Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Battala Kiloop waliin walitti bu'anitti kan toora irraa maqe Saalaadha'
Tapha Sambata darbe Liivarpuul fi West Haam goolii 2 fi 2 walqixa ba'an irratti jifataan Liivarpuul Mohammad Saalaa wayita jijjiiramee galuuf jedhutti leenjisaa isaa Yargan Kiloop waliin osoo walqoccolanii erga mul'atanii mata duree oduu ta'eera.
Piriimer Liigii Ingilizii keessatti jifataa [taphataa sarara fuulduraa] kan turee fi amma tapha kubbaa miillaa kan xiinxalu Kiriis Suutan, Mohaammad Saalaatu ''toora irraa maqe,'' jedhe.
Tapha sanarratti garee taphattootaa Liivarpuuliif jalqaba galan keessaa kan hambifame Saalaan, daqiiqaa 79 irratti jijjiiramee wayita galuuf jedhutti Kiloop waliin walitti bu'e.
Dorgommii Yurooppaa Liigii keessaa bahuusaa mirkaneeffatee kan jiru Liivarpuul, West Haam waliin qabxii qooddachuun kilaba Piriimer Liigii dursaa jiru, Arsenaal, booda qabxii shaniin akka hafu isa taasiseera.
Taateen mudate waan taphicharraa eegamuu fi isa ibsus miti kan jedhu Suutan, taphataan ganna 31 kun yeroo dhihoo as raawwiin inni agarsiisaa jiru quubsaa miti jedha.
''Barana Liivarpuul keessatti goolii galchuun kan isa dursu hin jiru, goolii 24 qaba. Garuu raawwiisaa kanaan duraarra hin jiru.''
Suutan turtii BBC Radio 5 Live waliin taasiseen ''Anaan natti hin tolle, garuu Saalaan daandiirraa maqeera, naamusa cabseera,'' jedhe.
''Taphattoota Liivarpuul kaanirraa inni nama addaa ta'ee miti. Inumaa dhugaan jiru, inni erga miidhamarraa deebi'ee raawwiinsaa fi dhaabbiinsaas haala gaariirra hin jiru.''
Taphataa collee, Liivarpuuliif oolmaa guddaa oole kana miidhuuf wanti raawwatame tokkollee hin jiru kan jedhu Kiriis Suutan, inni garuu itti fakkaateetu daangaa darbe jedhe.
''Inni taphataa ajaayibaa ture. Garuu hunduu daangaa qaba, inni daangaa sana darbe.''
Dhuma dorgommii taphoota Piriimer Liigii bara kanaatti Liivarpuul gadhiisuuf kan jiran Yargan Kiloop, Mohaammad Saalaa gara Anfiildi kan fide bara 2017 ture.
Saalaanis ergasii taphataa isaa fi kilabicha boonse ta'eera.
Garuu Kiloop yeroo barbaadetti taphattoota fedhe filatee gartuu gara dirree seenuun garechaaf waan gaarii argamsiisan jedhee amanu hundeessuuf mirga guutuu qaba jedha Suutan.
''Milkaa'ina (dandeettii) kanaan duraa himataa hanga dhumaa hin jiraattu,'' jedha Suutan.
''Mala malteen yeroo yeroon jijijjiirama. Kilooppis sanuma raawwate, kanaaf isa [Saalaa] keessaa hambise. Sun mirga, waan gaariif kan raawwatamu. Inni hoogganaadha, Saalaan ammoo taphattoota kaanirraa adda miti.''
Yeroo taateen kun mudatetti Saalaan waan Kiloop itti dubbateen guddoo rifatee aariin dubbataa ture, boodarra wayita qoccolloon hammaatu waahillan isaa Darwin Nuuneez fi Jooy Goomeez Saalaa qabanii Kiloop irraa fageessan.
Taateen sun darbe taphnis erga goolabamee booda ammoo Saalaan waan mudate ibsuurraa of qusate.
''Yoon dubbadhe har'a ibiddatu qabata,'' jedhee iccitii sana garaatti hambifate.
Taphataan duraanii Evartaniif sarara gidduurra taphataa ture Lewoon Osmaan gamasaan waan Saalaan mul'ise gaarii akka hin taane dubbate.
''Amala akka sanaa agarsiisuu jechuun leenjisaa fi garee waliin taphattu kabajuu dhabuu agarsiisa. Taphattoota kaan dursee anatu taphachuu male akka jechuuti,'' jedhe Osmaan.
''Inni taphataasaanii isa cimaa fi ajaayibaa ta'uun dhugaadha. Garuu hunduu garee sana keessatti qooda qaba. Hunduu akkaataa kilabichaaf bu'aa buusuun dabareen taphatu. Wayita xumuran harka walfuudhanii dirreedhaa ba'u. Galmisaanii tokko, tapha mo'atanii kilabasaanii ol kaasuudha.''
Dorgommiinsaaniis haala nama gaddisiisuun xumuramee, hariiroonsaaniis dhumarratti akkas ta'uun nama gaddisiisa jedhe Osmaan.