Paarlaamaan Somaaliyaa wal ta’insa waraanaa dhiyeenya Turkii waliin mallattaa'e raggaasise

Paarlaamaan Somaaliyaa waliigaltee waraanaa Tarkii waliin mallattaa'e raggaasise

Madda suuraa, SONNA

Paarlaamaan Somaaliyaa wal ta’insa waraanaa fi dinagdee dhiyeenya ministiroonni waraanaa Turkii fi Somaaliyaa walii mallatteessan raggaaise.

Waliigaltee waggoota kudhaniif turuun Turkiin waraana galaanarraa Somaaliyaaf leenjii waraanaa kenniti.

Dabalataan humna gaalanarraa Somaaliyaa hidhachiisuun eegumsa daangaa galaanarraa Somaaliyaaf bobbaasti.

Kun eegumsa daangaa bishaanii Somaaliyaaf tarkaanfii guddaa yoo tahu, muddama dhimma hulaa galaanaaa waliin wal qabatee naannichatti ka’aa jiru ittisuuf waliigaltee murteessaa Somaaliyaan taasiftedha jedhame.

Dabalataan waliigalteen kun qabeenya galaana keessaa fayyadamuu kan dabaluu fi diinagdee biyyoota lameeniif waliigaltee murteessaa tahuu himame.

Waliigaltichi ‘’sodaa shororkeessummaa kamiyyuu kan balleessu, qonna qurxummii seeraan alaa kan hanbisu, faalama keemikaalaa galaanarraa kan hir’isu, weerara ykn dhiibbaa alaa kamiyyuu galaana Somaaliyaatti dhufu kan hanbisudha’’ jedhan ministirri muummee biyyattii Hamzaa Abdii.

Waliigalteen kun erga Itoophiyaan Somaaliilaand waliin Amajji 01, 2024 hulaa galaanaa argachuuf waliigaltee wal hubannaa mallattesiteen booda dhagahame

Muddamni Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu torban xumurame kanarra yeroo pirezidaantiin Somaaliyaa humnootni nageenyaa Itoophiyaa wal gahii Gamtaa Afrikaa hirmaachuuf yoon bahutti na danqana jedhan hammaate.

Itoophiyaan garuu gochicha haaluun nageenya isaaniif humnoota nageenyaa ramadneerraaf jette.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mootummoota Gamtoomanitti ambaasaaddari Somaaliyaa waliigalteen Itoophiyaan Somaalilaand waliin taasifte, ''labsii waraanaati,'' jechuun himatan.

Yaa'ii Mana Maree Nageenyaa UN irratti Abukaar Osmaan isa mootummaan Somaaliyaa waliigalteen Itoophiyaafi Somaalilaand''walabummaa biyyaa sarba'' jedhe irra deebiin kaasaniiru.

Ambaasadarichi Itoophiyaan lafa Somaaliyaa ofitti dabaluuf waliigalticha mallattesite jechuun komatan. Itoophiyaan garuu lafa Somaaliyaa fudhachuufis tahe Somaaliyaa waliin waraanatti galuuf homaa fedha akka hin qabne ibsiteetti.

Itoophiyaafi Somaaliland Amajjii 1, 2024 irratti waliigaltee wal-hubannoo waliif mallatteessuussuun mootummaa Somaaliyaa dheekkamsiisuun dabalataan Gaanfa Afrikaatti dhimma falmisiisaa taheera.

Akka waliigaltichaatti Itoophiyaan waliigaltee liizii waggaa 50 turuun qarqara galaanaa naannoo buufata doonii Barbaraa km 20 dheeratu hojii daldalaa fi buufata waraanaa irratti ijaaruuf oolu argatti.

Bakka isaa ammoo Itoophiyaan Somaaliilaandiif adeemsa keessa beekamtii biyyummaa kennitiif kan jedhu waliigalamuu karaa Somaaliilaand himameera.

Ministirri Muummee Abiy Ahmad torban lama dura haasaa mana-maree bakka bu'oota ummataa irratti taasisaniin, mootummaan isaanii Somaaliyaa waliin gara waraanaatti seenuuf fedhii akka hin qabne ibsanii ture.

Obbo Osmaan yaada Itoophiyaa dhimmoota kanarratti kennite kuffisuun mana marichatti gochaan kuni, ''finxaaleyyiin al-shabaab akka deebi'anii ka'an, akkasumas gareeleen Gaanfa Afrikaatti foxxoquu fedhan akka deebi'an jajjabeessa,'' jedhan.