Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Liyonel Mesiin taphataa cimaa, Gaardiyoolaan leenjisaa cimaa FIFA bara 2023 tahuun filaman
Liyonel Mesiin badhaasa taphataa cimaa Fifa bara 2023 Landanitti kenname mo'ate.
Taphataan kilaba Inter Miyaamii Liyonel Mesiin taphataa maanchister Siitii Erliingi Haalaandii fi taphataa PSG Kiliyaan Imbaappee caaluun badhaasicha mo'ate.
Haalaandi sadarkaa lammaffaa, Imbaappeen sadarkaa sadaffaan xumuran.
Leenjisaan Maanchister Siitii Peep Gaardiyoolaan, leenjisaa cimaa FIFA bara 2023 tahuun filaman.
Leenjisaa Inter Miilaan Simoon Inzaagii fi leenjisaan Naappoolii Nusiyaanoo Ispaaleetii ammoo lammaffaa fi sadaffaan xumuran
Badhaasa kana keessatti taphattootni Maan Siitii jaha hammatamaniiru. Edersan karra eegaa cimaa tahuun karra eegaa Riyaal Maadirid Tiboo Koortohaa caaluun filame.
Maanchister Siitiin bara 2023 keessa waancaa Piriimer Liigii, Shaampiyoonsi Liigii fi FA Kaapii injifataniiru.
Taphattoota cicimoo 11, bara 2023 filaman karra eegaan Riyaal Maadirid irraa Tiiboo Koortohaa, ittisarra Maanchister Siitii irraa Joon Istoonsi, Kaayil Wooker, Ruuben Diyaaz filamaniiru.
Sarara gidduurra Bernaandoo Silvaa, Keevin De Biruun Maan Siitii irraa Juud Beelingihaam Riyaal Maadirid irraa filamaniiru.
Sarara duraa irra Liyonel Mesii, Kiiliyaan Imbaappee, Viinishiyes Junerii fi Erlingi Haalaand filamaniiru.
Leenjistuun garee biyyaalessaa dubartootaa Ingilaandi, Saariinaa Wiigmaan leenjistuu cimtuu bara 2023 tahuun filamte.
Wiigmaan badhaasicha bara 2017, 2020 fi 2022 mo'atteetti. Karra eegduun Maanchister Yuunaayitidii fi Ingilaandi Meerii Eerpis karra eegduu cimtuu dubartootaa FIFA bara 2023 tahuun badhaafamte.
Liyonel Mesiin badhaasicha garaagarummaa sagalee xiqqoon mo'ate. Mesiin umurii isaa ganna 36n badhaasicha kan mo'ate gahumsa bara 2023 keessa agarsiiseeni.
Mesiin erga badhaasni kun bifa haaraan bara 2016 jalqabeen as yeroo sadaffaaf mo'achuu isaati.
Mesiin osoo gara Inter Miyaamii hin deemiin PSG'f galchii sagal lakkoofsisuun kudhan ammoo Inter Miyaamiif taphoota torba irratti lakkoofsise.
PSG waliin waancaa Liig 1 mo'ateera.
Haalaandi bara dorgommii tokkotti galchii Piriimer Liigii 36 lakkoofsise. bara 2022-23 waliigalaan galchii 52 kan lakkoofsise Haalaandi, 28 Waancaa Adunyaa booda lakkoofsise.
Imbaappeen akkuma Mesii waancaa Liig1 mo'ateera. Mudde 19, 2022-Hagayya 20, 2023tti galchii 18 PSG'f lakkoofsise.
Badhaasa kanaaf sagalee kan kennan leenjistoota, dursitoota garee, gaazexeesitoota fi deeggartoota yoo tahu, Mesii fi Haalaandi sagalee wal fakkaataa argatan.
Mesiin garuu lakkoofsa dursitoota garee sagalee kennaniifiin caaluun badhaasicha fudhate.
Warra Mesiif sagalee kennan keessaa Haarii Keen, Imbaappee, Mohaammad Saalaa, Andii Roobertsan, Aaron Raamsee fi Luukaa Moodirich fa'aadha.