Ameerikaan marii mootummaa Itoophiyaa fi WBO gidduutti jalqabe akka deeggartu himte

Ameerikaan marii nagaa mootummaa Itoophiyaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti Tanzaaniyaa - odola Zaanzibaaritti jalqabe akka deeggartu himte.

Ministerri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinken, waliigaltee dhukaasa dhaabuu mootummaa Itoophiyaa fi TPLF gidduutti Sadaasa 2 bara 2022 mallattaa’e ji’a jahaffaa qabachuu yeroo ibsaniiti, biyyi isaanii marii nagaa mootummaa Itoophiyaa fi WBO gidduutti Taanzaaniyaatti jalqabes akka deeggartu himan.

Antoonii Biliinken Kaaba Itoophiyaa keessatti nageenya waaraa fiduuf humnootni nageenyaa mootummaa Federaalaa ala tahaniifi loltoonni Ertiraa guutummaan bahuu fi kanneen sarbama mirga namoomaa raawwatan akka itti gaafataman gochuun qabxiilee murxeessoodha jedhan.

‘’Adeemsi Kaaba Itoophiyaatti nagaa buusuuf gaggeefame naannoo Oromiyaattis carraa nagaa buusuu akka jiraatuuf agarsiiftuudha.

‘’Marii nagaa mootummaa Itoophiyaa fi WBO gidduutti Tanzaaniyaatti jalqabe Ameerikaan ni simatti. Furmaata waaraa fiduuf qaamolee lameen wal amantaan mari’achuu qabu,’’ jedhan Antoonii Biliinken ibsa baasaniin.

Ameerikaan wal dhabdeen mootummaa Itoophiyaa fi WBO gidduu jiru akkuma kan naannoo Tigiraay sana karaa nagaan fala argachuu akka qabu gaafataa turte.

Ji'a Amajjii bara 2023 keessa Antoonii Biliinken yeroo haala waliigaltee nageenyaa mootummaa fi TPLF gidduutti raawwatee MM Abiy Ahimed waliin bilbilaan mariyatanitti, rakkoo nageenyaa Oromiyaa keessaas karaa nagaa furamuu akka qabu gaafataniiru.

Marii nagaa mootummaa Itoophiyaa fi TPLF gidduutti Gamtaa Afrikaan durfamuun gaggeeffame irratti Ameerikaan taajjabdoota keessaa tokko tahuun hordofaa turte.

Milkaa’inni as keessatti argame duula ‘’sagalee qawwee callisiisuuf’’ Gamtaan Afrikaa hojjechaa jiruuf galtee guddaa akka tahes ibse ministeerri dhimma alaa US.

Ameerikaan mootummaa Itoophiyaa fi TPLF waliigaltee dhukaasa dhaabuu hojiirra oolchuun, tajaajiloota bu’uuraa deebisuuf hojjechaa jiraachuu, hidhamtoota gadhiisuu, haqi yeroo ce’umsaa akka jiraatuuf hojjechuu, TPLF meeshaalee waraanaa mootummaatti kennuu fi mootummaa ce’umsaa hundeessuu irratti hojii hanga ammaa hojjetame galatteefateetti.

Dabalataan meeshaa waraanaa guutummaan hiikkachiisuu fi humnootni TPLF haala qaama nageenyaatti makaman irratti hojjechuunis akka itti fufuu qabu dhaamteetti.

Erga waliigalteen nageenyaa mootummaa Itoophiyaa fi TPLF gidduutti mallattaa’ee as, mootummaan yeroofii naannoo Tigiraayitti hundaa’uun, Obbo Getaachoo Raddaa bulchaa yeroofii naannoo Tigiraay tahuun filamanii hojjechaa jiru.

Mariin nagaa Tanzaaniyaa maalitti jira?

Mariin Taanzaaniyaatti mootummaa Itoophiyaa fi WBO gidduutti Ebla 24 bara 2023 jalqabe ammas akkuma itti fufetti jira.

Mootummaa Itoophiyaa fi ABO-WBO, bakka taajjabdootni walaba tahan [qaama sadaffaa] jiranitti marii nagaaf yoo taa'an kun isa jalqabaati.

Mariin nagaa kun jalqaba hanga xumura ji’a Eeblaatti gaggeeffama jedhamee karoorfamee ture.

Marii nagaa kana adda durummaan Noorweyii fi Keeniyaan gaggeessaa jiru. Ameerikaa dabalatee biyyootni biroo akka Iswiidin fa’aas deeggarsa gochaa akka jiran maddeen BBC himaniiru.

Marichi torban tokkoo oliif kan deemaa jiru yoo tahu, ‘’haala jajjabeessaa’’ irra akka jirus maddeen keenya ibsaniiru.

Qaamolee lamaan waliigaltee tokko irra gahuuf ammas guyyoota dabalataa lamaan tokko akka barbaadu warri maricha itti dhiyeenyaan hordofan himaniiru.

Mariin kun cufaatti icciitiin qabamee waan gaggeeffamaa jiruuf mata-duree hanga ammaa irratti wal tahanis tahe kan irratti wal falmaa jiran baruun hin danda’amne.

Qaamolee lamaan irraa bakka bu’oonni jaha, jaha maricha irratti argamaniiru. Maddi BBC amanamaan tokko booda loltootni lama Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) keessaa marichatti makamuu himaniiru.

Marichi cufaatti kan gaggeefamaa jiru tahus, BBC’n gara Taanzaaniyaa -Odola Zaanzibaaritti gaazexeesitoota isaa erguun itti baha marii kanaa hordofaa jira.

Erga bara 2018 MM Abiy Ahimed aangoo qabatanii as wal waraansi humnoota nageenyaa mootummaa fi WBO gidduutti gaggeeffamaa ture suuta suuta gara kutaalee Oromiyaa kaaniittis babal'ate.

Sababa rakkoo nageenyaa Oromiyaa, keessumaa gara Lixaa fi Kibaatti mudateen namootni baay'een lubbuu isaanii dhabaniiru. Kaan ammoo qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru.

Mariin nageenyaa Taanzaaniyaa kun namoota hedduutti abdii guddaa horeera.