'Saatii dheeraaf dhoqqee qotee ambulaansiin bahuu dinnaan taa'ee boo'e'

Madda suuraa, Habtaamuu Darguu
Godina Goofaatti Konkolaachisaan Ambulaansii haadha deessuu buufata fayyaa dhaqqabsiisuuf aarsaa kanfale jajamaa jira.
Dargaggoo Habtaamuu Darguu jedhama. Godina Goofaa aanaa Meeloo Gaadaatti konkolaachisaa ambulaansii yoo ta'u ogummaa isaa kanaanis waggoota lamaa ol hojjeteera.
Taateen tibbana isa mudate garuu seenaa hojiisaa keessatti waan gaddisiisaa fi 'Yeroon Yaadadhu ammayyuu imimmaantu naqaba' jechuun ibsa.
Dargaggoon kuni waan Dilbata darbe hojiirratti isa mudate kana ilaalchisuun BBC waliin turtii taasiseera.
Guyyaan isaa Dilbata ture. Waaree booda naannoo sa'aatii saddeetii yoo ta'u karaa waajjira isaatiin deessuun Ciniinuun qabe saffisaan gara dhaabbata Fayyaa aanaa akka fidu ajaja fudhata.
Imalli guyyaa sa'aatii saddeetitti gara ganda baadiyyaa Gaadaa jedhamutti deessuu ciniinsuun qabe jedhamee bilbilame kanatti eegale.
Daandii imalaaf rakkisaa ta'e kanarra ambulaansii isaan lafa Kiiloomeetira 81 imalee qe'ee harmee kanaa qaqqabe.
Yeroo deessuu kana bira gahu aduun dhiheera. Ogeettii fayyaa, abbaa warraa deessuu kanaa qabachuun dukkana kana keessa gara buufata fayyaatti qabatee fiiguu eegale.
Akkuma daandii muraasa deemeen Konkolaataan isaa dhoqqeedhaan qabamuu hima Habtaamuun.
"Akkuma xinnoo deemneen ambulaansii dhoqqeen qabate. Ciniinsuun harmee kanaa sammuukoorra jira. Konkolaataarraa bu'een dhoqqee kana jalaa haruuttin ka'e. akkuma ta'e ta'ee haadha kana mana yaalaatiin gahuun qaba jedheen baayyee dhama'e" jedha.
Tattaaffiin Ambulaansii kana dhoqqee keessaa baasuu waan laayyoon ta'u hin taane. Namoota inni fe'ee jiruun alatti lafti halkan waan ta'eef nama isa gargaarus hin arganne.
"Tasa yoo namni jiraate jedheen saayirenii ambulaansii iyyisiisaan ture. Bakkichi bosona wayiis waan tureef namni tokkoyyuu naannoo sana hin jiru" jedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dukkana keessa sa'aatii dheeraadhaaf konkolaataa kana baasee deessuu kana mana yaalaatiin gahuuf tattaaffii obsa fixachiisaa taasisuus ofiisaatiifi dhoqqeen bade abdii kutannaa guddaa keessa bu'e.
"osuma achi dhoqqee keessa jirruu dubartiin ciniinsurra turte suni ambulaansuma keessatti deesse. Ogeettiin fayyaa nufaana waan turteef isheen gargaartee achuma keessatti deesse" jedha.
Wanti nama gadiisiiisu garuu daa'imni dhalate lubbuun hin turre. Habtaamuun amma miira abdii Kutannaa cimaa keessa seene . halkan walakkeessa darbee sa'aatiin saddeet gaheera.
Akkuma Ambulaansiisaa dhoqqee keessaa baasuuf dhoqqeen badeti konkolaataasaa dura dhoqqee keessa ciisee Boo'ee hirqinfate.
"Akkuma ta'e ta'ee mana yaalaatiin gahuudha ture yaannikoo. Garuu hin dandeenye. Daa'imni dhalate duunan miirakoo too'achuun dadhabe. Nan boohe. Haati kunis niduutii laata kan jedhu dhiphina biraa keessan seene" jedha.
Achuma dhoqqee keessatti erga bariisisee ganamaan Hogganaa isaatti bilbilee waan isa mudate gabaase. Ambulaansiin biraa ganamaan dhufee haadha kana Hospitaala Saawulaatin qaqqabe jedha.

Madda suuraa, Habtaamuu Darguu
Akka Habtaamuun jedhutti, taateen erga mudatee torbee tokko ta'uuf deemu kuni ammalleen akkuma waan ammma ta'eetti imimmaan isa hudha. Balaa kanaaf sababni rakkoo daandii naannoo isaanii akka ta'es hima.
"Daandiin kuni waggaa hedduu dura kan hojjetame. Daandiidha jechuunuu nama dhiba. Baayyee manca'eera. Osoo daandiin nagaa ta'ee balaan akkanaa hin uumamu ture" jechuun gaabbiidhaan dubbata.
Konkolaachisaan ambulaansii konkolaataasaa dhoqqee keessaa baasee haadha ciniinsuun qabe kana mana yaalaatiin gahuuf tattaaffii cimaa godhee erga gamteefii achuma konkolaataasaa dura osoo taa'uu namootni motoraan deeman suura isa kaasan.
Suurrisaa dhoqqeedhaan badee ambulaansii dura taa'ee jiru kuni miidiyaa hawaasummaa irratti qoodamuun aarsaa lubbuu baraaruuf taasiseen guddoo jajamaa jira.
Inni garuu sababa ambulaansiin dhoqqee keessatti danqamteef lubbuun daa'imaa baduunii fi haatis haala rakkisaa keessa seenuutti gadda gaafasii keessaa akka hin bane hima.












