Saalaan Liiverpuuliif deebii sirrii kennus filannoo kilabichaa ta'ee itti hin fufu

Liiverpuul tapha Tootenihaam mo'aterratti Mohaammed Saalaarraa deebii barbaade argateera. Wanti na gaddisiise tokkichi garuu dandeettii isaa sirriitti kan inni deebiye erga torban lama barfateen booda ta'uu isaati jedhe leenjisaan Liiverpuul Yaargen Kiloop.

"Ani Saalaan kan gahumsa isarraa eegamuun gadi ta'ef sababa amala isaatiin jedhee hin yaadu, sababiin isaa miidhama qaama isaarra gahee turetu torbanoota muraasa darban keessa akka gadi bu'u isa taasise."

Haata'u malee, taphataa tokko onnachiisuuf akkuma boqonnaan barbaachisu walitti bu'insis yeroo tokko tokko ni barbaachisa.

Torban darbe qarqara dirreerratti jijjiiramee seenuuf yeroo turetti Mo Saalaan, Yaargen Kiloop waliin afaan keessa wal ba'anii ture.

Torban kana ammoo tapha Liiverpuul dirreesaarratti Tootenhaam simatee keessummeessuun 4-2n mo'aterratti ga'umsa ajaa'ibaa agarsiiseera.

Kun ammoo 'xiiqii' ta'uu hin oolu.

Turtii hojii kiyya keessatti taphattoonni akkuma Saalaa kana qeeqa isaanirratti ka'een booda dandeettii isaniitti yeroo deebiyan nan arga. Dandeettii qeeqa isaanirratti ka'uuf cimina akkasii agarsiisanii deebii kennuun sirriifi barbaachisaadha jedheen yaada jedha Kiloop.

Kiloop waan isa mudate kaasuun akkasiin ibsa.

Kanaaf, fakkeenyi gaariin bara 1998 Liiverpuuliif taphachuu jalqabee tapha Maanchester Yunaayitid waliin Oold Tiraaford irratti guyyaa lamaffaa kilabichaaf hiriirerratti kan na mudatedha. Kaarl-Heenz Riidil gaafa sana tapharratti miidhamee ba'ee jennaan ani bakka isaa bu'ee seeneen Mikaa'el Owen duubaan gahee lakkoofsa 10 qabadheen taphachaa ture.

Yeroo sana umuriin kiyya waggaa 21 waan tureef baayyee sodaadheen ture. Kubbaan jalqaba tuqe lamaan nan balleesse. Amballii keenya yeroo sanaa kan ture Pool Insee ana liqimsuumaaf ka'e.

Sammuu koo keessatti, kanaan yaadaa tureefi deebiin na deebisaaf jechaa ture 'turi sitti agarsiisaa' kan jedhudha. Akkuman jedhe taphuma sanarratin agarsiise. Owen diimaadhaan waan baheef cimnee taphannee goolii 1-1n walqixa tapha xumurrerratti taphataa cimaa taphichaa jedhameen bahe.

‘Taphataa lama nama dubbachiisu’

Dhugaadha Saalaan taphataa collee urjii ta'edha malee taphataa callisee hamileen cabee garee keessa taa'us miti. Ani bakka mataa koo isa kaa'uukoo miti, garuu kanan jechuu barbaade taphattoonni hunduu yeroo qeeqaman filannoo fudhatan ni qabu kan jedhudha.

Torban darbe tapha Liiverpuul Weest haam waliin taphaterratti Kiloop yeroo Saalaan jijjiiramee seenuuf jedhutti waan itti dubbateeef deebii inni kenne sirrii hin turre. kana ammoo miidiyaaleefi deeggartoonnillee dubbachaa turan.

Kanaaf karaan sirriifi filatamaan waan uumame akkasii kanaaf deebiin 'tapha itti aanutti, sittin agarsiisa' kan jedhudha. Saalaanis sirriitti kanuma godhe.

Tapha Tootenhaam waliin turerratti yaaliin lama duraa osoo hin milkaa'iin hafee ittuma cichee goolii lakkoofsiseera Saalaan. Jalqaburraa kaasee gahumsa gaarii agarsiiseera.

Akkuman jalqabarratti jedhe, dandeettiin Saalaa amma deebiye kun Liiverpull morkii shaampiyoonaa Piriimer Liigii ta'uu keessaa kufuu hin oolchine. Sababiin isaas, kanaan booda Liiverpuul Liigicha mo'achuu hin danda'an.

Ta'us garuu ammallee, wanti gaariin deeggartoota Liiverpuul bara dhufu abdiin Yaargen Kiloop malee eeggachaa jiraniif Saalaan taphataa waan qabu hunda kennuufi taphataa lama nama dubbachiisudha.

Osoo nama hin taanedha ta'eefi gammachuu dhabuun kilabicha jibbee ala yaadaa jira ta'eeti deebii kana fakkaatu irraa hin argitu ture.

Saalaan ni turamoo ni deema?

Saalaan Waxabajji dhufu kana umuriin isaa waggaa 32 guuta. Liiverpuul waliin ammoo kontiraanni qabu waggaa tokkotu hafa.

Taatee torban darbeetiin booda Saalaan Liiverpuul keessa turamoo ni deema kan jedhu ijoo dubbii ta'eera.

Qabatama amma jiruun, waan gadhiisu miti. Karra goolii morkatootaa irratti argamuun isaa shakkii tokko malee barbaachisaadha. Isa gurguranii maallaqa guddaa argachuun deebisanii invastii gochuun gaarii ta'us, nama isa bakka bu'u argachuun kilabichaaf rakkisaadha ykn kan hin danda'amnedha.

Taphataan kun yeroo dandeettii isaa gaariirra hin jiru jedhamullee golii lakkoofsisuu ni danda'a. Ani ni tura jedheen abdadha. Garuu dhugaan jiru kana ta'uu dhiisuu danda'a. Waan isaafi maatiisaa hawwatu dhiyaateef yoo jedhe garuu wanti ta'uuf jiru hin beekamu.

Akkuma dhimmi Saalaa xiyyeeffannaa barbaadu, leenjisaa Liiverpuul haaraa dhufuuf dhimmi Virjil Vandaayik tursiisuu hojii angafaati.

Vandaayik Liiverpuuliif Saalaan qixxee barbaachisaadha. Taphataan kun kan Liiverpuul dhabuu hin barbaannedha.