Amad Diyaaloo sadii galchee, Maan Yunaayitid 'qaanii sadii' oolche

Taphataan lammii Ayivorii Kost umuriin isaa wagga 22 Amad Diyaaloo qe'ee warra Maanchester Yunaayitid murteessaa ta'uu itti fufeera.

Maanchester Yunaayitid tapha kilaba yeroo ammaa Piriimer Liigii keessatti sadarkaa dhumaarratti argamu Saawoz-hampiten simatee 1-0n mo'amuuf daqiiqaan sagal haftetti hojii Amad hojjeteen fafa oole.

Osoo hojii boonsaa gurbaa kanaatiin qaanii hin oolle ta'ee Maanchester Yunaayitid silaa erga bara 1930 as yeroo jalqabaatiif dirreesaaniirratti walitti aansuun si'a afur mo'amuun fafa biraan yaadatamu ture.

Maanchester Yunaayitid leenjisaa ari'ee Ruuban Amorim erga qacaratee kilaboota gurguddoo waliin tapha taasiseen gahumsa gaarii agarsiisuu jalqabeera.

Maanchester Darbiirratti Siitii mo'ateera, kan barana gareen isa dhaabu dhibe Liiverpuuliin ammoo qixa baheera. Waancaa FA CUP irratti ammoo Arsenaaliin dirreessaarratti adabeera.

Kanaaf, gahumsa isaatti deebiyaa kan dhufe Maanchester Yunaayitid kilba kufaa jiru Saawoz-hampitaniin mo'amuuun fafa biraa hin ta'uuree? Isayyu dirreesaa Oold Tiraaforrd irratti.

Galata gurbaa bifan bicuu gochaan guddaa, Amad Diyaaloo malee fafa kana ooleera Maancheen.

Milkaa'ina haaraa Amad

Amad Diyaaloo taphataa Afrikaarraa Maanchester Yunaayitidiif yeroo jalqabaatiif hatiriikii hojjechuu [tapha tokkorratti goolii sadii lakkoofsisuu] danda'edha.

Kana malees, seenaa Piriimer Liigii keessatti taphataa taphni dhumuuf daqiiqaan 10 yeroo hafetti goolii lakkoofsise sadaffaa ta'eera.

Amad saatiin idilee daqiiqaa 81 erga darbee kaaseeti gooliiwwan sadan kan lakkoofsise. Walumaagalatti daqiiqaa 12 keessatti goolii sadii galchuun 1-0n gareesaa Saawoz-hapiteniin durfamaa ture 3-1n akka mo'atu gargaareera.

Maanchester Yunaayitid gahumsi isaa gadi buhaa ture. Gooliin sadan Amad ittiin gareen isaa mo'ate dhamaatii dhunfaa gurbaa kanaa ta'uu deeggartoonniifi komentaateroonni dubbachaa turan.

"One man show, single handedly" [morkii namni tokko irratti mul'ate, harka-tokkeen] jechaa turan yeroo hojii Amad Oold Tiraafoordirratti agarsiise kan ibsaa turanitti.

Ruuben Amorim, "hojii guddaa hojjete, dargaggeessi ol adeemaa akka kanaa kilaba akka kanaatiif hatiriikii hojjechuun yeroo akkaan namatti toludha," jechuun jajate.

Amma wanti barbaachisu tapha itti aanurratti xiyyeeffachuu qaba kan jedhe leenjisaan Maanchester Yunaayitid, "boqochuu qaba, sirriitti nyaatee Dilbata dhufuufis of qopheessuu qaba sababiin isaas ammas isa barbaadna," jedhe.

"Wanti guddaan mo'achuu waan ta'eef inni nu gargareera. Bara kana baayyee cimaa jira…Dhugaa dubbachuuf hojii gaarii hojjeteera.

"Ammas taanaan wanta foyyeessu baayyee qaba. Taphni kun amma darbeera waan ta'eef isa dhufuu of qopheessuu qabda. Kubbaan miilaa kana fakkaata, jireenyis kana fakkaata."

Amad dhiyeenya kana kontiraata haaraa Maanchester Yunaayitid waliin wagga shaniifi walakkaa isa tursiisu mallatteesseera. Kana jechuun hanga bara 2030tti tura jechuudha.

Amad Diyaaloo sara cinaa gara duubaarra, akkasumas sara giduu gara fuula duraara sirriitti taphachuu danda'a. Bakkeewwan kanarratti Amad bu'a qabeessadha, garee morkattootaas taphataa dhiphisuu danda'udha.

Amad hatiriikii Maanchester Yunaayitdiif hojjeteen booda akkas jechuun TNT irratti dubbate.

"Anaaf tarii jireneya kiyya keessatti torbanoota huda caalaa filatamaadha," jedhe.

"Hanga dhumaatti itti amannee waan taphanneef dorgommii kana mo'achuu keenyatti gammadneerra. Arsenaaliifi Liiverpuul waliin taphaan wal qixa baaneerra; sunis ofitti amanuu keenya nuuf cimseera."

BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.