Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhiiga hiriyoota koo ofitti dibeen haleellaa hidhattootaa jalaa lubbuu koo baraare - Barataa Yugaandaa
Barataa Juuliyes Isingoomaa wayita gareen hidhattoota IS mana barumsaa inni keessatti baratu haleelan iddoo barattoonni keessa bulan (doormii) keessa ture.
Hiriyoonni isaa wayita haleellaan irratti raawwatu kan waliin ture barataan kun akkamiin akka lubbuusaa baafate amma wayita yaadatu dhugaa itti hin fakkaatu.
''Kanneen haleellaa geessisan du'eera jedhanii akka na bira darbaniif jedheen dhiiga hiriyoota kiyyaa afaan, gurraa fi mataa kiyyatti dibeen ciise,'' jedhe.
Haleellaa mana barumsaa sadarkaa lammaffaa magaalaa xiqqoo Miponduwee keessatti argamutti raawwate kanaan namoota 40 ajjeefaman keessaa 37 barattoota.
Pirezidantiin Yugaandaa Yuweerii Museveenii haleellaa kanaaf garee Allied Democratic Forces (ADF) jedhaman himatan.
''Mana barumsaa sana keessatti waldhibdeen waan heddummaatuuf garee haala kanatti fayyadamuun yakka raawwatan waliin hojjechuu hin hafne,'' jedhan pirezidanti Museveeniin.
Hidhattoota haleellaa kana raawwatan daangaa Rippaabilika Dimokiraatawaa Koongoo irratti to'achuun adabuuf akka jiran himaniiru.
Garuu yoomii fi akkamiin akka ta'e hin ibsine.
Gareen mootummaan himatu ADF hanga ammaa dhimma kanarratti yaada hin kennine.
Gareen ADF cunqursaa bulchiinsi Pireezidanti Museveeniin hawaasa muslimaa lakkoofsaan muraasa ta'an irratti raawwatu dhaabsisuuf bara 1990 qabsoo hidhannoo eegale.
Dureen garee kanaa garee IS waliin hariiroo qabaachuu bara 2016 himee ture.
Haleellaa mana barumsaa Yugaandaarratti raawwate kanaan barattoota ajjeefaman irratti dabalataan barattoonni ja'as ukkaamfamanii fudhatamaniiru.
Hidhattoonni erga haleellaa raawwatanii booda gara Rippaabilika Dimokiraatawaa Koongootti wayita deebi'an barattoota kunneen ukkaamsanii fuudhanii deeman jedhan.
Barattoota carroomuun haleellaa kana jalaa lubbuun baraaraman muraasa keessa tokko kan ta'e Juuliyes, akkaataa hidhattoonni kunneen humnaan haleellaa doormii isaaniirratti raawwatan akkanaan ibsa.
''Jalqaba doormii rurrukutan. Barattoonni hidhattoota ta'uusaanii barraan irraa banuu didan. Booda banuu dadhabnaan boombii doormiitti darbatan. Isa booda burruusaa fi qottoodhaan balbala doormii caccabsanii seenan,'' jedhe.
Wayita hidhattoonni doormiitti seenan barattoonni akkuma toora galanii dhaabbatanii jiranitti haleelaman, wayita sana Juuliyes duubaan dhaabbatee akka ture hime.
Miirri ture gara iyyaa fi boo'ichaatti geeddarame, barattoonni hedduun meeshaa waraanaan haleelaman, baayyeensaanii yogguma sana du'an.
Juuliyes battaluma utaalee baaxii manaa seene, achi keessa taa'ee haleellaa sa'atii dheeraaf barattoota hiriyootasaarratti raawwatamu osoo garaan isa hammaatuu daawwataa ture.
Hidhattoonni barattoota hanga fedhan ajjeesanii firaashiitti abidda qabsiisanii ba'an.
''Aarri baayyee na dhiphise. Isa booda bakkan dhokadhee ture baaxii manaa keessaa utaaleen bu'e,'' jedha.
Hidhattoonni kunneen sagalee dhagahanii deebi'anii dhufan jedhe barataan kun.
Wayita kanadha barataan kun lubbuun ba'uu akka qabu kan malate.
''Dhiiga hiriyoota koo cinaan ciisaa ture. Akkumasaan ol seenaniin ofitti dibuun eegale. Gurra, mataa fi afaan koottin laaqe. Mataa kiyya ilaalalii na dhiisan deeman,'' jedhe.
Barataan biraan haleellaa kana jalaa lubbuun ba'e Goodwiin Mumbeeree barataa Juuliyes waliin doormii tokko keessa turan.
Barataan umrii waggaa 18 kun wayita hidhattoonni doormii ijoollee shamarranii seenuun guraadeedhaan ajjeesan ijaan argaa ture.
Isa booda gara doormii dhiirotaa dhufuun balbala cabsanii ol seenanii haleellaa eegalan jedhe.
Sireen Goodwiin jala dhokatee ture garagaluun barattoonni sireerra turan lafatti erga kukkufanii booda hidhattoonni haleeluun ajjeesan.
''Haleeltonni na arganiiru, garuu waanan du'e itti fakkaatee na dhiisan,'' jechuun BBCtti hime.
Erga doormii keessaa ba'anii booda deebi'anii hunduu du'uu mirkaneeffataa turan.
''Wayita deebi'an harka koo rasaasaan na rukutan, doormiitti abidda qabsiisan,'' jedhe.
Goodwiin yeroo dheeraaf of wallaalee erga turee booda wayita barataan biraa sagalee olkaasee iyyu of bare.
Isa booda lafaa ka'ee tirataa mooraa mana barumsichaa karaa duubaan ba'ee ooyiruu kokowaa keessaan ba'ee man-kuusaa tokko keessa dhokate.
Barataan kun yeroo ammaa namoota miidhaman kaan waliin Hospitaala Waliigalaa Bwera keessatti wal'aanamaa jira.