Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Humni waraanaa Yugaandaa finciltoota Tigraay leenjisuu waakkate
Humni Waraanaa Yugaandaa gabaasa finciltoota Tigraayiif leenjii fi deeggarsa kennuun Itoophiyaa keessa tasgabbiin akka hin jiraanne gumaacheera jedhu waakkate.
Gabaasaaleen Humni Waraanaa Yugaandaa finciltoota TPLF deeggaraa jira jedhu jalqaba baatii Caamsaa keessa ture kan dhagaahame.
Torbee darbe ammoo gabaasni odeeffannoo bal'aa qabu marsariitii biyya Niwu Ziilaand buufate tokkorratti bahe.
Dubbi himaan Waraana Yugaandaa Birgaadeer Feeliiks Kulaayigiyee Dilbata fuula tiwiitarii isaanii irratti akka barreessanitti gabaasni Yugaandaan Itoophiyaa tasgabbii dhoowwite jedhu 'guutummaatti soba' jedhan.
Gabaasichi maqaa qondaalota olaanoo waraana Yugaandaa naannoo biyyattii Masakaa jedhamu keessatti finciltoota Tigraayiif leenjii kennamu dursaa turan jedhaman eera.
Hidhattoonni Tigraay 4000 ta'an buufataalee afur keessatti leenjiin akka kennamuuf hojjetamaa ture jedha gabaasichi.
Itti dabaluunis oppireeshiniin leenjii kennuu kun Masrii fi Ameerikaan akka deeggaramullee akeeka.
Qondaalota olaanoo waraana Yugaandaa gabaasicha keessatti maqaan dhahame keessa tokko ilma pireezidantii biyyattii fi ajajaa humna lafoo Jeneraal Muhoozii Kaayinerugaabaati.
Namni kun bara 2021 finciltoota Tigraayiin "obboloota" jechuun deeggarsa isaaniif qabu tiwiitarii irratti barreessee ture.
13 lolli yoo dhalatus mootummaa deeggaruun hirmaattee turte.
Ragaan gabaasa kana kessatti eerame sirrii ta'uun ykn duula oduu sobaa ta'uun hin mirkanoofne. Marsariitiin Niwu Ziilaand 'Scoop' jedhamu madda gabaasichaa ykn ammoo odeeffannoon achi keessa jiru sirrii ta'uu isaa mirkaneessuu hin dandeenye.
Haata'u malee gabaasichi dogoggoroota ifatti mul'atan qaba. San keessaa tokko ministira ittisaa duraanii Jeems Kabareebee jechuun maqaa kan dhahu yoo ta'u, Yugaandaan ministira ittisaa maqaa kanaan beekamu hin qabdu turte.
Birgaadeer Feeliiks Kulaayigiyee gabaasicha keessatti Yugaandaan Sudaan Kibbaa waliin ta'uun leenjicha qindeessuus soba jedhan.
Sudaan Kibbaatti ambaasaaddarri Yugaandaa qondaala waraanaa Sudaan Kibbaa gabaasicha keessatti maqaan dhahame waliin gonkumaa wal hin agarres jedhan.
Yugaandaan lola Bahaa fi Gaanfa Afrikaa keessatti uumaman hedduu keessaa qooda qabaachuun seenaa qabdi. Humni waraanaa ishee wayita ammaa DRC keessatti finciltoota hiddi isaanii Yugaandaa ta'e waliin lolatti jiru.
Al-Shabaab akka waraananiif loltoota ishee gara Somaaliyaa erguunis biyya jalqabaati. Sudaan Kibbaa keessatti pireezidant Salvaa Kiir fi itti aanaa isaanii Riik Mashaar jidduutti bara 20