Yugaandaatti haleellaa hidhattoonni mana barnootaatti raawwataniin ijoollee dabalatee 40 ajjeefaman

Lixa Yugaandaa hidhattoonni garee Islaamik Isteet wajjin hidhata qaban haleellaa raawwataniin, namoonni 40 tahan ajjeefaman. Kanneen keessaa garri caalu barattoota.

Dabalataan haleellaa mana barnootaa sadarkaa 2ffaa Lhubiriha, Mpondwe'tti argamu kanatti raawwateen namoonni saddeet haala hamaa keessa jiru.

Akka poolisiin jedhutti hadhiisi Jimaataa kun garee Allied Democratic Forces (ADF) jedhamuun raawwate.

Gareen Yugaandaa keessaa tahe kun Rippabliika Demokraatik Koongoo - DRCtti buufata.

Gareen kun gara Paarkii Biyyoolessaa Virunga, DRCtti kan baqatan ogguu tahu, loltoonnis faana dhawaa jiru jedheera poolisiin.

"Haga ammaa mana barumsaa keessaa reeffi namoota 25 argamee, Hospitaala Bweraatti dabarfameera," jedhan dubbi-himaan poolisii biyyoolessaa Fred Enaga ibsa Sambata kennaniin.

Haleellaa Jimaata galgalaa kanaan kutaan ciisichaa barattootaa kan gubate oggaa tahu, kuusaan miidhaanis saamameera jedhan.

Maddi oduu AFP akka gabaasetti, barattoonni hedduun ammallee eessa buuteen isaanii hin beekamu, gariin butamuu hin oolle jedhameera.

Hidhattoonni kunniin haleellaa kanaan booda gara Paarkii Biyyoolessaa Virungaatti baqatan.

Paarkiin biyyooleessaa Afrikaatti isa umurii dheeraa lakkoofsiseefi guddaadha jedhamu kun, bineensonni kanneen akka goorillaa gaaraa keessatti kan argamanidha.

ADF dabalatee milioshoonni garagaraa lafa bal'aa Yugaandaafi Rwaandaa daangessu kanatti dhokatanii keessa turu.

Haleellaan mana barnootaa kun Yugaandaa keessa daangaa DR Koongoo irraa km lamaa hin geenyeetti kan mudate ogguu tahu, mana barumsaa Yugaandaarra haleellaa walfakkaatu ganna hedduun booda mudatedha.

Waxabajjii 1998 keessa haleellaa gareen ADF jaarmiyaa barnoota teeknikaa Kichwamba irra geessiseen barattoonni 80 ibiddaan gubatanii ajjeefaman. Haleellaan gaafasiis dhiyeenya daangaa DRCtti kan mudate yeroo tahu, barattoonni 100 ol b utamanii turan.

ADF baha Yugaandaatti 1990'oota keessa kan hundaa'e ennaa tahu, pireezidantii yeroo dheeraaf biyyattii bulchan Yoweerii Museeveenii mormuun kahan. Mootummaan biyyattii Muslimoota irratti dararaa raawwata jechuunis mormu.

Gareen kun 2001 keessa waraana biyyattiin mo'amuu hordofee, teessoosaa bulchiinsa Kiivuu Kaabaa, DR Kongootti jijjiire.

Hundeessaan garichaa Jamil Makulu, 2015tti Taanzaaniyaa keessa kan qabame ennaa tahu, mana hidhaa Yugaandaa keessa jira.

Finciltoonni ADF bar-kurnee lamaan dabraniif DRC keessaa kahuun oppireeshinii gaggeessaa turan.

Haleellaan boombii bara 2021 keessa magaalaa guddittii Kaampaalaafi kaanittis mudatan garee ADF kanatu raawwate jedhamee himatama.