u iccitiiwwan fayyadamtootaa kan tiksuu fi milkaa’ina aappii kanaatif waan akkaan murteessaa ta’edha.

Bara 2020 yeroo Ameerikaan TikTok akka gurguramuuf dhiibbaa gochaa turte ByteDance Algoorizimiisaa kana waliin akka hin gurgurre himee ture. TikTok algoorozimii kana malee gurguruun ammoo yaaddoo Ameerikaas hin furu, warra bitus hin harkisu.

Akka Mr Li jedhanitti, algorizimiin TikTok kuni waan akkaan murteessaadha. Dhaabbata algoorizimii kana malee TikTok bituu danda’uuf gatiin baayyee gadi bu’uu akka danda’us himan.

Xinxaltoonni garuu TikTok gurguramulleen dhaabbileen Chaayinaa keessatti bu’uureffamanii hojjetan fayyadamtootarratti xiyyeeffachuudhan beekamu jedhu.