Abaarsa moo carraa- Miidhama Mohaammad Saalaa abjuu isaa dimimmeesse

Mohaammad Saalaa taphataa jabaa garuu carraa dhabeessa jechuun ni danda'ama. Akkamiin yoo jettan:

Yeroo lama xumura waancaa Afrikaaf qaqqabuun yeroo lamaanuu mo'amuun waancaa kan dhabe Mohaammad Saalaa bara 2022 yeroo Senegaal shaampiyoonaa taatu hedduu gaddee ture.

Miiltoon isaa yeroo sanaa Sadiyoo Maaneen gammachuun yoo burraaqu Mohaammad Saalaaf garuu gadda guddaa ture.

Saalaan Roomaa irraa Liiverpuulitti erga makamee walitti fufiinsaan galchii hedduu Liiverpuuliif lakkoofsisuun taphataa dandeettii isaa agarsiisedha.

Taphataan kun gahumsa agarsiiseen taphataa hamma gahumsa isaa hin faarfamne yoo jedhame malee waan itti hanqatu hin jiru.

Mohaammad Saalaan yeroo lama taphataa cimaa Afrikaa jedhamuun badhaafameera. Yeroo lama ammoo xumura Waancaa Afrikaaf gahuun biyyi isaa mo'amuun waancaa dhabeera.

Bara 2017 Kaameeruunii fi Masiriin xumuraaf qaqqabuun Kaameeruun 2-1'n mo'achuun Saalaan osoo hin milkaa'iin hafe.

Bara 2022 Senegaalii fi Masiriin xumura waancaaf qaqqabuun daqiiqaa 120 galchii malee xumuran. Tapha hiriyyoonni lameen [Mohaammad Saalaa fi Sadiyoo Maanee] irratti wal morkatanidha.

Rukuttaa peenaaliitiidhaan Seenegaal injifachuun yeroo jalqabaaf shaampiyoonaa tahuun ammas gaddi onnee Mohammad Saalaa cabsite.

''Waan hundaa mo'adheera garuu waancaa kana dhabe,'' kan jedhe Mohaammad Saalaa, waancaa Afrikaa 2023 bara kana Ayivooriikostitti qophaa'e mo'achuu akka barbaadu dubbachuun kilaba isaa Liiverpuul dhiisee deeme.

Tapha jalqabaa Moozaambik waliin taphatan irratti Mohaammad Saalaa daqiiqaa xumuraatti rukuttaa peenaaliitiidhaan galchii wal qixxeessituu biyya isaaf lakkoofsise.

Taphichi qixa 2-2n xumurame. Tapha Gaanaa waliin taasisanii galchii wal fakkaataa 2-2 xumurame irratti Saalaan miidhamuun dirreetii bahe.

Jalqabuma irratti abjuun Waancaa Afrikaa injifachuuf qabu kunoo jalaa dimimmisaa'uu jalqabe.

Gareen Mohaammad Saalaa waancaa mo'achuun hafee yoo tapha isaan hafe hin mo'anne ganamaan dorgommicha keessaa galuu malu.

Mohaammad Saalaa amma yaaliif jecha gara kilaba isaa Liiverpuulitti deebi'eera. Gahumsa gaarii irra kan jiru biyya hiriyyaa isaa Sadiyoo Maanee Senegaalidha.

Abaarsa moo carraa- Miidhama Mohaammad Saalaa

Barri 2018, Mohaammad Saalaaf bara gahumsa guddaa itti agarsiisee fi bara gadda guddaan kubba miilaa keessatti isa mudatedhas.

Liiverpuul waggoota dheeraa booda xumura waancaa Shaampiyonsi Liigiif Riyaal Maadirid waliin gahe.

Kileboonni lamaanuu Shaampiyoonsi Liigiidhaan seenaa gaarii qabu, Riyaal Maadirid garuu waancicha yeroo 14 injifachuun rikardii harkaa qaba.

Taphni xumuraa waancaa Shaampiyoonsi Liigii bara 2018 biyya har'a Raashiyaa waliin waraana keessa jirtu Yuukireenitti, istaadiyeemii NSK Olimpiiskii irratti gaggeeffame.

Taphattootni Liiverpuul gaafasii hundi isaanii waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo'atanii hin beekan.

Mohaammad Saalaa ammoo baratti Liiverpuuliif galchii 44 lakkoofsise ture.

Waancaan Addunyaa Raashiyaan qopheessite fuula isaa dura jira. Aduu torban sadii keessatti biyya isaa Masirii dursuun Raashiyaatti imaluu qaba.

Kun ammoo biyya Afrikaa irraa itti abdatamu qofa osoo hin taane Mohaammad Saalaa duuba yerootti guutuun Afrikaa jiru ture. Gahumsi isaa yerootti samii tuqedha.

Taphni jalqabee daqiiqaa 30 irratti Serjiyoo Raamos Mohaammad Saalaa harka qabee qoma isaan lafatti darbatee kuffiise. Ceekuun isaa buqqa'uun miidhama guddaan isa mudate.

Mohaammad Saalaa dhukkubbi miidhamichaa qofa osoo hin taane dorgommii mo'achuuf hawwiin eegaa ture keessaa bahuun isaa onnee isa cabse.

Imimmaaniin dirree keessaa bahe. Kallattummaan yaalii hatattamaaf gara hospitaala Kiyeev jiruutti geeffame.

''Jireenya kubba miilaakoo keessatti halkan sun halkan baay'ee ulfaataa fi baayyee hamaa ture. Baayyee baayyee gaddeen ture. Barattan gahumsa guddaarra ture waan taheef, daqiiqaa 30 keessatti dirree keessaa bahuun waan hedduu na gaddisiise ture'' jechuun Sky Sport irratti dubbatee ture.

''Erga taphni dhumee anis qabxicha tilmaameera. Hendersan dhufee hospitaalatti natti hime. Haala kanaan mo'amuun nurra hin jiraatu,'' jedhe.

Garuu guyyaa sana Liiverpuuliin kan miidhe dogoggora baayyee fokkisaa karra eegaan isaanii uume ture.

''Hamman kubba miilaa taphadhetti guyyaa sana dura takkaayyuu miirri akkasii natti dhagahamee hin beeku. Sababni isaa hunda keenyaafuu tapha Shaampiyoonsi Liigii xumuraa isa jalqabaa ture,'' jedhe Mohaammad Saalaa.

''Waggaa isaatti deebisnee waancaa Shaampiyoonsi Liigii mo'achuun keenya garuu miira haloo bahachuu naaf kennee ture. Inumaayyuu gammachuu adda tahe qaba,'' jedhe.

Leenjisaan Liiverpuul Yargan Kilooppi dhiyeenya kana ''kufaatii [injifatamuu] guddaa jireenyakootti na mudate milkaa'ina guddaa taheef na qaqqabsiise'' jedhan.

Walumaa galaan Mohaammad Saalaan Waancaa Afrikaa, Ayivoorii Kosti qopheessite kana irratti miidhamuun yaaliif gara Liiverpuulitti deebi'eera.

Miidhama isaan hedduu kan rifatan leenjisaan isaa Kilooppi yoo biyyi isaa walakkaa xumuraa ykn xumuraaf geesse Saalaan hagasitti fayya'ee deebi'ee deemuun ni taphata, nuyis ni ergina jedhan.

Amma kadhannaan Saalaa dafee miidhama isaarraa fayyuu fi hunda caalaa ammoo biyyi isaa Masiriin haga xumuraatti darbuu taha.

'Guyyaa tokko Waancaa Afrikaa nan injifadha'

Masiriin Waancaa Afrikaa yeroo dhumaaf kan injifatte bara 2010 yoo tahu yeroo sana Mohaammad Saalaan tapha kubba miilaa pirofeeshinaalaa biyya isaa bakka bu'uun hin jalqabne ture.

Bara 2017 fi 2021 ammoo xumura waancaa Afrikaaf gahuun, Kaameerunii fi Senegaaliin duraa duubaan mo'amanii waancicha dhaban.

Garuu Masiriin waliigalaan waancaa torba mo'ateetti. Mo Saalaan tapha Moozaambik waliin taasisan irratti daqiiqaa xumuraatti rukuttaa peenaaliitii lakkoofsise.

Tapha Gaanaa waliin taasisan irratti ammoo miidhamee dirreetii bahe.

Mohammaad Saalaa ''dhiyoottis tahu, turees Waanaa Afrikaa injifachuun koo hin hafu'' jedhe.

''Waancicha mo'achuu hedduun barbaada, guyyaa tokko akkan dhugoomsu nan amana.''

''Waan hundumaa mo'adheera jechuun danda'ama, ishee kanatu natti hafe, Waancaa Afrikaa mo'achuun miira akkamii akka qabu taphataan kamiyyuu ni beeka,'' jedhe.

"Taphattootni hunduu waancaa Afrikaa kana mo'achuuf hedduu onnataniiru, jabaannee yoo hojjenne waan hunduu ni danda'ama jedheen amana, amma tapha tokko qofa mo'annaan garee keenya keessaa ni dabarra'' jedhe.